Avokaadoo nyaata dhukkuba sukkaaraa yaaluuf mijatu dha
Odeeffannoo dogoggoraa waa’ee avokaadoo Guyyaa guyyaan nyaata dhukkubsattoota sukkaaraa yeroon madaalu jechoota baraman ani dhaga’u keessaa tokko ‘Avokaadoo kolestrooliif hamaa ta’uu isaa waanan dhaga’eef nyaachuu dhiise’ jedhu kan saayinsiin hin deeggaramne dha. Avokaadoon qabiyyee coomaa isaa irraa kan ka’e ‘fayyaa onneef hamaadha’ jedhamee yaadni dogoggoraa bal’inaan mul’ateera. Oduu coomni avokaadoo keessa jiru kolestroolii ol kaasa…