Piroolaaktiinoomaa (Prolactinoma)

Hormooniin piroolaaktiin maali?


piituutariin qaama xiqqaa hamma baaqelaa hormoonii oomishuuf sammuu keessatti argamudha. Hormoonota barbaachisoo hedduu ni oomisha. Hormooniin inni oomishu hojii ujummoolee hormoonii oomishanii biroo hedduu to’atu.


piituutariin hormoonota uumuun kallattiin gara dhiigaatti gadi lakkisa. Achiis tayiroyidiifii qaamonni keenya biroo hormoonii oomishanii hormoonota barbaachisoo taʼan hedduu akka oomishan kan ajaju piituutaarii dha.pituutaariin  Qaama barbaachisaa sirna hormoonii qaamaa to’atudha. Qaamooleen hormoonii oomishan kanneen biroo hundaaf Geggeessaa olaanaa (master gland)  dha.


Xannachi piituutarii kun gara hormoonota barbaachisoo ja’a ni uuma. Hormoonota pituitarii kana keessaa tokko prolaaktiinii dha. Piroolaaktiin hormoonii guddina harmaa fi aannan harmaa akka bahu kakaasudha. Piroolaaktiin hormoonii haati harma hoosistu aannan akka qabaattu taasisudha.


Sadarkaan piroolaaktiin idilee dhiirotaa fi dubartoota hin hormaanne/hin ulfaa’an irratti baay’ee gadi aanaa (<20 ng/mL) dha. Dubartoota ulfaa ykn harma hoosisan irratti hammi piroolaaktiin olka’aa dha.


Prolaaktiinoomaa (prolactinoma) jechuun maali?


Prolaaktiinoomaan gosa dhukkuba yeroo pituitariin guddinaa fi dhiita’uu hin baramne (kan kaansarii hin taane) fi hormoonii prolaaktiinii garmalee oomishuun uumamudha. Maqaa biraatiin ‘Prolactin-producing adenomas’ ykn ‘ lactotroph adenoma’ jedhama.


Kuufamni piroolaaktiin garmalee kun hojiiwwan qaamaa hedduu gidduu seenuu ni danda’a. Yeroo piroolaaktiiniin qaama keessa baay’atu sadarkaa fi hojii hormoonota dhiiraa ykn dubaraa gidduu seenuun ni danda’a. Dhiirota irratti hammi testosterone dubartoota irratti estrogen ni hir’ata.


Dubartoonni marsaa laguu sirnaan dhabuu, laguu guutummaatti dhaabuu ykn dhala dhabuun isaan mudachuu danda’a. Dubartoonni tokko tokko yeroo ulfaa ykn harma hoosisuu baatanillee dhukkuba galactorrhea ni qabaatu. Mallattoolee laguu yeroo malee dhaabuu fiduu danda’a. Yoo hammaate ammoo lafeen akka haaphatu gochuu danda’a.


Dhiirota irratti piroolaaktinoomaan hojii sagnii hormaataa( isparmi)i gidduu yeroo seenu testosterone fi oomishni isparmii ni hir’ata. Kunis mallattoolee akka fedhii saalaa dhabuu, qaama saalaa dhiiraa ka’uu dadhabuu ykn dhala dhabuu fiduu danda’a. Akkasumas dadhabbiin cimaan, humna maashaalee dhabuu agarsiisa.


Guddinni piroolaaktinoomaa garmalee yeroo guddatu dhiibbaa fi dhiphina qaama sammuu naannoo sana jiru irratti fida. Dhiiraa fi dubartii irrattis mataa dhukkubbii cimaa fida. Yoo xannachi garmalee guddate narvii ijaa naannoo sana jiru irratti dhiibee rakkoo mul’ataa fiduu danda’a. Keessattuu mul’ata naannoo (cinaa) irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Akkuma hammaataa deemuun gartokkoon ykn guutummaatti mul’ata dhabuu danda’a. Akkasumas hanqina hormoonota biroo fiduu danda’a.


Namoonni dhukkuba kana qabaachuu akka danda’an beekuuf maal gochuu qabu?


