Seera nyaataa Itoophiyaa keessatti nyaata badhaadhina qabu (nyaata jabeessa)

 fayyaa Waliigalaa / Dr. Melaku Taayyeetiin


Hanqinni nyaataa biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qaban keessatti namoota miliyoonaan lakkaa’aman miidha.  Keessattuu haadholii fi daa’imman hanqina nyaataaf saaxilamoodha. Hanqinni soorata barbaachisoo kanneen akka ayirenii, ziinkii fi vitaaminii beela dhokataa yeroo dheeraa kan ummata harka sadii keessaa tokkoo hanga walakkaa ta’e miidhudha. Hanqinni vitaaminii fi albuudota kanaa dandeettii guddina qaamaa fi sammuu ni miidha.


Nyaata jabeessuu (food fortification) jechuun yeroo nyaata qophaa’uu fi qaphxii nyaataa keessatti vitaaminii fi albuuda dabaluudhaan gatii soorataa isaanii guddisuudha. Gochi nyaata ijoo jabeessuu kun tooftaa bu’a qabeessa hanqina nyaataa ittisuuf gargaaran keessaa isa tokkodha. Nyaata fooyyessuu fi hanqina nyaataa ittisuuf mala nageenya qabuu fi faayidaa fayyaa, dinagdee fi hawaasummaa hedduu qaba.


Adeemsi fi seerri nyaata jabeessuu haala tokkoon tokkoon biyyaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba, fakkeenyaaf, nyaata fi muuxannoo biyyattii, hamma hanqina nyaataa, gosoota qophii nyaataa fi bu’uuraalee misoomaa irratti hundaa’uun seerotni nyaata jabeessuu adda addaa ni jiru.


Biyyoonni tokko tokko adeemsa nyaata jabeessuu sadarkaa industirii hordofuun nyaata yeroo baay’ee itti fayyadaman hunda kan akka soogidda, daakuu, zayita, sukkaara fi mi’eessituuwwan biroo jabeessuuf seera biyyoolessaa dirqama qabu(Mandatory fortification) qabu. Kaan ammoo sirna fedhiidhaan(voluntary fortification) oomisha nyaataa isaanii hayyama oomishtootaa malee jabeessuu qabu.


Adeemsa soorata yeroo nyaata qopheessuu fi qaphxii itti dabaluun alattis yeroo guddinaa fi guddina midhaan nyaataa malawwan baayoofoortifikeeshinii ni jiru. Kunis biyyee midhaan sun itti biqilu fooyyessuudhaan, ykn xaa’oo midhaanii irratti soorata dabaluudhaan ta’uu danda’a.


Yeroo tokko tokko nyaata mana keessatti bilcheefamee fi nyaata qophaa’e irratti vitaaminii fi albuuda dabaluun ni danda’ama (Point-of-Use / Home Fortification). Nyaata keenya cimsuu kan dandeenyu daakuu maaykiroonuutiriyeetii akka mi’eessituutti kuufamee nu gargaaruun itti dabaluun ni danda’ama.


Oomishaalee nyaataa Itiyoophiyaa keessatti seeraan akka jabeessan hojjetaman kanneen armaan gadiiti.

  1. Soogiddi minjaalaa ayoodiin baay’ee qabaachuu qaba.
  2. Zayitiin nyaata bilcheessu vitaamin A fi vitaamin D baay’ee qabaachuu qaba.
  3. Daakuun qamadii vitaamin B fi ziinkii baay’ee qabaachuu qaba.

Oomishtoonni nyaata jajjaboo kanaa oomisha jajjaboo isaanii irratti asxaa “jabeessa fortified”   jedhu maxxansuuf dirqama qabu.

Kanaafuu nyaata dirqisiisaa ta’e kana yeroo bitattan nyaata jajjaboo jedhamanii barreeffamuu isaanii mirkaneessaa.


Odeeffannoo dabalataaf marsariitii Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qoricha Itoophiyaa fi fuula miidiyaa hawaasaa daawwadhaa.

Waa’ee barbaachisummaa ayoodinii nyaata keessatti qabu viidiyoo kana keessatti bal’inaan ilaalaa.


Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa kee mariisisi.


Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba! Gaaffii dabalataa yoo qabaattan barreessaa odeeffannoo kanaa Dr. Melaku Taye fi waahillan isaa Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa Hospitaala Ispeeshaalistii xiqur Anbassaatti qunnamuu dandeessu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top