Vaayirasiin Maarbarg dhukkuba daddarbaa, ho’a qaamaa qabuudha.Gosa vaayirasii Filoovaayirasii jedhamuun kan ramadamu yoo ta’u, vaayirasii Iboolaa waliin walitti dhufeenya guddaa qaba.
Sadaasa 5, 2018 sababni weerara dhukkuba ho’aa dhiiga dhangalaasu Vaayirasiin Dhufu kan Itoophiyaa keessatti namoota tokko tokko miidhe vaayirasii Maarbarg ta’uun mirkanaa’eera.
Barreeffamni barsiisaa kun maalummaa, daddarbiinsa, mallattoolee, yaala, fi ittisa vaayirasii Maarbarg irratti xiyyeeffata.
Maalummaa vaayirasichaa
- Gosa; Filoovaayirasii
- Envelope vaayirasii fi jeneetiksii; Innis meembraanii lipidii keessatti kan marfame yoo ta’u, meeshaan jeneetikii isaas RNA dha.
- Keessummeessituu uumamaa; Vaayirasichi simbra halkanii keessa jiraata. Garuu simbira halkaniidhaf dhukkuba hin fidu.
- Namatti erga daddarbee booda dhukkuba fida.
- Nama irraa gara namattis ni daddarba
Vaayirasiin Maarbarg akkamitti daddarba?
Tatamsa’inni vaayirasii Maarbarg kan jalqabu simbirroota halkanii dhukkuba kanaan qabaman fi naannoo isaanii irraa gara namaatti yeroo daddarbu dha. Namoonni holqa simbirroonni halkanii jiraatan keessa hojjetaniifi daawwattoonni vaayirasichaaf saaxilamuu danda’u. Wantoonni fincaan simbirroo halkanii, manca’aa fi haxxiffannaatiin faalamanis vaayirasicha dabarsuu danda’u. Simbirroonni halkanii vaayirasichaaf keessummeessitoota ijoo ta’anis, qamaleewan fi booyyeewan yeroo tokko tokko yeroof vaayirasicha kan qaban ta’uu akka danda’an qorannoowwan agarsiisan jiru.
Vaayirasichi erga nama qabee booda nama irraa gara namatti tamsa’a. Vaayirasiin kun kan daddarbu dhiigaa fi dhangala’oo qaama nama dhukkuba kanaan qabame (balaqqama, manca’aa, fincaan, haxxiffannaa, dafqa, aannan harmaa, dhangala’aa qaama saalaa fi kkf) waliin kallattiin wal qunnamuudhaani. Vaayirasiin kun karaa lilmoo, meeshaa, uffata faalame fi kkf namni vaayirasichaan qabame itti fayyadamuudhaan daddarba. Walqunnamtii saalaatiinis ni daddarba. Reeffa tuquun vaayirasicha dabarsuu danda’a.
Mallattoon dhukkuba vaayirasii Maarbarg maali?
Vaayirasichi qaama keenya keessa erga seenee booda seelii ittisa qaamaa haleela saffisaan baay’ata, ni babal’ata. Seelonni ittisa qaamaa keenyaa kanneen vaayirasiin qabaman keemikaalota baay’ee gadi lakkisu. Deebii farra vaayirasii qaama keenyaa to’annaa ala ta’e kakaasuun (massive inflammatory response, cytokine storm) ujummoo dhiigaa guutuu aarsuun qaama namaa miidha. Adeemsa kana keessatti seelonni ittisa qaamaa keenyaa waan miidhamaniif sirni ittisa qaamaa keenyaa ni laafaa.
Namni vaayirasichaan qabame guyyoota muraasaa hanga torban sadiitti mallattoo dhukkuba kanaa malee turuu danda’a.
Mallattoon jalqabaa dhukkuba vaayirasii Maarbarg akkuma vaayirasoota biroo qufaa kan fakkaatu yoo ta’u, ho’a qaamaa cimaa, mataa dhukkubbii, dhukkubbii qoonqoo, dhukkubbii maashaalee fi lafee, fi dadhabbiin dabalata.
