Wal’aansa furdina garmalee ilaalchisee hubannoon keenya yeroo baay’ee dogoggora qaba. Furdinni qaamaa garmalee salphisanii laaluunis ni jira. Dabalataaniis Komachuu fi adda baasuu illee jiraachuu ni danda’a. Namoota baay’eedhaaf furdinni qaamaa dadhabina, gama nama dhuunfaatiin dantaa ofii isaaniif hin yaadne ykn ulfaatina qaamaa hir’isuuf fedhii dhabuu irraa kan ka’e akka ta’e yaadama.
Yeroo baay’ee namoonni ji’oota hedduudhaaf ofuma isaaniitiin yaalu, nyaata adda addaa dhiisu; mana ispoortii dhaqanii yoo furmaata dhaban gara ogeessa furdina garmalee yaaluutti deemu. Yaalanii waan hin milkoofneef baay’een isaanii mo’amuu isaanii itti dhaga’ama, qaana’uu fi aariin itti dhaga’ama. ‘Nyaata ilaaluu qofaan ulfaatina qaamaa nan dabala’ jechuun miira abdii kutannaa calaqqisiisu. Garmalee of komatu.
Garuu warra saayinsii furdina garmalee keessa gadi fageenyaan lixaniif dhugaan ifa ta’e tokko jira. Sababni isaas furdinni garmalee dhukkuba yeroo dheeraa, wal’aanuuf rakkisaa, deebi’ee dhufuu fi walxaxaa cooma qaamaa garmalee (Adiposity Based Chronic Disease) wajjin walqabatu waan ta’eef.
Dhugaa tokko tokko waa’ee furdina garmalee
Namoonni sababa adda addaatiin ulfaatina qaamaa dabalu.
Sababoonni furdina garmalee namatti fidan hedduudha. Furdinni qaamaa dhukkuba amala jireenyaa gadheetiin dhufu qofa miti. Ulfaatina qaamaa to’achuun reeshiyoo kaalorii nyaannu fi kaalorii gubnu qofa miti. Furdinni qaamaa ‘baay’ee nyaachuu fi sochii qaamaa xiqqaa gochuu’ qofa miti. Furdinni qaamaa waanuma baramedha.
Akkaataa jireenyaatiin alatti, jeneetikii, hormooniin, dhiphina sammuu fi yaaddoo fi kkf dhukkuba furdina garmalee namatti fidani dha. Qorichootni wal’aansa biroof fudhannu nu furdisuu danda’u. Naannoo fi haalli hawaasummaa keenyaa ulfaatina qaamaa dabaluudhaaf gumaachaha qaba.
Furdinni qaamaa dhukkuba of danda’eedha.
Wal’aansi furdina garmalee yeroo baay’ee furdina garmalee madda isaa furuu caalaa dhukkuboota furdina garmalee wajjin walqabatan kanneen akka dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa yaaluu irratti xiyyeeffata. Hedduun isaanii furdina garmalee akka dhukkubaatti ilaaluu mannaa, dhukkuba sukkaaraa fi dhukkuboota biroo mallattoo furdina garmalee ta’an yaaluu irratti xiyyeeffatu. Furdinni qaamaa mataan isaa dhukkuba osoo hin taane, sababa balaa (risk factor) dhukkuboota birootti nama geessudha jedhanii salphisanii laalu.
Furdinni qaamaa akka dhukkuba of danda’eetti beekamee yaalamuu qaba. Furdinni qaamaa akkuma dhukkuba sukkaaraa ykn dhiibbaan dhiigaa dhukkuba wal’aansa yeroo dheeraa barbaadudha.
Ulfaatina qaamaa hir’isuun ni danda’ama garuu salphaa miti.
Ulfaatina qaamaa dabaluun adeemsa salphaadha, garuu kiiloo tokko hir’isuu fi furdina ofirraa ittisuun akka tulluu ol ba’uuti. Ulfaatina qaamaa hir’isuun akka ‘xiqqeessa nyaachuu, baay’ee socho’uu’ salphaa miti.