Prolaaktinoomaan dhiiraa fi dubartoota irratti saala osoo hin ilaalin ni mul’ata. Irra caalaa namoota umrii giddu galeessaa keessattuu umuriin isaanii waggaa 50 gadi ta’e irratti mul’ata.


Yeroo hunda jijjiirama qaamaa irratti dammaquun barbaachisaa dha. Miirri hin baratamne ykn sirrii hin taane yoo jiraate, yeroo hunda gara doktoraatti deemtee waan si dhiphisu irratti mari’achuun gaariidha. Dhukkubbiin hormoonii osoo hin hammaatin dafanii adda baasuun jijjiirama guddaa fiduu danda’a.


Dubartootaaf marsaa laguu fi jijjiirama harmaa hin eegamne hordofuun gargaaraa ta’uu danda’a. Dhiironni yoo dadhabbiin hin baratamne ykn fedhiin fedhiin saalaa yoo hir’ate ilaalamuu qabu. Mataa dhukkubbiin ykn jijjiiramni ijaa gonkumaa bira darbamuu hin qabu.


Prolaaktinoomaa akkamitti adda baafama?


Namni tokko mallattoolee armaan olitti ibsaman yoo mudachaa jiraate, qorannoo salphaa tokko tokko gochuun piroolaaktinoomaa qabaachuu fi dhiisuu isaa mirkaneessuun adda baasuun ni danda’ama. Tokkoffaa, hammi piroolaaktiin qorannoo dhiigaatiin qoratama.


Yoo hammi piroolaaktiin olka’e, MRI scan ajajama. Kunis guddinaa fi bakka sirrii firii sanaa arguuf gargaara.


Prolaaktinoomaa  akkamitti yaala?


Oduu gammachiisaa piroolaaktinoomaan yaalamuu fi fayyuu kan danda’u ta’uu isaati. Gosoonni piroolaaktinoomaa baay’een isaanii qorichaan yaalamanii jiru.


Qorichootni kunneen sadarkaa piroolaaktiin baay’ee hir’isuun sadarkaa idileetti deebisu. Akkasumas guddina xannachaa ni hir’isu. Dhukkubsattoonni baay’een isaanii wal’aansa qoricha kanaaf deebii gaarii kennaniiru. Mallattoon hundi yeroo baayyee torban muraasa keessatti ni bada.


Namoota tokko tokkoof qorichi yoo hin hojjenne ykn qorichi miidhaa cinaa yoo fide, baqaqsanii hodhuun xannacha sana balleessuun ni mala. Baqaqsanii hodhuun pituitary kun yeroo baayyee meeshaa haphii funyaan keessaa galfameen osoo mataa banuun hin barbaachisin karaa haammayyaatiin raawwatama.


Bu’aan yeroo dheeraa wal’aansa piroolaaktiinoomaa maali?


Prolactinoma yoo dafee adda baafame haala yaalamuu danda’uudha. Wal’aansa gaarii argachuu yoo dandeesse fayyuu danda’a. Dhukkubbiin erga fayyee booda sadarkaa piroolaaktiin hordofuu fi hordoffii yeroo hunda gochuun xannachi akka deebi’ee hin guddanne mirkaneessuun barbaachisaa dha.


Hubachiisa: Qabiyyeen ykn yaadonni barruu kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa kee mariisisi.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Wal’aansa dhuunfaaf, Dr. Malaakuu ykn waahillan isaa kutaa dhukkuba sukkaaraa Hospitaala Ispeeshaalayizdii Xiqur Anbassaatti mari’achiisuu dandeessu.


Odeeffannoo fayyaa qulqulluu fi amanamaa ta’e lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf akkan ga’uuf marsariitii fi fuula miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo waliif qooduun affeeruun akka tumsitan kabajaan isin gaafadha.


Telegiraamii https://t.me/hakimmelaku

Tiktook https://www.tiktok.com/@hakimmelaku


#Odeeffannoo-Fayyaa-Qulqullina-Hundaaf

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top