Dhukkubni kolestroolii maali?  Sababoonni isaa hoo?

Dr. Melaku Tayetiin


Dhibee madaallii dhabuu cooma dhiigaa (Dyslipidemia) dhukkuba daddarboo hin taane yoo ta’u, hammi kolestroolii ykn cooma dhiigaa yeroo hin baramne yoo ta’e carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa dabaluudha.  Addunyaa irratti sababoota dhukkuba onnee adda duree ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u, kunis jeequmsa akkaataa jireenyaa ykn saaxilamummaa sanyii keessatti kan dhufudha.  Ujummoolee dhiigaa keessatti kuufamuun akka cufamanii gochuun dhiigni gara onnee, sammuu fi kutaalee qaamaa birootti akka hin yaa’in taasisa.


Dhibee madaallii dhabuu cooma dhiigaa gosoota dhibee gurguddoo sadiitti qoodama.  Isaanis kolestroolii olka’aa (kolestroolii hamaa) (high cholesterol), coomni dhiigaa olka’aa, fi kolestroolii gadi aanaa (kolestroolii gaarii gadi aanaa) (low HDL) dha.


Rakkoon kolestroolii addunyaa guutuutti baay’achaa dhufeera.  Qorannoowwan Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamanis qorannoo biyyoolessaa Ministeera Fayyaa bara 2015 gaggeesseen dhibeen kolestroolii hawaasa dhibbeentaa 20 ol akka miidhu mirkaneesse (Gebreyes et al. PLoS ONE. 2015;13(5):e0194819). Sababni tokko jijjiirama akkaataa jireenyaa fi nyaata keenyaati.  Nyaatni warshaan haala olaanaadhaan kan qophaa’an, waadaman , coomaa fi sukkaara qabu nyaata keenya isa ijoo ta’aniiru.  Sochii qaamaa gochuu dhabuun kolestroolii olka’aa ta’eef sababa guddaa kan biraati.  Dhiphinni jireenya guyyaa guyyaa qaama jireenya ammayyaa ta’es hamma kolestroolii irratti dhiibbaa qaba.  Kunis furtuuwwan fayyaa kolestroolii fooyyessuuf gargaaran hedduun akka danda’amuu fi harka keenya keessa akka jiran agarsiisa.


Dhukkuba kolestroolii maaliif dhukkuba ujummoolee dhiigaatiif balaa ta’a?


Kolestrooliin dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa biroo wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba.  Qorannoon akka agarsiisutti hammi kolestroolii dhiigaa olka’uun carraa dhukkuba ujummoolee dhiigaa kanaan walqabatee dhufu haalaan dabala. Keessattuu LDL-kolestrooliin balaa guddaa qaba.


Kolestrooliin dhiiga keenya keessatti yeroo kuufamu dallaa ujummoo dhiigaa irratti maxxana. Koolestrooliin yeroon darbaa deemuun ni walitti qabama.  Suuta suutaan ujummoo dhiigaa dhiphisa. Adeemsi kun atherosclerosis jedhama. Dhuma irrattis ujummoon dhiigaa dhiphatee dhangala’aa dhiigaa ni cufa.  Dhangala’aa dhiigaa ni hir’isa.  Dhiigni oksijiiniin badhaadhe onnee ykn sammuu keessan bira gahuu yoo dadhabe, dhukkuba onnee tasa ykn jeequmsa sammuu nama geessuu danda’a.


Fakkeenyaaf, ujummoo dhiigaa akka ujummoo bishaanii haa yaadnu.  Tubooleen kun bishaan akka gaariitti akka yaa’uuf qulqulluu fi banaa ta’uu qabu.  Haa ta’u malee, coomniifi xurii kana fakkaatan ujummoo  sana cufu yoo kuufame ujummoon sun bishaan darbuu hin danda’u.  Yeroo coomni (kolestroolii hamaan) dhiiga keessa baay’atu, akka xurii cooma qabuu fi keessoo ujummoo bishaanii irratti maxxanu ta’a. Jalqaba dallaa ujummoo dhiigaa irratti maxxanuu jalqaba. Yeroo booda kuufama.  Suuta suutaan furdachaa yeroo deemu naannoo isaa haguuggii jabaa (plaque – atherosclerotic plaque) uuma. Akkuma dabalaa deemuun bakki ujummoo dhiigaa dhiphachaa deema.  Akkuma hammaataa deemuun ujummoon dhiigaa gartokkoon cufamee dhangala’aa dhiigaa ni gufa.  Keessattuu, yoo pilaakiin sun caccabee, dhangala’iinsa dhiigaa akka tasaa guutummaatti daangessuu danda’a.  Kunis dhukkuba onnee tasa, jeequmsa sammuu, gangrene miila ykn rakkoo walqunnamtii saalaa kan fidudha.  Kanaafidha ujummoon dhiigaa qulqulluu fi banaa akka ta’uufi dhiigni akka gaariitti akka yaa’uuf hamma kolestroolii to’achuun barbaachisaa kan ta’e.