Mallattoowwan vaayirasichaa jalqabaa kun dhukkuboota daddarboo ho’a qaamaa cimaa biroo hedduu wajjin wal fakkaachuu danda’u. Fakkeenyaaf, dhukkubni busaa (raafamuu cimaan kan qabuu fi qorannoo busaatiin salphaatti kan adda baafamu), taayifooyidii (Ho’i qaamaa amala dabaluu addaa qaba, akkasumas nyaata/dhugaatii faalameen carraan saaxilamuu ni jiraata), dhukkuba meninjaayitii, COVID-19 fi kkf mallattoo walfakkaataa qabaachuu danda’u.
Mallattoowwan kun erga mul’atanii guyyoota muraasa booda mallattoolee garaachaa kanneen akka ol nama jechuu cimaa, balaqqama, garaa kaasaa fi dhukkubbii garaa ni mul’atu.
Sana booda dhukkubni kun akkuma itti fufetti mallattoon cimaan mul’ata. Gogaa, afaanii fi funyaan, ykn qaama keessoo irratti dhiigni akka bahu taasisa. Dhukkubni kun akkuma itti fufetti dhiibbaan dhiigaa garmalee gadi bu’a, kalee, tiruu fi qaamoleen biroo ni miidhama. Akkasumas qaamolee hedduu akka dadhaban taasisa. Duuti isaas kanaan wal qabata.
Duuti Maarbarg giddu galeessaan naannoo 50% dha. Kunis gosa vaayirasichaa, bu’a qabeessummaa deebii kennuu fi tajaajila yaalaa argamu irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf, to’annoo weeraraa cimaa hojiirra oolchite Ruwaandaan du’a naannoo dhibbeentaa 23 ta’eera. Kunis cimina sirna fayyaa Ruwaandaa akka ragaatti faarfamaa tureera. Ruwaandaan maallaqa guddaa ramaduu fi ogummaa, qoricha yaalii fi meeshaalee yaalaa yeroon kennuudhaan, hunda keenyaaf barumsa ta’e Marburg to’achuu irratti hojii ajaa’ibaa hojjettee jirti.
Namoonni vaayirasicharraa lubbuun hafan guutummaatti fayyuuf guyyoota hanga torbanitti fudhachuu danda’a. Keessattuu dadhabbiin, dhukkubbiin lafee fi dhiphinni sammuu yeroo dheeraaf turuu danda’a.
🩺 Qorannoo Dhibee Maarbarg (Marburg)
Qorannoo Dhiigaa fi Mallattoolee Biroo:
- Qorannoon Dhiigaa Guutuu (CBC): Bu’aaleen laabraatoorii kanneen akka lakkoofsi seelii dhiigaa hir’achuu, qorannoon tiruu (liver) kan naannoo idilee (normal) hin taane, mallattooleen miidhaa kalee (kidney) mul’achuu fi kkf agarsiisan ni jiraachuu danda’u.
Mirkanneeffannaa Dhibee Vaayirasii:
Vaayirasicha mirkaneessuuf qorannoon mirkaneessaa barbaachisaa dha. Kanneen keessaa:
- Qorannoowwan Molakiyuulaarii PCR kan sanyii vaayirasichaa adda baasan.
- Qorannoowwan Antijiinii.
- Qorannoowwan Antiboodii.
Yaadachiisa: samuuda dhukkubsatootaa (specimens) baay’ee waan balaa qabaniif, qorannoowwan kunniin kan raawwataman toora-eegumsa Bayoo-Nageenyummaa Biyyaalessaa (National Biosecurity Protocols) irratti hundaa’uun giddugaleessota laabraatoorii addaa keessatti qofa.
Maarbarg Wal’aansa Qabaa?
- Wal’aansa Deeggarsaa (Supportive Treatment): Wal’aansi inni guddaan kan xiyyeeffatu:
- Bishaan Qaamaa bakka buusuu: Bishaan qaamaa dhabame Glukoosiin bakka buusuu.
- To’annoo Ogeessaa: To’annoo cimaa ogeessa fayyaa jala jiraachuu.
- Rakkoolee dabalataa fi walxaxiinsa vaayrasichaan uumaman Wal’aanuu: Rakkoolee dabalataa (complications) jiran wal’aanuu.