Qaamni keenya ulfaatina qaamaa lakkoofsa murtaa’e ol akka hin hir’isneef ilkaan ciniinnatani loluun uumama bu’uuraa dhala namaati. Yeroo ulfaatina qaamaa hir’isu qaamni adeemsa meetaabolii haaraa wajjin haala adda addaatiin madaqee hanqina kaalorii (Metabolic adaptation) dandamachuu danda’a. Yeroo nyaata dhabnu qaamni keenya beenyaa kaffaluuf yaala. Meetaaboliizimii kee saffisiisuudhaan kaalorii kan duraanii caalaa xiqqaa gubda. Qaamni qusannoo anniisaa ni dabala. Guyyaa hamaa tokkoof kuusuu jalqaba.Hormooniin beela isaa ol ka’aa waan jiruuf nyaata nyaata. Jijjiiramni fiiziyoloojii hin fayyadne(mal-adaptive) kun ulfaatina qaamaa hir’isuu ittisa. Hormooniin mataa keenyaa dhoksaan nu lola. Ulfaatina hir’isne deebisee dabala.
Foormulaan mudaa hin qabne tokko kan nama hundaaf hojjetu hin jiru.
Nama hundaaf yaala tokko ajajuun sababoota fi rakkoo furdina garmalee furuu hin danda’u. Sababni isaas kana.
Sababoonni furdina garmalee adda adda.
Sababni namni tokko ulfaatina qaamaa dabaluuf qabu kan nama biraa irraa guutummaatti adda ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, namni tokko sababa madaallii hormoonii dhabuun ulfaatina qaamaa dabaluu danda’a. Kan biraan immoo qoricha ulfaatina qaamaa dabaluu danda’u fudhachuu ta’uu danda’a.
Kaka’umsii fi kutannoon keenya ulfaatina hir’isuuf qabnu adda;
Namoonni tokko tokko sukkaara isaanii sirreessuuf ulfaatina qaamaa hir’isuu yoo barbaadan, kaan ammoo bareedina isaanii fooyyessuu, dhukkubbii lafee salphisuu fi kkf barbaadu ta’a.Nuti fedhii adda addaa qabna. Kaan immoo fooyya’iinsa fayyaa waliigalaa barbaaduus jira. Ulfaatina qaamaa hammam hir’isuu akkan barbaadnuus garaagarummaan jira. Kaka’umsii fi kutannoon qabnus adda addaa.
Gufuuwwan ulfaatina qaamaa akka hin hir’isne nu dhorkan adda adda;
Yeroo sirreessuuf yaalnu gufuuwwan ulfaatina qaamaa akka hin hir’isne nu dhorkan hedduun kan jiran yoo ta’u, namarraa gara namatti garaagarummaa guddaa qabu. Rakkoon nama tokkoo maallaqaan ta’uu danda’a. Namni biraa nyaata fayya qabeessa argachuu dhiisuu ykn yeroo dhabuu danda’a. Dhiibbaan hiriyaa fi hawaasummaas hin badu.
Sababoota armaan olitti tarreeffamanii fi kanneen biroof, wal’aansa furdina garmalee mudaa hin qabne tokko kan nama hundaaf hojjetu kennuunis hin danda’amu. Wal’aansi furdina garmalee milkaa’inaan tokkoon tokkoon nama dhuunfaaf mala adda ta’e, akkaataa jireenya dhukkubsataa, dandeettii, fedhii fi dandamachuu irratti xiyyeeffate barbaada.
Wal’aansa furdina garmalee nama giddu galeessa godhate
Wal’aansi furdina qaamaa milkaa’aan madaallii fedhii waliigalaa, galma, dandeettii fi obsa nama dhuunfaatiin jalqaba.
Wantoonni ulfaatina qaamaa dabaluudhaaf gumaachan adda baafamanii sirreeffamuu qabu. Gufuuwwan tattaaffii ulfaatina qaamaa hir’isuuf godhamu gufachiisan hubachuu fi araarsuun barbaachisaadha. Galma obsaa qabatanii jiraachuun dirqama. Jijjiirama salphaa sanaaf mijatu irraa jalqabuun gaariidha, kaka’umsaa fi cimina nama dhuunfaa erga madaalanii booda. Madaallii gadi fageenyaa akkasii booda karoorri wal’aansaa gochaan hojjetamuu danda’u bocuun hojiirra oolchuun ni danda’ama.
