Furdina garmalee (obesity)

Furdinni qaamaa dhukkuba yeroo dheeraa fi deebi’ee dhufuu fi cooma qaamaa garmalee wajjin walqabatee dhufudha (Adiposity Based Chronic Disease). Akka idileetti ulfaatini BMI 30 ol ta’e furdina garmalee jedhama. Kunis rakkoo fayyaa hamaadhaaf sababa kan ta’u yoo ta’u, filannoowwan yaalaa ammoo fooyya’iinsa nyaataa, sochii qaamaa dabaluu, qoricha fudhachuu fi baqaqsanii hodhuu kan dabalatudha.


Yaaddoon furdina garmalee sadarkaa idil-addunyaa fi biyya keenya keessatti maali?


Dhukkubni sukkaaraa fi dhukkuboonni daddarboo hin taane biroo addunyaa guutuutti saffisaan akka dabalan kan taasise furdinni qaamaa isa jalqabaati. Dhukkuboota daddarboo hin taane akka weeraraatti guddachaa jiran hunda duuba furdinni qaamaa sababa dhokataa adda dureedha yoo jedhame waan guddaa miti. Warri furdina garmalee haadha dhukkuba hundaa jedhanis  jiru.


Furdinni qaamaa walumaa galatti namoota biliyoona tokkoo ol miidha. Qorannoon biyyoota Ameerikaa Kaabaa keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti furdinni baay’ina ummata harka sadii keessaa harka tokkoo ol akka miidhu ibseera. Kan caalaatti nama yaaddessu ammoo waggoota kurnan dhufan keessatti gara namoota biiliyoona 2tti siqan akka miidhu tilmaamameera.


Furdinni qaamaa biyyoota dureeyyii qofa keessatti rakkoo akka ta’e yaadama. Garuu Itoophiyaa dabalatee biyyoota galii giddu galeessaa fi gadi aanaa qaban keessatti furdinni qaamaa saffisaan dabalaa jira. Ityoophiyaatti furdinni qaamaa biyyoota galii olaanaa qaban caalaa gadi aanaa ta’us, saffisaan dabalaa jira.


Tatamsa’inni furdina garmalee sadarkaa sodaachisaa deebii qindoomina addunyaa fi hunda galeessa barbaadu irra ga’eera, garuu hanga ammaatti dhimmicha dursa kennuu hin dandeenye. Fayyaan waan dursa kennuu qabu kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo barbaada, garuu tuffachuu itti fufna. Furdina garmalee tuffachuun yeroo dheeraa keessatti gatii guddaa nu kaffalchiisa jennee sodaannee jirra.


Yaaddoo fayyaa hawaasaa hamaa xiyyeeffannoo addunyaa waliigalaa barbaadu ta’us, namoonni baay’een furdina garmalee akka rakkoo dhuunfaatti waan ilaalaniif, tooftaalee wal’aansaa fi ittisaa bal’aa gahaa ta’een bocuun rakkisaadha. Tarkaanfiin hatattamaa akka barbaachisu ragaaleen baay’achaa dhufanis, furdinni qaamaa qabeenya ogeessaa fi yaalaa barame qofaan yaalamuu akka danda’u yaaduun itti fufee jira.


Maddi tuffii inni biraan immoo odeeffannoo dogoggoraa waa’ee sababoota fi bu’aa furdina garmalee ti. Furdinni qaamaa akka dhukkuba of danda’etti ilaaluuf fedhii dhabuun tarkaanfii bu’a qabeessa ogeeyyiin fayyaa fudhatan gufachiisa. 


Furdinni qaamaa kana booda bira darbuun hin danda’amu. Federeeshiniin furdina garmalee addunyaa ibsa dhiheenya kana baaseen, qooda fudhattoonni hundi furdina garmalee irratti tarkaanfii waloo akka fudhatan waamicha dhiyeesse. Furdinni qaamaa qormaata fayyaa guddaa yeroo keenyaa ta’uu ibsuun hawaasa fayyaa addunyaa biratti bira darbamuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru. Furdinni qaamaa ajandaa fayyaa addunyaa keessatti adda duree ta’uu qaba jechuun cimsanii dubbataniiru.