- Qoricha Dhukkuba salphisan : Yeroo barbaachisuu, qorichi ho’aa fi kan dhukkubaa salphisu kennamuu qaba.
- Arjooma Dhiigaa: Warra dhiigni isaanii baay’ee dhangala’eef (severe hemorrhage), dhiiga kennuun (blood transfusion) barbaachisuu danda’a.
2. Qoricha vaayirasii:
- Wal’aansa deeggarsaa kanarra darbee, qorichi farra-vaayirasii kennamu hin jiru. Hanga ammaatti Maarbaragiif qorichi farra vaayirasii mirkanaa’ee fi eeyyama argate hin jiru.
- Remdesivir: Muuxannoo fi qo’annoon qorichi Remdesivir jedhamu (kan dura COVID-19f tajaajilaa ture) sadarkaa qorannoo irratti yaalamaa jira.
3. Talaallii Maarbarg (Marburg Vaccine):
- Talaallii Eeyyama Qabu: Hanga ammaatti talaalliin Maarbarag kan eeyyama qabu hin argamne.
Qorannoowwan : Odeeffannoon jiru akka agarsiisutti, talaalliiwwan Maarbarag filatamoo ta’an muraasni sadarkaa qorannoo fi misoomaa irratti argamu.
🛡️ Dhibicha Akkamitti Ofirraa ittisna?
- Mallattoon dhibichi akka hin tamsaane ofirraa ittisnu inni guddaan, nama vaayirasiin kun isa mudate jedhame shakkame adda baasuun gargar baasanii to’annoo jala oolu gochuu dha.
- Fayyadama Bishaan Qaamaa:Bishaan qaamaa nama dhibame irraa burqu waliin wal tuquu ofirraa fageessuu qabna.
- Gargaarsa Fayyaa:Nama dhukkubsate mana keessatti wal’aanuuf yaaluu mannaa, hatattamaan gara dhaabbata fayyaatti geessinee akka yaalamu gochuutu irra caala.
- Harkaa Dhiqannaa: Namni hundi harka isaa alkoolii yookiin saamunaa fi bishaanin sirriitti dhiqachuu fi qulqullummaa isaa eeggachuu qaba.
- Qulqullina eeguu: Uffata, meeshaalee fi irraa deebii kanneen nama dhukkubsate waliin wal tuqan bishaan kilooriinii barakiinaa waliin makuun hojjechuu fi qulqulleessuu qabna.
- Holqaa fi goda simbira halkanii vaayirasicha tamsaasan keessa jiraatanitti seenuu dhaabuun ni barbaachisa.
- Ogeessotaa fi Hojjettootaaf:Keessumaa ogeessonni ji’ooloojii, hojjettoonni albuudaa qotan ulaagaalee ofirraa ittisuu barbaachisaa ta’an hunda guutuu qabu.
- Simbira Halkanii:simbira halkanii tuquu yookiin dhiheenyatti siqachuu hin qabnu.
- Nyaata:Naannoo dhibeen sun babal’ate keessatti, nyaata beelladaa hunda sirriitti dhiqnee fi bilcheessinee nyaachuu qabna.
Dhaabbata Fayyaa Keessatti:
- Eegumsa Ogeessota Fayyaa: Dhaabbilee fayyaa keessatti, tarkaanfileen ittisa daddarbiinsaa kan idileetti gadi hin taane (infection prevention measures) yoo hin hojjetamne, ogeessonni fayyaa balaa guddaa keessa galu.
- Sirna Adda Baasaa: Sirni adda baasaa hatattamaa (early detection system) diriirsuun barbaachisa.
- Meeshaalee Eegumsaa: Guwantii (glove) fi maaskii dabalatee, ijaa fi fuula eeguu hojjechuun ni barbaachisa.
- Adeemsota (Proosijeerota ) Fayyaa: Yeroo proosijeerotni fayyaa kan wantoota xixiqqoo hawaatti bittimsuu danda’an (aerosol generating procedures) raawwataman, of-eeggannoon qilleensarraa ( fkn: Maaskii N95) hojiirra ooluu qaba.
- Balleessaa Qulqulleessuu: Xururiiwwan akka lilmoo (needle) fi kkf balfuun of-eeggannoo guddaa barbaachisa.