Akkaataa haala jireenyaa fi dandeettii nama dhuunfaa tilmaama keessa galchu fooyyessuu. Karoora nyaata itti fufiinsa qabu kan filannoo fi amala dhukkubsataa wajjin walsimu qopheessuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Sochii qaamaa salphaa taʼee fi namni dhuunfaa sun itti gammaduu fi yeroo hunda fooyyaʼuu jalqabuun filannoowwan gaarii taʼuu dandaʼu.
Ulfaatina barbaadde bira ga’uu fi yeroo dheeraaf furdina ofirraa ittisuun carraaqqii umurii guutuu kaka’umsa itti fufiinsa qabu, obsaa fi cimina kan barbaadudha. Nyaata madaalawaa ta’e irratti cichuu qabda. Sochii qaamaa dabaluudhaan (keessattuu leenjii humnaa fi cimina maashaalee eeguun), ulfaatina qaamaa to’achuu fi fayyaa fooyya’aa ta’e argachuun ni danda’ama.
Dhiphina fayyaa sammuu furdina garmalee fiduu danda’u hir’isuuf deeggarsa xiinsammuu barbaaduun ni gorfama. Hirriba to’achuu, dhiphina hir’isuu fi dhiphina sammuu yaaluunis barbaachisaa dha.
Yoo barbaachisaa ta’e namoonni dhuunfaa karaa nyaataa fi sochii qaamaa ulfaatina qaamaa hir’isuu didan qoricha farra furdina garmalee hakiimni ajajeen yaalamuu danda’u. Qorichootni kun ogeessa qoricha keessootiin yoo hin taane, hakiima wal’aansa furdina garmalee irratti adda ta’een ajajamuu qabu.
Wanti dagachuu hin qabne qoricha farra furdina garmalee yeroo fayyadamtu,nyaata fayya qabeessa, sochii qaamaa fi jijjiirama akkaataa jireenyaa biroo eeguu qabda. Qorichi gargaaraa dabalataa yoo ta’u, baay’ee nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu dhiisuuf sababa miti.
Faallaa kanaatiin immoo ogeeyyiin fayyaa hedduun qoricha farra furdina garmalee kana akka furmaata dhumaatti ilaalu. Furdina garmalee to’achuuf qoricha farra furdina garmalee yeroon fayyadamuun barbaachisaa dha. Fayyaa fi humna qoricha bituu nama dhuunfaa irratti hundaa’uun filannoowwan hedduu irratti mari’atamee murtaa’uu qaba. Kan biraa qorichi farra furdina garmalee yeroo gabaabaaf qofa kan kennamu waan taaneef dafanii dhaabuu osoo hin taane, yeroo dheeraaf itti fufuu qaba.Yoo kana hin taane qorichi maallaqa guddaa baasne yeroo dhaabbatu ulfaatinni sun battalumatti deebi’ee dhufa.
Qorichaan alatti, baqaqsanii hodhuu meetaabolii (metabolic/bariatric surgery, weight loss surgery) , baqaqsanii hodhuu ulfaatina hir’isuu keessumaa namoota furdina garmalee qabaniif hojjetamuu danda’a.
Cuunfaa
Furdinni qaamaa dhimma dadhabina ykn fedhii dhabuu miti. Dhukkuba walxaxaa ta’ee fi wal’aansaaf mala nama giddu galeessa godhate, saayinsii irratti hundaa’e barbaadudha.
Kanaafuu, wal’aansaa fi kunuunsa fedhii fi amala addaa dhukkubsataa tokkoon tokkoon isaanii tilmaama keessa galchuun barbaachisaa dha. Wal’aansa furdina garmalee bu’a qabeessa ta’e kennuudhaaf dhukkubsataa tokkoon tokkoon isaanii gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaa dha. Tokkoon tokkoon wantoota ulfaatina qaamaa dabaluudhaaf gumaachanii fi wantoota ulfaatina qaamaa hir’isuu gufachiisan hubachuun barbaachisaa dha. Yoo kana hin goone ulfaatina qaamaa hamma barbaanne hir’isuu fi ofirraa ittisuu hin dandeenyu.
Hubachiisa: Qabiyyeen ykn yaadonni barruu kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa kee mariisisi.
Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Wal’aansa dhuunfaaf, Dr. Malaakuu ykn waahillan isaa kutaa dhukkuba sukkaaraa Hospitaala ispeshalaayizdii Xiqur Anbassaatti mari’achiisuu dandeessu.