Sababoonni furdina garmalee maal fa’a?


Furdinni qaamaa dhukkuba sababoota hedduu irraa dhufudha. Sababni furdina qaamaa inni guddaan amala nyaata fayya-dhabeessa qabaachuudha. Nyaata/kaalorii garmalee anniisaa qaamni guyyaa guyyaan barbaadu ol yeroo nyaannu ulfaatina qaamaa daballa. Nyaata qophaa’e kaloorii baay’ee qabu, nyaataa fi dhugaatii sukkaara qabu, akkasumas nyaata orgaanikii dhiisanii nyaata qophaa’e baay’inaan nyaachuun furdina garmalee fiduu danda’a.


Sochii qaamaa yeroo hunda fi gahaa ta’e gochuu dhiisuunis furdina garmalee fiduu danda’a. Keessumaa waajjiraafi mana keessatti garmalee taa’uu; Yeroo dheeraaf TV, viidiyoo ykn mobaayila ilaaluun yeroo sochii keenyaa hir’isa.


Wanti hundi keenya hubachuu qabnu furdinni dhukkuba dadhabina jireenya gadheetiin dhufu qofa akka hin taanedha. Ulfaatina qaamaa to’achuun reeshiyoo kaalorii nyaannu fi kaalorii gubnu qofa miti. Waggoota dheeraaf yaad-rimeen ulfaatinaa beekamaan Calories-In, Calories-Out madaaluu ture.Duraan ‘Yoo nyaata xiqqaa nyaatte, baay’ee sochoote ulfaatina qaamaa hir’atta’ jedhama ture – yaada yoo xiqqaa nyaatte fi sochii qaamaa baay’istee ulfaatina qaamaa hir’isuun kee hin oolu jedhu!


Qorannoon haaraan amma yaadni ulfaatinaa kun gartokkoon sirrii akka hin taane walii galu. Hormoononni hedduun meetaabolii fi ulfaatina qaamaa irratti dhiibbaa guddaa qabu. Hormoononni kun adeemsa meetaabolii adda addaa keessatti gahee qajeelfama qabu.Fakkeenyaaf, fedhii nyaataa, beela, kuufama coomaa fi hamma sukkaara dhiigaa fi kkf ni madaalu.


Hormoononni ijoo meetaabolii fi ulfaatina qaamaa irratti dhiibbaa geessisan kanneen akka:

