Dhukkuba sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa ulfaa yeroo ulfaa yeroo jalqabaaf hammi sukkaara dhiigaa yeroo idilee caalaa  ol ka’u dha. Yeroo baayyee ulfa ji’a 5-7 keessatti kan mul’atu yoo ta’u, da’umsa booda ni bada.


Yeroo ulfaa dhukkubni sukkaaraa yeroo uumamu fayyaa dubartoota ulfaa fi daa’ima gadameessa keessa jiru irratti dhiibbaa qaba. Garuu dhukkubni sukkaaraa sirnaan yoo yaalame haadhaas ta’e daa’imni fayyaa akka qabaatan gargaaruu danda’a.


Amaloota gosoota sukkaara biroo irraa adda isa taasisan

  • Yeroodhaaf kan turuu fi ulfa booda ni bada
  • Rakkooleen fayyaa inni fidu gosoota sukkaara dhaabbataa biroo caalaa xiqqaadha.
  • Mallattoo mataa isaa hin qabu.

Tamsaasinni sadarkaa idil-addunyaa fi biyya keenyatti maal fakkaata?


 Dhukkubni sukkaaraa yeroo ulfaa rakkoo fayyaa lakkoofsa tokkoodha. Akka addunyaatti haadholii shan keessaa tokko dhukkuba sukkaaraa gosa kanaan qabamuuf saaxilamti. Akka gabaasa Federeeshiniin Dhukkuba Sukkaaraa Addunyaa (IDF) bara 2021 baaseen dubartoonni ulfaa %15 dhibee kanaan ni miidhamu. Tamsaasinni yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.


Sababoonni isaa maali? Dhukkubni kun kan uumamu yeroo qoshtiin(pancreas) fedhii ulfaa wajjin walsimu oomisha hormoonii insuliinii hir’isuu ykn hormooniin sun uumamu, garuu seelonni qaama keenyaa sirnaan itti fayyadamuu dadhaban. Hormooniin gadameessaa irraa dhufu insuliiniin akka hin hojjenne gochuu keessatti gahee guddaa qabu.


Dubartoonni saaxilamoo ta’an eenyufa’i?

  • Warra furdina garmalee qaban
  • Yoo sochii qaamaa yeroo hunda hin goone
  • Dubartoota yeroo ulfaa duraa dhukkuba sukkaaraa qaban
  • Dubartoota daa’ima guddaa ulfaatina kg 4 ol ta’e deesse
  • Dubartoota seenaa maatiin dhukkuba sukkaaraa qaban
  • Dubartoota ulfi irra deddeebiin ba’e.

Mallattoon dhukkuba kanaa maali?


Dhukkubni sukkaaraa ulfaa yeroo baayyee mallattoo tokkollee hin qabu. Sababa mallattoo hin qabne kanaan, dubartoonni ulfaa hundi walakkeessa ulfaa keessatti dhukkuba sukkaaraa akka qorataman gorfama. Mallattoowwan sukkaara dhiigaa olka’uu dheebuu garmalee, yeroo baay’ee fincaa’uu fi garmalee dadhabuu kan dabalatu dha.


Qorannoon isaa maal maali?


 Dubartoonni ulfaa baay’een isaanii dhukkuba sukkaaraatiin kan qabaman ji’a 6ffaa hanga 7ffaatti. Yoo carraan dhukkuba sukkaaraa ol’aanaa ta’e akkuma ulfi isaanii adda baafameen qoratamuu qabu. Qorannoon kun qorannoo sukkaara dhiigaa kan sukkaara giraama 75 of keessaa qabu fudhachuun kan raawwatamu yoo ta’u, yeroo ulfaa hammi sukkaara eegamu caalaa yoo ol ta’e dhukkubni sukkaaraa jiraachuu agarsiisa.


Rakkoo fayyaa dhukkuba sukkaaraatiin yeroo ulfaa dhufu

Hordoffii fi to’annoo gahaan yoo hin godhamne haadha ulfaa irratti rakkoo fayyaa hedduu fiduu danda’a.


Rakkoo fayyaa haadha

  • Ulfa baasuu, daa’ima gadameessa keessa jiru dhabuu
  • Dhiibbaan dhiigaa dabaluu
  • Carraan baqaqsanii hodhuun da’uu ni dabala
  • Carraan dhukkuba sukkaaraa qabamuu itti fufa

 Rakkoo fayyaa daa’ima gadameessa keessa jiru miidhu

  • Mucaa furdina garmalee qabu dahuu
  • Mucaa Yeroo isaa osoo hin gahiin dhalachuu
  • Rakkoo sirna hargansuu
  • Rakkoo guddinaa fi mudaa qaamaa

Akkamitti yaalama?

Fayyaa haadhaa fi nageenya daa’ima gadameessa keessa jiru mirkaneessuuf sukkaara gahaa fi yeroon to’achuun barbaachisaa dha. Dhukkubni sukkaaraa sirnaan yoo yaalamee haadhaas ta’e daa’imni fayyaa akka qabaatan gargaaruu danda’a.


