Dr. Melaku Tayetiin
Qoricha fudhachuun qofti kolestroolii to’achuuf gahaa miti. Kanaa mannaa, jireenya fayya qabeessa qabaachuun kolestroolii fi dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa kolestroolii wajjin walqabatu yaaluuf gahee bakka hin buune qaba. Wanti gaariin jijjiiramni akkaataa jireenyaa yaala kolestrooliif gorfamu hedduun isaanii hojiirra oolchuuf salphaa ta’uu isaaniiti.
Jireenya fayya qabeessa hordofuun sochii qaamaa gahaa gochuu fi dhugaatii alkoolii hir’isuun yaala kolestrooliif bu’uuraa dha. Barreeffama kana keessatti filannoowwan akkaataa jireenyaa kolestroolii gadi buusuuf isiin gargaaruu danda’an qoranna.
Jijjiirama nyaataa yaala kolestrooliif gorfamu
Filannoon yaala kolestroolii to’achuuf barbaachisoo ta’an keessaa tokko nyaata fayya qabeessa ta’edha. Nyaatni tokko tokko kolestroolii gadi buusuuf gargaaruu danda’u. Kaan immoo kaasuu dandaʼu.
Nyaata kolestroolii to’achuuf gargaaran keessaa kanneen armaan gadii ni argamu
- Kuduraalee fi muduraalee, Faayibara, vitaaminii fi antioksidaantiin kan badhaadhan fuduraalee fi muduraaleen kolestroolii hamaa gadi buusuuf gargaaru. Yeroo hunda walakkaa saanii nyaataa keessanii baala fi fuduraalee halluu adda addaa qaban akka alaabaa Itoophiyaa guutuuf yaalaa. Yeroo nyaattan dursa kanneen nyaachuun gaariidha.
- Midhaan faayibaraan badhaadhe: Nyaata midhaan guutuu fiber hin dhabnees hunda caalaa gaarii dha.
- Coomni fayya qabeessa ta’e kan akka midhaan guutuu kan akka leuzii, almoondii fi sanyiiwwan hamma kolestroolii hamaa fooyyessuuf gargaaruu danda’u. Nyaata dafanii waadamani mannaa Leuzii harka muraasa nyaachuun fayyaa kolestroolii irratti dhiibbaa gaarii fiduu danda’a.
- Qurxummii: Nyaatni qurxummii adda addaa asiidota coomaa omeegaa-3 faayidaa qabaniin kan badhaadhanidha. Nyaatni zayita qurxummii kunniin kolestroolii gadi buusuun carraa dhukkuba ujummoo dhiigaa hir’isuuf gargaaru.
- Zayitii gosa fayya qabeessa ta’e fayyadamuu; Dhadhaa ykn maargariinii zayita ejersaa bakka buusuun kolestroolii hamaa gadi buusuufi kolestroolii gaarii ol kaasuuf gargaara.
Nyaatni kolestroolii dabalan maali?
- Coomni traansi (trans fat): Isaan kun gosoota cooma summii waadaman fi nyaata gubate keessatti argamanii fi kolestroolii miidhaa geessisu dabalu. Faallaa kanaatiin kolestroolii gaarii gadi buusu. Zayitii nyaataa kan ” partially hydrogenated oils ” jedhamee waamame hin fayyadaminaa sababiin isaas cooma tiraansii of keessaa qaba.
- Coomni Saturated(saturated fat): Nyaata cooma hamaa garmalee nyaachuun hamma kolestroolii ni dabala. Coomni Saturated, baay’inaan foon diimaa fi cooma qabu, oomishaalee aannani cooma guutuu fi dhadhaa keessatti kan argamu yoo ta’u, cooma Saturated kan qabu yoo ta’u, gosoota cooma irraa fagaachuu qabanidha. Nyaata kana daangessuun hamma kolestroolii fooyyessuuf gargaara.
- Nyaataa fi dhugaatii sukkaara baay’ee qabu: Nyaatni sukkaara salphaa baay’ee qabu hamma coomaa dhiigaa dabaluu qofa osoo hin taane furdina garmalee fi boorcii akka dabalu gumaachu.
Ogeeyyiin soorataa hedduun nyaata adda addaa fi yeroo tokko tokko wal faallessuu akka gorsan dhageenya. Kanaafuu isaan kamtu hojjeta, saayinsii irratti kan hundaa’e?
- Nyaanni kun gosoota nyaataa biroo caalaa faayidaa fayyaaf ragaa saayinsaawaa qaba. Fayyaa waliigalaatif faayidaa gaarii qabaachuu isaatiin bal’inaan faarfama. Gosti nyaataa kun kuduraa fi muduraa, midhaan guutuu, tiraatiree, qurxummii fi zayita ejersaa nyaachuu gorsa. Gama biraatiin nyaata warshaa keessatti qophaa’ee fi foon daangeessuu ajaja. Qorannoowwan hedduun akka agarsiisanitti kolestroolii to’achuuf, dhiibbaa dhiigaa to’achuufi carraa dhukkuba onnee hir’isuuf gosoota nyaataa biroo caalaa gaarii ta’a.