  • Insuliinii: qoshtiin kan oomishamu yoo ta’u, hamma guluukoosii dhiiga keessa jiru ni to’ata. Gilukoosiin seelii seenee anniisaaf akka gubatu ykn yoo garmalee ta’e akka coomaatti akka kuufamu taasisa. Hojiin insuliinii yoo jeeqame, kuufama cooma dabaluu fi furdina garmalee fiduu danda’a. Glucagon, hormoonii xannacha sombaatiin uumamu, faallaa insuliinii yoo ta’u, kunis sukkaara fi cooma kuufame akka gubatu taasisa.
  • Leptiinii:Adiposayiitii( Adipocytes)irraa kan uumamu yoo ta’u, hormoonii ijoo akka nutti dhaga’amu godhudha. Miira beela irraa nama boqochiisa. Nyaata fudhachuu daangeessa. Kanaaf, ulfaatina qaamaa hir’isa. Seelonni keenya leptiniif deebii sirrii yeroo hin kennine hojiin leptin ni jeeqama. Yeroo kun ta’u furdina garmaleetti nama geessa.
  • Adiponectin: Hormoonii biraa seelii coomaatiin gadi lakkifamu yoo ta’u, meetaaboliizimii ni dabala, cooma kuufame akka gubuuf gargaara, akkasumas fedhii nyaataa ni to’ata. Hormooniin kun hir’achuun furdina garmalee waliin walqabatee jira.
  • Ghrelin: Adda durummaan garaacha keessatti kan oomishamu yoo ta’u, yeroo baayyee ‘hormoonii beela’ jedhamee waama. Beela uumuun fedhii nyaataa ni kakaasa, nyaata nyaachuu ni dabala. Kana malees, peeptiidiin Y (PYY), koleesiistookiiniin (CCK) fi hormooniin biroo hedduun garaachaan oomishaman fedhii nyaataa, beela, bullaa’insa nyaataa fi kkf kan to’atan yoo ta’u, ulfaatina qaamaa irratti dhiibbaa gaarii ykn hamaa kan qaban ta’uu ibsameera.
  • Kortisoolii: Kortisooliin  adreenaaliin uumamu hormoonii dhiphina jedhamuun beekama. Sadarkaan hormooniin kortisoolii yeroo dheeraaf olka’aa yommuu turu fedhii nyaataa ni dabala, miira nyaachuu barbaaduu ni dabala, fedhii mi’eessituu ni dabala, kuufamni cooma ni dabala fi kkf. Dhiphina sammuu, dhiphinni, hirriba dhabuu fi dhiphinni hawaasummaa biroo hamma kortisoolii dabaluudhaan furdina garmalee fiduu danda’a.
  • Hormoonota taayirooyidii: Hormoononni kun meetaabolii to’achuu keessatti gahee guddaa qabu. Keessattuu yeroo hanqina taayirooyidii ykn hormoonii si mudatu ulfaatina qaamaa dabalata. Yeroo hormoonota armaan olitti tarreessine irratti jeequmsi uumamu, jeequmsa meetaabolii, furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa fi haalawwan kanaan walqabatan biroo fiduu danda’a.


Madaallii hormoonii dhabuun alatti sababoonni furdina qaamaa biroo hedduun kanneen akkaataa jireenyaa armaan olitti kaafneen walqabatan ni jiru. Qorichootni ajaja ogeessa fayyaatiin kennaman tokko tokko nu furdisuu danda’u. Qorichootni dhukkuboota biroo yaaluuf fudhattamaniis ulfaatina qaamaa dabaluudhaaf gumaachuu danda’u. Fakkeenyaaf, qorichi farra dhiphina sammuu, isteeroyidii, qoricha dhukkuba sukkaaraa, qoricha onnee fi kkf hedduun ulfaatina qaamaa namaa dabalu.


Sababoonni furdina qaamaa dhalootaan dhufanis ni jiru. Yeroo rakkoon jeneetikii uumamu carraan furdina garmalee ni jira.

Naannoo jireenyaa fi hojiis furdina garmaleef sababa ta’uu danda’a. Hawaasni galii xiqqaa qaban nyaata fooyya’aa argachuun rakkisaa waan ta’eef furdina garmaleef saaxilamu. Haalli caasaa sochii qaamaa dandeessisu jiraachuu dhabuun furdina garmaleef nu saaxila. Sirni fayyaa furdina garmalee adda baasuun yaala sirrii fi bu’a qabeessa ta’e kennuufis qophii hin qabu. Kun hundi furdina garmalee hammeessaa jira.


Mallattoon furdina garmalee maali?


Furdinni qaamaa dhukkuba hamaa ta’us, mallattoo addaa hin agarsiisu. Kan caalaa hammaatu ammoo furdinni ammallee qorannoo, hubannoo hawaasummaa fi qoricha keessatti ‘meeshaa adda baasuu’ ifa ta’e hin qabu.


Malli safartuu baay’inaan itti fayyadaman Body Mass Index (BMI) dha. Ulfaatinni kiiloogiraamiin olka’iinsa meetira iskuweeriin akka safartuu salphaatti qoodama. Dubbifamni BMI 18.5 fi isaa gadi ta’e akka ulfaatina gadi aanaatti kan ilaalamu yoo ta’u, hanqina nyaataa agarsiisuu danda’a. Qabxiin BMI 18.5 hanga 24.9 ulfaatina qaamaa fayya qabeessa. Qabxiin BMI 25 – 29.9 yoo ta’e furdina garmalee qabaachuu fi carraan dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, fi dhukkuba onneetiin qabamuuf carraa guddaa qaba jechuudha.Furdinni qaamaa BMI 30 fi isaa ol furdina garmalee jedhamee ibsama.


