Dhukkubni kolestroolii maali?  Sababoonni isaa hoo?

Dr. Melaku Tayetiin Dhibee madaallii dhabuu cooma dhiigaa (Dyslipidemia) dhukkuba daddarboo hin taane yoo ta’u, hammi kolestroolii ykn cooma dhiigaa yeroo hin baramne yoo ta’e carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa dabaluudha.  Addunyaa irratti sababoota dhukkuba onnee adda duree ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u, kunis jeequmsa akkaataa jireenyaa ykn saaxilamummaa sanyii keessatti kan dhufudha. …