Dhukkubni kolestroolii rakkoo nama hundaati malee sooreeyyii cooma nyaatan ykn warra borcii qaban qofa miti! Nama kamiyyuu irratti dhiibbaa uumuu danda’a — si dabalatee!
Qormaata hojii yaalaa guyyaa guyyaa koo natti ulfaatu keessaa tokko, kolestroolii fi dhukkuboonni onnee fi ujummoolee dhiigaa kanaan walqabatan dhukkuboota sooreeyyii, warra borcii qaban ykn namoota foon cooma baay’ee nyaatan qofa miidhan akka ta’an yaada dogoggoraa barame dha. Dhukkubni kolestroolii dhukkuba badhaadhina (disease of affluence) qofa akka ta’etti yaadama. Kunis, namoota nyaata zayitaa baay’ee qabuu nyaatan, cooma nyaatan, waan barbaadan nyaatan ykn furdina garmalee qaban qofa akka miidhu yaadama. Yaadni dogoggoraa kun namoonni baay’een furdina garmalee waan hin qabneef, yeroo hunda cooma waan hin nyaanneef ykn qabeenya waan hin qabneef qofa rakkoo kolestroolii irraa bilisa ta’uu isaanii akka amanan taasisa. Kan nama gaddisiisu yaadni kun nama dogoggorsuu qofa osoo hin taane balaas qaba.
Dhukkubni kolestroolii ulfaatina qaamaa, amala nyaataa,haala hawaasummaa, sadarkaa qabeenya, amantii, sanyii, umrii fi saala osoo hin ilaalin nama kamiyyuu irratti mul’achuu danda’a.
Dhukkubni kolestroolii dhukkuba sooreeyyii qofa miti. Kanaa mannaa, kutaalee hawaasaa hawaasummaa fi dinagdeen miidhaman irratti caalaatti cimaa ta’a.
Namoonni qalla’anillee rakkoo kolestroolii irraa bilisa miti. Namoonni ulfaatina qaamaa idilee ykn gadi aanaa qaban sababa jeneetikii ykn jeequmsa meetaabolii birootiin hammi kolestroolii haala sodaachisaa ta’e qabaachuun isaanii baay’eedha. Hammi kolestroolii yeroo hunda alaa hin mul’atu. Qorannoo dhiigaa qofaan adda baafamuu danda’a.
Nyaanni sadarkaa kolestroolii irratti dhiibbaa guddaa kan qabu ta’us, kolestrooliin nyaata cooma qabu qofa irraa kan argamu miti. Namni cooma gonkumaa hin nyaannee ykn oomisha bineeldootaa kamiyyuu hin nyaatin illee rakkoo kolestroolii qabaachuu danda’a.
Kolestrooliin nama kamiyyuu miidhuu akka danda’u ragaan saayinsii amansiisaa hedduun jiraachuun isaa dhugaadha. Qorannoon gurguddoon idil-addunyaa hedduun akka agarsiisanitti dhukkubni kolestroolii sanyii, qabeenya, ulfaatina, saala ykn dhimmoota hawaasummaa fi soorataa biroo akka hin filannee. Qorannoowwan dinqisiisoo ta’an keessaa, Qorannoon Framingham (Framingham Heart Study) akka agarsiisutti, namoonni kolestroolii baay’eedhaaf sababoota balaa hin qabne (kan akka furdina garmalee ykn nyaata cooma baay’ee qabu yeroo hunda nyaatan) illee hamma kolestroolii olaanaa qabaachuu akka danda’anii fi rakkoo onnee fi ujummoolee dhiigaatiif saaxilamoo ta’u.
Namni hundi rakkoo kolestrooliif akka saaxilamu hubachuun barbaachisaa ta’us, namoonni tokko tokko kanneen biroo caalaa kolestroolii olka’aadhaaf carraa guddaa qaban akka jiran beekamaadha. Fakkeenyaaf, namoonni dhuunfaa seenaa maatiin kolestroolii olka’aa qaban, dullooman, jireenya fayya-dhabeessa qaban, nyaata zayita ykn cooma baay’ee qabu nyaatan, dhukkuboota waliin dhufan qaban, alkoolii dhugan fi kkf namoota biroo caalaa rakkoo kolestroolii qabaachuu isaanii guddaadha.
Yeroo baayyee kolestrooliin olka’aan mallattoo waan hin qabneef, namoonni baay’een hanga yeroon isaa darbutti rakkoon akka isaan mudate hin hubatan. Kanaafuu, qorannoon kolestroolii nama umuriin isaa waggaa 20 ol ta’e hundaaf barbaachisaa dha. Ga’eessonni hundi umurii 20 irraa eegalee hammi kolestroolii isaanii yeroo yeroon qoratamuu qabu. Qorannoon kolestroolii salphaan namoota dhukkuba onnee ykn dhiigni sammuu keessatti dhangala’uuf saaxilaman gara haala lubbuu namaa balaa irra buusutti osoo hin guddatin adda baasuudhaan lubbuu baraaruu danda’a.
Rakkoon kolestroolii kan sooreeyyii fi hiyyeessa qofa miti! Kolestrooliin nama hunda ni miidha – har’a qorannoo godhaa. Ogeessa kolestroolii mariisisuun fayyaa keessan kunuunsaa.
Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha. Qormaata dhuunfaa ykn yaalaaf ogeessa fayyaa keessan mariisisaa.
Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba! Gaaffii dabalataa yoo qabaattan, odeeffannoo kana kan qopheesse Dr. Melaku Taye fi hiriyyoota hojii isaanii kutaa dhukkuba sukkaaraa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessaatii qunnamuu dandeessu.