BMI shallaguuf salphaa ta’us, hanqina guddaa qaba. BMIn warra maashaa fi lafee cimaa qabaniif miti. Garaagarummaa raabsa coomaa hin agarsiisu. Fakkeenyaaf, atileetiin maashaa qabuu fi cooma qaamaa dhibbeentaa gadi aanaa qabuu fi namni gogaa maashaa baay’ee hin qabne BMI wal fakkaatu qabaachuu danda’a. Garuu namoonni lamaan kun fayyaa wal qixa miti. Namni furdina garmalee qabu tokko BMI isaa sadarkaa idilee keessa yoo ta’ellee cooma balaafamaa qabaachuu danda’a.


BMI waa’ee raabsa coomaa odeeffannoo tokkollee hin kennu. Bakki coomni baay’een itti kuufamu fayyaadhaaf murteessaadha. Coomni garmalee naannoo garaa (apple shaped body), keessumaa tiruu fii qaamolee keessoo biroo (visceral fat) keessatti kuufamu, dhukkuboota meetaabolii kan akka dhukkuba sukkaaraa fi dhukkuba onneetiif sababa ta’a. Gama biraatiin namoonni cooma  luqqeettuufii sarbaa isaanii irratti qaban(pear shaped body)carraan dhukkuboota meetaaboliidhaaf saaxilamuu isaanii xiqqaadha.

Hanqina BMI kana ilaalcha keessa galchuun furdina garmalee fi rakkoolee fayyaa kanaan walqabatan madaaluuf meetiriikni haaraan mul’achaa jira. Safartuuwwan haaraan waa’ee fayyaa waliigalaa keenyaa odeeffannoo fooyya’aa kennan kanneen akka:


Reeshiyoo mudhii fi luqqeettuu (waist to hip ratio): Safartuu bal’ina mudhii fi bal’ina luqqeettuu wal bira qabuudha. Reeshiyoon mudhii fi luqqeettuu olka’uun cooma garaa garmalee agarsiisa. Kun ammoo BMI caalaa dhukkuba onnee fi carraa dhukkuba sukkaaraa kan tilmaamu gaarii dha. Qorannoon hedduun akka agarsiisanitti safartuun kun BMI fi kanneen biroo caalaa agarsiiftuu fayyaa meetaabolii baayyee fooyya’aa ta’uu isaati.BMI maal iyyuu yoo ta’e, reeshiyoon mudhii fi luqqeettuu  kee 1 ol yoo ta’e, cooma fayya-dhabeessa, balaa qabu kan furmaata argachuu qabu qabda jechuudha.


Safartuun biraa Waist Circumference yoo ta’u, kunis meeshaa faayidaa qabu kan cooma garaa balaafamaa tilmaamuuf gargaarudha. Naannoon mudhii seentimeetira 80 ol yoo ta’e, kuufamni cooma fayya-dhabeessa fi balaa ta’ee fi furmaata argachuu qabu jira jechuudha.


Safartuun sadaffaan Dhibbeentaa Cooma Qaamaa yoo ta’u, meetiriikni kun dhibbeentaa cooma qaamaa cooma qaamaa uumu tilmaama. Malleen akka safartuu dachaa gogaa, impeedansii baayooelektirikii, fi raajii addaa (DEXA scan) karaalee dhibbeentaa cooma qaama keenyaa safaruu dandeenyu keessaa tokko.Coomni qaamaa dhiira tokkoof %25 fi isaa ol, dubartiif ammoo %30 fi isaa ol ta’e furdina garmalee jedhamee fudhatama, yoo lakkoofsi BMI daangaa idilee hin caallellee.


Malleen safartuu armaan olitti tarreeffaman kun hamma cooma garaachaa qaama keessatti kuufame fayaaf balaa ta’e agarsiisu. Kanaaf carraan dhukkuboota yeroo dheeraa kan akka dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi kaansarii tokko tokko qabamuuf carraan isaanii guddaadha.


