Dhukkubni sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes) (GDM) rakkoo fayyaa yeroo ulfaa hammi sukkaara dhiigaa ta’uu qabu caalaa yeroo ol ta’u kan uumamu yoo ta’u, rakkoolee fayyaa dubartoota ulfaa miidhan keessaa jalqaba caqafama.
Innis gosa dhukkuba sukkaaraa yeroo baayyee ulfa torban 24 hanga 28 gidduutti mul’atudha. Dhukkubni sukkaaraa kun yeroo baay’ee erga da’umsa booda kan badu yoo ta’u, yoo sirnaan hin yaalamne garuu haadha fi daa’imaaf rakkoo fayyaa yeroof fi yeroo dheeraa fiduu danda’a.
Rakkoo fayyaa yeroo ulfaa kana nagaan yaaluu fi ittisuuf qorannoon waliigalaa GDM barbaachisaa dha. Dubartoonni ulfaa hundi dhukkuba sukkaaraa qoratamuu qabu.
Barreeffamni barsiisaa kun barbaachisummaa qorannoo dhukkuba sukkaaraa ulfaa, qajeelfama addunyaa fi ragaa qorata.
Haadha hundaaf dhukkubni sukkaaraa dursee adda baasuun maaliif barbaachisaa?
Haati ulfaa hundi qorannoo dhukkuba sukkaaraa argachuu qabdi. Qorannoo dhukkuba sukkaaraa dubartoota ulfaa hundaaf, sababoonni dhukkuba sukkaaraaf sababa ta’an osoo jiraatanis jiraachuu batanis,gochuun ni gorfama. Adeemsi kun ragaa baay’eedhaan kan deeggarame dha.
1.Dhukkubni sukkaaraa ulfaa mallattoo waan hin agarsiifneef haadholiin dhukkuba sukkaaraa ulfaa qaban hedduun mallattoo tokkollee hin agarsiisan. Kanaaf dhukkubbiin waan natti hin dhagahamneef jechuun qofa qorannoo yoo hin goone sukkaara irra caalaan daa’ima gadameessa keessa jiru irratti miidhaa geessisuu danda’a.
2.Ulfa bu’a qabeessa ta’eef gumaacha gaarii qaba: GDM dafanii adda baasuu fi yeroon yaaluun rakkoolee fayyaa haadholii fi daa’imaa hedduu kanneen akka maakroosoomii, yeroo malee da’uu, dhiibbaa dhiigaa ulfaa, ukkaamamuu daa’ima garaa keessaa, rakkoo sirna hargansuu daa’ima reefuu dhalatee, fi sukkaara daa’immanii hir’isuu(neonatal hypoglycemia) danda’a.
3.Balaa fayyaa yeroo dheeraa ittisuuf gargaara: Haadhaas ta’e daa’imni gara fuulduraatti dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaatiin qabamuuf carraan isaanii guddaa waan ta’eef, haadholii hundaaf qorannoon dhukkuba sukkaaraa dafanii gochuun balaawwan kana hir’isuuf tarkaanfii sirreeffamaa yeroon akka fudhatamu taasisa.
Qorannoon dhukkuba sukkaaraa ulfaa yoom hojjeta?
Qorannoon dhukkuba sukkaaraa duraa haadholii ulfaa torban 24 hanga 28 gidduu jiran hundaaf giddu galeessaan ni raawwatama. Yeroon kun kan filatame hormooniin ulfaa sukkaara oomishu (the diabetogenic placental hormones) baay’ee waan ta’eef.
Haa ta’u malee, dubartoonni dhukkuba sukkaaraaf carraa guddaa qaban (kan akka dhukkuba sukkaaraa ulfa duraan qaban, furdina garmalee ykn rakkoo hormoonii biroo) ulfa torban 24 irraa eegalee adda baafamuu danda’u.
Qorannoon dhukkuba sukkaaraa duraa haadha hundaaf akkamitti hojjeta?
Malli qorannoo dhukkuba sukkaaraa ulfaa baay’inaan qoratamu Qormaata Oral Glucose Tolerance Test (OGTT) dha. Qorannoo dhiigaa baayyee salphaa ta’ee fi akka armaan gadiitti hojjeta.
- Tokkoffaa, garaa duwwaa (gara sa’aatii saddeetiif osoo hin nyaatin) sadarkaa guluukoosii dhiigaa adda baasuuf ujummoo dhiigaa harka keessaa tokko irraa fudhatama.