Dubartiin dhukkuba sukkaaraatiin qabamte tokko waa’ee dhukkuba kanaa fi yaala isaa sirriitti beekuu fi hubachuu barbaaddi. Karoorri to’annoo dhukkuba sukkaaraa fi galma baafachuunis barbaachisaa dha.


Jireenya fayya qabeessa ta’e eeguun wal’aansa dhukkuba sukkaaraatiif baay’ee barbaachisaadha. Nyaata fayya qabeessa barbaada. Haa ta’u malee dhukkubsattoota sukkaaraa hundaaf nyaata mijaawaa qopheessuun rakkisaadha. Garuu dubbiin inni guddaan nyaanni nuti nyaannu hamma sukkaara keenya akka hin daballe ykn hin hir’isne of eeggannoo gochuudha.


seera bu’uuraa soorataa ijoo keessaa, guyyaa guyyaan yeroo nyaataa idilee kaa’uu, nyaata anniisaa kennu, keessumaa kuduraalee baala magariisaa yeroo nyaannu nyaata soorataa filachuu fi nyaata mi’aawaa sukkaara salphaa qabu fayyadamuu dhiisuu dabalata.

Wanti barbaachisaan biraa sochii qaamaa giddu galeessaa gochuudha.


Jireenya fayya qabeessa hordofuu malees, qorichi dhukkuba sukkaaraa akka barbaachisummaa isaatti ogeessa eegumsa fayyaa waliin mari’achuun ajajamuu danda’a. Haadha ulfaa dhukkuba sukkaaraa qabduuf hamma sukkaara dhiigaa to’achuuf filannoowwan qoricha hedduu kan jiran yoo ta’u, yaaliin baay’ee filatamaa ta’e insuliinii lilmoodhaan kennamu dha.


Sababoonni gurguddoon insuliiniin qoricha afaaniin fudhatamu biroo caalaa filatamuuf:

1.Sababni inni jalqabaa insuliiniin  haadhaa fi daa’ima gadameessa keessa jiruuf miidhaa kan hin qabne ta’uu isaati. Insuliiniin yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa to’achuuf qoricha baay’ee nageenya qabuudha. Gadameessaa qaxxaamuruu waan hin dandeenyeef kallattiin daa’ima guddachaa jiru irratti dhiibbaa hin geessisu.


2.Insuliiniin hamma sukkaara dhiigaa akka gaariitti to’achuuf gargaara. Jijjiiramni hammi sukkaara dhiigaa daa’ima gadameessa keessa jiruuf balaa fiduu danda’a, garuu insuliiniin sukkaara dhiigaa hamma barbaadame keessatti akka tasgabbaa’u taasisa.

3.Kana malees, insuliiniin qoricha afaaniin fudhatamu caalaa fedhii haadha jijjiiramaa umurii ulfaa(gestational age) waliin guutuu danda’a.


Sababoota gurguddoo kanaan insuliiniin dhukkuba sukkaaraa ulfaa yaala filatamaa, nageenya qabuu fi bu’a qabeessa ta’eera.

Hordoffiin da’umsa boodaa akka barbaachisummaa isaatti ni gorfama.


Dhukkubni sukkaaraa ulfaa daa’imatti darbuu danda’aa?

 Daa’imman dhukkuba sukkaaraa ulfaatiin dhalatan yeroo ga’eessotaa ta’an carraan dhukkuba sukkaaraa fi furdina garmalee qabaachuu isaanii xiqqoo dabaluu danda’a. Dhukkubni sukkaaraa yeroo ulfaa haala gaariin yoo to’atame daa’ima irratti rakkoo dhaabbataa hin fidu.


Tarkaanfiiwwan ittisaa maali?

Irra caalaa yeroo ulfa duraa (ulfaa’uun dura) akkaataa jireenya keenya fayya qabeessa gochuun barbaachisaa dha. Ulfaatina qaamaa to’achuun barbaachisaa dha.


Ilaalchi hawaasaa maali?

Dhukkuba sukkaaraa ulfaa hubachuu fi ittisuun carraa guddaa sukkaara dhaloota irraa hir’isuuf waan ta’eef, kutaaleen hawaasaa hundi dammaquu fi gahee keenya bahuu qabna. Dubartoonni ulfaa hundi dhukkuba sukkaaraa qorachuun rakkoo fayyaa inni fiduu danda’u hir’isuuf qoratamuu qabu.


Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qormaata ykn yaala dhuunfaaf, kutaa dhukkuba sukkaaraa hospitaala addaa Xiqur Anbassaatti ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.


 Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu.Gorsa fayyaa qabatamaa odeeffannoo qabuu fi mirkanaa’eef biloogii Dr. Malaakuu www.melakutaye.com, Telegram fi Tik Tok hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan kabajaan isin afeera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top