Rakkoon furdina garmaleetiin dhufu maali?


Furdinni qaamaa karaa hedduu fayyaa irratti dhiibbaa qaba. Fayyaa waliigalaa irratti dhiibbaa kallatti fi al-kallatti kan qabu yoo ta’u, rakkoolee fayyaa ciccimoo hedduu waliin kan walqabatu dha.


Jeequmsa meetaabolii fiduu danda’a kunis carraa dhukkuboota daddarboo hin taane hedduu fi kaansarii dabaluu danda’a. Keessattuu carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa yeroo dheeraadhaaf nama saaxilu ni dabala.


Dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa fida. Hamma kolestroolii ni ol kaasa.


 dadhabina kalee fiduu danda’a.


Coomni garmalee tiruu keessa jiru miidhaa tiruu yeroo dheeraa fi cirrhosis fiduu danda’a. Balaa dhagaa hadhooftuu  qabaachuu ni dabala. Akkasumas kaansarii lubbuu namaa galaafatu hedduu kan akka kaansarii harmaa, mar’imaan, tiruu fi kkf fida.


Rakkoo fayyaa qaamaa dabalatee rakkoo fayyaa sammuu hedduu fida.


Dhiphina saayikoloojii fida. Fakkeenyaaf, dhiibbaa xiinsammuu kan akka dhiphina sammuu qaba.


Dhiibbaa fayyaa furdinni nama dhuunfaa irratti qabuun alatti baasii yaalaa hawaasummaa fi biyyaalessaa dabaluu fi oomishtummaa hojjettootaa hir’isuun dinagdee irratti dhiibbaa qaba.Rakkoowwan maatii walxaxaa ta’an kun maatii fi sirna eegumsa fayyaa irratti ba’aa guddaa kaa’u.


Furdinni qaamaa hir’isuuf maal gochuu dandeenya?


Bu’aa furdina garmalee hubachuu fi jijjiirama qabatamaa fiduudhaan furdinni qaamaa yaalamuu fi to’achuun ni danda’ama. Furdina garmalee to’achuun jijjiirama hunda galeessa barbaada.


Jireenya fayya qabeessa qabaachuun furdina  hir’isuuf furtuudha. Jireenya fayya qabeessa ta’e eeguun nyaata madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e nyaachuu, sochii qaamaa gahaa gochuu, ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta’e eeguu fi jireenya qoricha irraa bilisa ta’e jiraachuu dabalata. Haa ta’u malee, foormulaan mudaa hin qabne tokko kan nama hundaaf hojjetu hin jiru. Kanaafuu, mala ulfaatina qaamaa to’achuu tokkoon tokkoon nama dhuunfaaf mijatu akka mijatu ogeessa fayyaa waliin mari’achuu ni gorsina.


Nyaanni fayya qabeessaa fi madaalawaa ta’e meeshaa barbaachisaa dha. Tokkoffaa, karoora baasuu fi galma baafachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, galmi torbanitti walakkaa kiiloo hir’isuu yoo ta’e, wantoota achitti si geessu hojjechuu jalqabi. Namni biraa sukkaara dhiiga isaanii sirreessuuf, dhiibbaa dhiigaa fooyyessuuf, kolestroolii gadi buusuufi kkf karoorfachuu danda’a.


Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun dhagaa bu’uuraa wal’aansa furdina garmalee kan biraati. Sochii qaamaa yeroo hunda dabaluu fi fooyyessuudhaan (keessattuu leenjii humnaa fi cimina maashaalee eeguun), ulfaatina qaamaa hir’isuu fi fayyaa fooyya’aa ta’e argachuun ni danda’ama.


Yoo barbaachisaa ta’e namoonni  karaa nyaataa fi sochii qaamaa ulfaatina qaamaa hir’isuu didan qoricha farra furdina garmalee hakiimni ajajeen yaalamuu danda’u. Qorichootni kun ogeessa qoricha keessootiin yoo hin taane, hakiima wal’aansa furdina garmalee irratti adda ta’een ajajamuu qabu. Wanti dagachuu hin qabne tokko qoricha farra furdina garmalee fayyadamuudhaan nyaata fayya qabeessa, sochii qaamaa fi jijjiirama akkaataa jireenyaa biroo eeguu qabda.Qorichi kun baay’ee nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu dhiisuuf sababa miti.