Aadaa Awwaalaa:
- Hawaasa keessatti sirni awwaalaa seera qabeessa hojiirra ooluu qaba.
- Reeffa Tuquu Dhiisuu: Reeffa nama dhibee kanaan du’e tuquu dhabuun, ogeessa fayyaan akka sirriitti uwwifamu gochuun, fi hatattamaan ogeessaan awwaalamuun ni gorfama.
Vaayirasiin Maarbarg Hagam Balaa Qaba?
- Balaa Du’aa:Maarbarg vaayirasii yeroo Koroonaa Vaayirasii waliin wal bira qabamu, humni ajjeesuu isaa (fatality rate) baay’ee ol’aanaadha. Ta’us, tarkaanfiileen ittisaa cimaan yoo fudhataman, to’atamuu ni danda’a.
- Daddarbuu:Kan daddarbu bishaan qaamaa nama dhibame waliin dhiheenyaan wal tuquun malee, bakka gabaa, otobusii yookiin karaa irratti yeroof namoota waliin wal darbuun miti.
- Qilleensarraa Daddarbuu Dhabuu:Odeeffannoon amma jiru akka agarsiisutti, Maarbarag akka Koroonaa yookiin Influenzaatti (hancufa yookiin qilleensa qofaan) hin daddarbu. Maarbarg vaayirasii qilleensaan (airborne) hin daddarbu. Fakkeenyaaf, namni Maarbarg qabu mana keessatti yookiin konkolaataa keessatti yoo qufa’e, haala qilleensa qofaan hin tamsaasisu.
- Wal Tuquu: qufaa yookiin haxxifannaa irraa maddan qaama keenya afaan, funyaanii yookiin ija keenya irratti yoo bu’an daddarbuu danda’a. Wantoota bishaan xixiqqaan kun irra bu’an harka keenyaan tuqnee yoo gara qaama keenyatti geessine dhibeen nu qabachuu danda’a.
Madaallii Daddarbiinsaa (Transmission Rate, R₀):
Madaallii daddarbiinsaa Maarbarg kan madaalamaa dha (moderate). Fakkeenyaaf, R₀ Vaayirasii Kooviidii kan yeroo dhihoo ture, si’a lamaa hanga sadii (2-3 times) kan Maarbaragii irra caala. Kunis, namni Maarbarag tokko dhibametti giddugaleessaan nama muraasa qofa dhibuu danda’a jechuudha.
Saffisaa Daddarbiinsaa:
Faayidaan vaayirasichaa inni biraa ammoo, namni dhibame tokko saffisaan dhibicha hin tamsaasisu. Tarkaanfiin isaa suuta jedha. Kunis to’annoo fayyaa cimaa jalatti daddarbiinsa isaa hatattamaan to’achuun akka danda’amu agarsiisa. Akka COVID-19 biyyaa fi addunyaa raasu hin ta’u.
📝 Ergaa Xumuraa
vaayirasiin Maarbarg tarkaanfiin barbaachisu yoo hatattamaan fi qindoominaan hin fudhatamne du’a akka fidu shakkii hin qabu.
Haa ta’u malee, namni hundi tarkaanfilee ofirraa ittisuu yoo hojiirra oolche, namoota dhibaman yeroon adda baafnee yoo wal’aanne, vaayirasii kanaa salphatti to’atamuu danda’u dha.Qorattoonni Itoophiyaa dawaalee fi talaallii irratti qorannoo gadifageenyaa gochuun ummata keenya baraaruu fi saayinsii fayyaa guddisuun isaan irraa eegama.
Yaadannoo:
Yaadoleen barreeffama kana keessa jiran odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan dhiyaatan. Qorannoo dhuunfaa yookiin wal’aansaaf Dr Malaakuu Hospitaala ispeshalaayizdii Xiqur Anbassaa keessa damee Wal’aansa Sukkaaraa jirutti mari’achiisuu dandeessu.
Odeeffannoo fayyaa hojiirra ooluu danda’uu fi mirkanaa’e karaa biloogii ,Telegram, YouTube, fii Tiktokii Dr. Malaakuu hordofaa.