Sababoonni dhukkuba kolestroolii maali?


Dhukkubni kolestroolii namoota umrii, saala, sanyii, sooressa ykn hiyyeessa, furdaa ykn qalla’aa osoo hin ilaalin kamiyyuu miidhuu danda’a.  Wanti hammeenya kan ta’e tokko kolestrooliin olka’aan namoota baay’ee irratti mallattoo tokkollee hin agarsiisu.  Dhukkuboota daddarboo hin taane callisanii ajjeesan keessaa isa tokkodha.


Sababni dhukkuba kolestroolii sababoota hedduu kan qabu yoo ta’u, sababoota jeneetikii, naannoo fi akkaataa jireenyaatiin kan dhufudha.  Tooftaalee wal’aansaa fi ittisaa bu’a qabeessa ta’an qopheessuuf wantoota kana hubachuun murteessaadha. Sababoonni isaas baayyinaan gosa 2tti qoodamaniiru.  Kunis dhukkuba kolestroolii sanyiidhaan kan daddarbu (jeneetiksii) (Primary dyslipidemia) fi dhukkuba kolestroolii sababoota birootiin (secondary dyslipidemia) dhufudha.


Dhukkubni kolestroolii sanyiidhaan kan daddarbu (jeneetiksii) (Primary dyslipidemia) jijjiirama jeneetikii meetaabolii cooma irratti dhiibbaa geessisu irraa kan dhufudha.  Dhaaluun ni danda’ama.  Dhibeen kolestroolii olka’aa yeroo baay’ee daa’imummaa jalqabaa keessatti mul’ata.  Tatamsa’inni kun baay’ee kan hin mul’anne yoo ta’u, qorannoon akka agarsiisutti namoota 300 keessaa tokko irratti mul’ata.


Dhukkubni kolestroolii sababoota birootiin dhufus(secondary dyslipidemia) jeequmsa akkaataa jireenyaa ykn haala fayyaa birootiin kan dhufudha.  Sababoonni gurguddoon sochii qaamaa gochuu dhabuu, nyaata fayya qabeessa hin taane, furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa, madaallii hormoonii taayirooyidii dhabuu, dhukkuba tiruu, dhukkuba kalee, alkoolii dhuguu, tamboo xuuxuu fi qoricha tokko tokko fayyadamuu, muraasa maqaa dhahuudhaaf.


Mallattoon kolestroolii olka’aa maal fa’a?


Kolestrooliin baay’achuun namoota baay’eedhaaf mallattoo tokkollee hin fidu.  Kolestrooliin baay’achuun hanga rakkoo biroo qaama keessan irratti fidutti mallattoo tokkollee agarsiisuu dhiisuu danda’a.  Mallattoo kan hin qabnedha.  Karaan kolestroolii olka’aa qabaachuu kessan itti beektu qorannoo dhiigaa qofa.


Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha.  Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa  fayyaa keessan mariisisaa.


Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba!  Gaaffii dabalataa yoo qabaattan, odeeffannoo kana kan qopheesse Dr. Melaku Taye fi hiriyyoota hojii isaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa qunnamuu dandeessu. Fayyaa keessan isa gatii guddaa qabu eeguuf maal gochuu akka qabdan gorsa qabatamaa dabalataa argachuuf marsariitii Dr. Melaku www.melakutaye.com fi miidiyaa hawaasaa keenya @hakimmelaku hordofaa!

2 thoughts on “Dhukkubni kolestroolii maali?  Sababoonni isaa hoo?”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top