Qorichaan alatti, baqaqsanii hodhuu meetaabolii/bariatric, baqaqsanii hodhuu ulfaatina hir’isuu keessumaa namoota furdina garmalee qabaniif hojjetamuu danda’a.


Furdina garmalee dafanii ittisuu


Furdinni qaamaa dafanii ittisuun ni danda’ama. Furdinni qaamaa erga argamee booda ulfaatina qaamaa hir’isuuf yaaluu caalaa tarkaanfii ittisaa fudhachuun salphaadha.


Tarkaanfiiwwan ittisaa ijoo kanneen akka:

  • Yeroo hunda nyaata fayya qabeessaa fi madaalawaa ta’e nyaachuun gaariidha. Nyaata vitaaminii fi albuuda hedduu qabu kan akka fuduraalee, kuduraalee fi midhaan guutuu nyaachuu. Faallaa kanaatiin nyaata qophaa’e, sukkaara qabuu fi dhugaatii sukkaara qabu daangeessuu.
  • Sochii qaamaa dabaluu. Sochii qaamaa yeroo hunda siif hojjetu gochuudhaan yeroo taa’umsaa hir’isi. Manneen barnootaa fi bakka hojii irraa sochii qaamaa yeroo hunda jajjabeessuu. Yeroo bilbilaa fi televijiinii irratti dabarsitan hir’isaa.
  • Mee jijjiirama xixiqqoo irraa haa jalqabnu. Yeroo booda fooyya’iinsa itti fufuu.

Akka biyyaatti maal gochuu qabna?


Biyyoota guddachaa jiran kan akka Itoophiyaa, beelaafi hanqinni nyaataa hanga ammaatti furmaata hin arganne keessatti furdinni qaamaa qormaata fayyaa hawaasaa hamaa ta’eera. Rakkoon fayyaa kun yoo hin yaalamne bu’aa fayyaa, diinagdee fi hawaasummaa hamaa fiduu danda’a.


Furdinni qaamaa dhukkuboota daddarboo hin taane biroof sababa balaa adda duree waan ta’eef, furdina garmalee akka dhukkuba/dhukkubaatti beekuun tarkaanfii jalqabaati.


Ogeeyyiin fayyaa furdina garmalee akka bu’a qabeessa ta’een adda baasuu fi yaaluuf leenjisuu.


Ogeessota fayyaa hawaasaa naannoo furdina garmalee jiran deeggaruun humneessuudhaan sochii hubannoo kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisu uumuun murteessaadha.


Qajeelfama yaalaa hunda keessatti furdinni qaamaa ilaalamuu fi dhukkuboota daddarboo hin taane to’achuuf hojjechuu qaba. Tarkaanfii qindoomina qabu qooda fudhattoota hunda hirmaachise fudhachuun qabeenya ofii bal’ina rakkoo waliin walmadaalu ramaduudhaan tarkaanfiiwwan furdina qaamaa wal’aansaa fi ittisa furdina garmaleetiif gochuun boruuf  waan jedhamuu danda’u miti.


Furdinni qaamaa furuuf imaammata bal’aa barbaada. Oomishaaleen nyaataa fi dhugaatiiwwan sukkaara qaban imaammata nyaataatiin to’atamuu qabu. Naannoo mana jireenyaa deemsa jajjabeessu uumuu fi paarkiiwwan ummataa irratti invast gochuun sochii qaamaa jajjabeessuun barbaachisaa dha.


Hubachiisa: Qabiyyeen ykn yaadonni barruu kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa kee mariisisi.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Wal’aansa dhuunfaaf, Dr. Malaakuu ykn waahillan isaa kutaa dhukkuba sukkaaraa Hospitaala Ispeeshaalayizdii Xiqur Anbassaatti mari’achuu dandeessu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top