- Malawwan nyaataa dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf gargaaran( Dietary Approaches to Stop Hypertension, DASH Diet): Nyaata adda durummaan dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf qophaa’e ta’us, kolestroolii hir’isuu irrattis bu’a qabeessa. Nyaanni kun kuduraa fi muduraa, midhaan guutuu, qurxummii fi lukku nyaachuu, akkasumas soogidda, foon diimaa fi mi’aawaa daangeessuu gorsa. Qorannoon hedduun akka agarsiisanitti nyaanni kun hamma kolestroolii fi fayyaa onnee waliigalaa akka fooyyessuudha.
- Nyaata Vegetarian (vegetarian diet): Nyaanni kun nyaata biqiltuu irratti hundaa’e qofa nyaachuu kan gorsu yoo ta’u, foon ykn nyaata galaanaa kamiyyuu hin dabalatu. Namoonni nyaata vegetarian xiqqaa hordofan tokko tokko hanqaaquu fi oomishaalee aannani nyaachuu danda’u. Hamma cooma saturatedii oomisha beeylada qofa keessatti argamu haalaan hir’isa. Kanaaf, hamma kolestroolii to’achuuf gargaara.
- Nyaata foon cooma baay’ee qabu daangeessuun gaariidha. Keessattuu foon cooma baayee qabuu fi tiruu daangeessaa. Foon waadamee nyaachuurra foon bilcheefame nyaachuu wayya. Foon lukku foon beeylada caalaa gaarii dha – yeroo lukku qopheessinu foon mul’atu funaanuun gogaa isaa irratti dhiisuun ni gorfama.
- Nyaata warshaan qophaa’ee daangeessaa. Nyaata qophaa’e kan akka chiipsii, kukiisii, dhugaatii lallaafaa qaruuraa, mi’aawaa fi dhangala’aa kan yeroo dheeraaf firijii keessa turan nyaachuu daangeessaa. Nyaata qophaa’e kan suuqii irraa bitamu kan cooma saturated fi cooma tiraansii baay’ee qabu daangessaa.
Gosoonni nyaata kanaas ta’e kan biroon ana wayya, ana wayya jedhanii falmuun bal’inaan dhaga’ama. Dhugaan jiru garuu qorannoon saayinsii ifa ta’ee tokko isa kaan caala jedhu hin jiru. Nyaata nama hundaaf hojjetu qopheessuun rakkisaa ta’uu danda’a. Ogeeyyiin soorataa irra caalaan isaanii tooftaa haala itti fufiinsa qabuun hojiirra ooluu danda’u qopheessuu fi yeroo hunda fooyyessuu gaarii ta’uu irratti walii galu.
Gahee sochiin qaamaa yaala kolestroolii keessatti qabu
Sochii qaamaa gochuun boca qaamaa gaarii qabaachuuf qofa miti. Kanaa mannaa, karaalee hamma kolestroolii fooyyessuu fi fayyaa onnee eeguuf gargaaran keessaa isa tokkodha. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun kolestroolii gaarii ni dabala, kolestroolii hamaa ni hir’isa, tiraayigiliisaayidii ni hir’isa. Keessattuu nyaata fayya qabeessa waliin yoo walitti makame faayidaa fayyaa guddaa qaba.
Sochii qaamaa hangamii barbaachisa?
Faayidaa fayyaa sochii qaamaa irraa argamu argachuuf fiigicha maaraatoonii ta’uun issin hin barbaachisu. Gosti fi hamma sochii qaamaa kamiyyuu faayidaa qaba. Hamma dandeessan socho’aa, garmalee taa’uu hir’isaa. Keessattuu torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa 150 sochii eroobikii gochuun gaariidha. Torbanitti al lama ykn sadii shaakala humnaa gochuun faayidaa fayyaa dabalataa argamsiisa.
Dhiphina hir’isuu
Nyaata fayya qabeessa nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu malees, jijjiiramni akkaataa jireenyaa biroo fayyaa kolestrooliif gargaaruu danda’a. Isaan keessaa tokko dhiphina hir’isuudha. Dhiibbaa dhiigaa fi sukkaara dabaluu bira darbee, dhiphinni garmalee fayyaa onnee waliigalaa fi hamma kolestroolii irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a. Dhiphina hir’isuuf gargaaran tooftaalee boqonnaa shaakaluun kolestroolii kee gadi buusuuf gargaaruu danda’a.
Hirriba gahaa argachuu
Hirriba gahaa fi quubsaa argachuun fayyaadhaaf waan namoonni baay’een hubatan caalaa barbaachisaa dha. Rakkoon hirribaa olka’iinsa kolestroolii, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatee jira. Kanaafuu guyyaa guyyaan hirriba qulqullina qabu sa’aatii 6-8 fudhachuun hamma kolestroolii keessan to’achuu fi fayyaa waliigalaa keessan fooyyessuu dandeessu.
