Sakatta’iinsa waliigalaa dhukkuba sukkaaraa ulfaa haadholii hundaaf (universal screening for gestational diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes) (GDM) rakkoo fayyaa yeroo ulfaa hammi sukkaara dhiigaa ta’uu qabu caalaa yeroo ol ta’u kan uumamu yoo ta’u, rakkoolee fayyaa dubartoota ulfaa miidhan keessaa jalqaba caqafama. Innis gosa dhukkuba sukkaaraa yeroo baayyee ulfa torban 24 hanga 28 gidduutti mul’atudha. Dhukkubni sukkaaraa kun yeroo baay’ee erga da’umsa booda kan badu yoo…