- Itti aansuudhaan, sirooppii/dhangala’aan mi’aawaa gilukoosii giraama 75 of keessaa qabu fudhatama.
- Sana booda guluukoosii erga dhuganii sa’aatii tokko booda ammas sa’aatii lama booda dhiiga harka irraa fudhatamee sadarkaan sukkaara dhiigaa safarama.
OGTT kanaaf dhiiga quba irraa osoo hin taane ujummoo dhiigaa irraa fudhatamuu akka qabu hubachuun barbaachisaadha. dhiiga ujummoo harka keessa jiru irraa fudhatame sirrii ta’uu fi amanamummaa isaa irraa kan ka’e filatamaadha. Akkuma qajeelfama wal’aansa GDM hunda keessatti ibsame, ulaagaan dhukkuba sukkaaraa ulfaa adda baasuuf itti fayyadamnu sadarkaa guluukoosii pilaasmaa irratti hundaa’a.
Qorannoon sukkaaraa qubaa guyyaa guyyaan hamma sukkaara dhiigaa ofumaan hordofuuf ni fayyada, garuu dhukkuba sukkaaraa adda baasuuf gaarii miti. Kanaaf qorannoo qubaa erga dhukkubni sukkaaraa adda baafamee booda hordoffiif fayyadamuuf malee, jalqaba irratti dhukkuba sukkaaraa adda baasuuf fayyadamuu hin qabnu. (Finger pricks are used for daily self-monitoring of blood glucose levels, not for diagnostic purposes).
Ulaagaalee sukkaara ulfaa adda baasuuf gargaaran (Diagnostic Criteria for GDM)
Ulaagaaleen adda baasuu baay’inaan itti fayyadaman qorannoo sukkaara armaan gadii keessaa tokko:
1.Sadarkaan sukkaara dhiiga soomanaa: ≥92 mg/dL
2.Sadarkaan sukkaara dhiigaa erga gilukoosii fudhatanii sa’aatii 1 booda: ≥ 180 mg/dL
3.Sadarkaan sukkaara dhiigaa guluukoosii booda sa’aatii 2: ≥ 153 mg/dL
Ulaagaaleen kunniin qorannoo Hyperglycemia and Adverse Pregnancy Outcome (HAPO) irratti kan hundaa’an yoo ta’u, kunis hariiroo kallattiin dhukkuba sukkaaraa haadholii fi fayyaa ulfaa gidduu jiru qorateera. Qorannoon guddaan idil-addunyaa dubartoota ulfaa kuma 23 ol hirmaachise kun sukkaara dhiigaa olka’uu fi rakkoo fayyaa ulfaa gidduutti walitti dhufeenyi cimaan akka jiru argateera. Sukkaara bay’ee ol ka’es ta’e xiqqoo olka’e illee qorachuufii yaaluun faayidaa hedduu akka qaban agarsiifameera.
Qorannoon biroo hedduun irra deddeebiin akka agarsiisanitti, qorannoon dhukkuba sukkaaraa duraa haadholii hundaaf yaala baasii xiqqaa fi bu’a qabeessa ta’uu isaati. Qorannoon walbira qabamee ilaalamu hedduun akka agarsiisanitti, qorannoon dhukkuba sukkaaraa haadholii hundaaf godhamu qorannoo saaxilamummaa qofa irratti xiyyeeffate waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu faayidaa fayyaa guddaa qaba (universal GDM screening is superior to selective risk-based screening).Xiinxala dinagdeetiinis akka agarsiisutti dafanii adda baasuun baasii fayyaa olaanaa dhukkuba sukkaaraa adda hin baafamne yaaluuf bahu hir’isuuf baasii xiqqaa qaba.
Bara 2013 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) haadholii hundaaf qorannoon dhukkuba sukkaaraa akka godhamu yaada dhiyeessee ture. Qajeelfamni kun dubartoonni ulfaa hundi ulfa torban 24-28tti qorannoo guluukoosii 75g tiin akka qorataman gorsa.Qajeelfamni kun qorannoon dhukkuba sukkaaraa haadholii hundaaf akka addunyaatti akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee olaanaa taphateera.