Araada miidhaa geessisu ofirraa baasuu
Yoo tamboo xuuxtan, amma dhiisuun murtoo gaarii fayyaa onnee keessaniif gochuu dandeessan keessaa isa tokkodha. Tamboo xuuxuun kolestroolii gaarii keessan gadi buusa, kunis dabaree isaatiin carraa dhukkuba onneetiin qabamuu keessan dabala. Tamboo xuuxuu erga dhiifnee torban muraasa keessatti hamma kolestroolii ni fooyya’a. Onnen immoo fayyuu jalqaba.
Alkoolii dhuguu daangeessaa. Alkoolii giddu galeessaan dhuguun faayidaa fayyaa qaba jedhu yaadni dogoggoraa jira. Garuu wanti hundarra gaariin tasuma dhuguu dhiisuudha. Alkoolii dhuguun kolestroolii fi tiraayigiliisaayidii jallisuu qofa osoo hin taane,boorcii fi summii dhukkuba onnee fi kaansarii hedduu fiduu danda’uudha.
Ulfaatina qaamaa sirreessuu
Ulfaatina qaamaa garmalee qabaachuun, keessattuu boorcii, kolestroolii hamaa fi tiraayigiliisaayidii ni dabala. Ulfaatina qaamaa xiqqaa hir’isuun illee fayyaa kolestroolii irratti jijjiirama guddaa fiduu danda’a.
Akkuma armaan olitti ibsine jijjiirama akkaataa jireenyaa hunda galeessa gochuun bu’aa guddaa fiduu danda’a. Foormulaan jireenyaa hundaaf ta’u tokko kan hin jirre ta’us, dubbiin ijoo jijjiiramni xixiqqoo bu’aa guguddaa fiduu danda’u. Akkasumas, hamma kolestroolii to’achuun halkan tokkotti jijjiirama cimaa gochuudhaan miti. Kanaa mannaa, amala fayya qabeessa yeroon darbaa deemuun horachuu dandeessu jalqabuu fi itti maxxanuudha. Karaa fayyaa fi yaada sirrii ta’etti deebi’aa. Jijjiirama akkamii gochuu akka qabu, akkamitti akka itti fufuu fi akkamitti akka itti maxxanuu irratti karoorfadhaa, murteessaa, tarkaanfii fudhadhaa. Saffisa mataa keessani deemaa; Jijjiirama dabalataa suuta suutaan of keessatti hammadhaa. Jijjiirama jireenya fayya qabeessa ta’e gochuuf gonkumaa yeroon hin darbu. Jijjiiramni xixiqqoo har’a irraa eegalee fayyaa yeroo dheeraa keessan irratti fooyya’iinsa guddaa fiduu danda’a.
Akka dhugaa jiruutti,jijjiirama akkaataa jireenyaa gochuun salphaa miti. Jijjiirama kana hojiirra oolchuuf fedhii fi qophii cimaa barbaachisa. Sababa ifaafi murteessaa qabaachuu qabda. Jijjiirama tokko tokko gochuuf qophii ta’uu fi dhiisuu kee qorachuuf, gaaffilee armaan gadii deebisuuf yaali. Maaliif kolestroolii kee gadi buusuu barbaadda? Fayyaan siif deebisuun faayidaa maalii qaba? Yeroo darbe nyaata fi sochii qaamaa irratti jijjiirama akka hin goone maaltu si dhorke? Gufuuwwan kana moʼuuf amma maal gochuu akka dandeessu sitti dhagaʼama?
Qorichi kolestroolii hir’isu ogeessa fayyaa keessan waliin mari’achuunis ajajamuu danda’a. Keessattuu namoota dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi ujummoo dhiigaa kanaan walqabatan, hamma kolestroolii olka’aa, fi kanneen dhukkuboota biroo dachaa qabaniif (multiple risk factors) qoricha kolestroolii hir’isu walitti fufiinsaan fudhachuun sirrii dha. Qorichootni kolestroolii hir’isan gurguddoon staatini (statin) jedhamuun beekamu. Qorichootni statin gosa hedduu ta’anis, kolestroolii hir’isuuf bu’a qabeessa ta’an rosuvastatin fi atorvastatin dha.
Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa keessan mariisisaa.
Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba! Gaaffii dabalataa yoo qabaattan, odeeffannoo kana kan qopheesse Dr. Melku Taye fi hiriyyoota hojii isaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa qunnamuu dandeessu. Fayyaa keessan isa gatii guddaa qabu eeguuf maal gochuu akka qabdan gorsa qabatamaa dabalataa argachuuf marsariitii Dr. Melaku www.melakutaye.com fi miidiyaa hawaasaa keenya @hakimmelaku hordofaa!