Hordoffii dhukkuba sukkaaraa dahumsa boodaa
Dubartiin dhukkuba sukkaaraa ulfaatiin qabamte erga deessee booda dhukkuba sukkaaraa ishee hordofuu itti fufuu qabdi. Erga da’umsa booda torban 6 hanga 12 booda sukkaara dhiiga ishee irra deebi’anii qorachuun sukkaarri dhiiga ishee sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuu qabdi. Sana booda yoo xiqqaate waggaa sadiitti qorannoo dhukkuba sukkaaraa ishee ilaaluu qabdi.
Gorsa qorannoo GDM haadholii hundaaf argachuuf gargaaran
Faayidaan fayyaa sakatta’iinsi GDM haadholii hundaaf qabu mirkanaa’us, Itoophiyaa keessatti bal’inaan hojiirra hin oolu. Kanaaf, dubartiin ulfaa lammii Itoophiyaa hundi qorannoo GDM akka danda’amuuf, maatii, ogeeyyii fayyaa fi hoggantoota fayyaa irraa tattaaffii cimaa taasisuun barbaachisaa dha.
Miseensi maatii kamiyyuu barbaachisummaa adda baasuu GDM, rakkoo fayyaa fi dafanii adda baasuu beekuu qaba. Beekumsi maatiin tokkoon tokkoon isaanii GDM irratti qaban tattaaffii biyyaalessaaf gumaacha ni qabaata.
Haadholiin ulfaa fi hiriyyoonni isaanii hundi qorannoo dhukkuba sukkaaraa duraa qaama kunuunsa dahumsa duraa fi hordoffii idilee taasisuu fi ogeeyyiin fayyaa isaanii qorannoon akka raawwatamu gaafachuu qabu. Qorannoon dhukkuba sukkaaraa akka qaama kunuunsa dahumsa duraa idilee ta’etti leellifamuu qaba.
Ogeeyyiin fayyaa ammoo waa’ee GDM hubannoo uumuu qabu. Keessattuu ogeeyyiin tajaajila kunuunsa dahumsa duraa kennan qorannoon dhukkuba sukkaaraa haadholii hundaaf akka dhiyaatu gochuu qabu. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gorseen qorannoo GDM sadarkaa isaa eeggate argachuun isaaniif mala. Kana gargaaruuf leenjiin ogeeyyii barbaachisuu danda’a.
Dhaabbileen fayyaa fi hoggantoonnis qorannoo GDM qajeelfama biyyoolessaa keessatti hammachuu fi hojiirra oolchuu qabu. Sakatta’iinsi GDM qaama paakeejii dirqamaa dhaabbilee fayyaa hundaaf ta’uu qaba, pirootokoolota hordoffii dahumsa duraa sadarkaa biyyaalessaa wajjin walitti makamee haadholii hundaaf dhaqqabamaa taasisuu qaba. Leenjii ogeessota, fooyya’iinsa dhiyeessii qorannoo guluukoosii, fi hordoffiin hojiirra oolmaa isaa barbaachisaa dha.
Cuunfaa
Haati ulfaa hundi qorannoo dhukkuba sukkaaraa dura taasifamuu qaba. Fayyaa haadholii fi daa’imaa irratti invastimantii ta’ee ilaalamuu qaba. GDM dafanii adda baasuu fi to’achuun bu’aa fayyaa ittisuu fi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa hir’isuu danda’a.
Lammiileen Itoophiyaa hundi waliin ta’uun sirna fayyaa deggersaa ta’ee fi dubartoota ulfaa hundi qorannoo GDM akka qorataman taasisu uumuu ni danda’u.
Haati hundi qorannoo dhukkuba sukkaaraa ulfa fayya qabeessa ta’e mirkaneessuuf gargaaru akka argatu gargaaruun hawaasa fayyaa qabu ijaaruuf gumaacha haa goonu.
Qorannoo dhukkuba sukkaaraa dafee haadholii hundaaf akka dhiyaatu gochuun dhaloota fayyaa ta’e mirkaneessuudha.
Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’aniidha. Qormaata ykn yaala dhuunfaaf, kutaa dhukkuba sukkaaraa hospitaala addaa Xiqur Anbassaatti ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.
Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf karaa email: contact@melakutaye.com nu qunnamuu dandeessu. Gorsa fayyaa qabatamaa odeeffannoo qabuu fi mirkanaa’eef Dr. Malaakuu Telegram, YouTube & TikTok irratti hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan kabajaan isin affeera.
Buddeena gosa Kam gorsama?