Furdinni qaamaa akka dhukkubaatti adda haa ba’u (diagnose obesity as a disease)

Dhukkubni sukkaaraa fi dhukkuboonni daddarboo hin taane biroo addunyaa guutuutti saffisaan akka dabalan kan taasisan keessaa furdinni qaamaa isa jalqabaati. Dhukkuboota daddarboo hin taane akka weeraraatti guddachaa jiran hunda duuba furdinni qaamaa sababa dhokataa adda dureedha yoo jedhame waan guddaa miti. Warri furdina garmalee haadha dhukkuba hundaa jedhan jiru.


Furdinni qaamaa rakkoo fayyaa addunyaati. Walumaagalatti namoota biliyoona tokkoo ol miidha. Qorannoon biyyoota Ameerikaa Kaabaa keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti furdinni qaamaa ummata harka sadii keessaa harka tokkoo ol miidha. Kan caalaatti nama yaaddessu ammoo waggoota kurnan dhufan keessatti dachaa ol akka guddatu eegama. Furdinni qaamaa biyyoota dureeyyii qofa keessatti rakkoo akka ta’e yaadama. Garuu balbala biyyoota guddachaa jiranis rukutaa jira.


Tatamsa’inni furdina garmalee sadarkaa sodaachisaa irra ga’ee jira. Deebii qindoomina qabu addunyaa fi hunda galeessa ta’e barbaada.Garuu hanga ammaatti dhimmicha dursa kennuu hin dandeenye. Maddi tuffii tokko furdina garmalee ilaalchisee yaada dogoggoraa qabnu dha. Furdinni qaamaa akka dhukkuba of danda’etti ilaaluuf fedhii dhabuun tarkaanfii bu’a qabeessa ogeeyyiin fayyaa fudhatan gufachiisa.


Namoonni hedduun isaanii furdina qaamaa adda baasuun akka dhukkubaatti ilaaluu mannaa, dhukkuba sukkaaraa fi dhukkuboota biroo mallattoo furdina garmalee ta’an yaaluu irratti xiyyeeffatu. Furdinni qaamaa mataan isaa dhukkuba osoo hin taane, sababa balaa dhukkuboota birootti nama geessudha jedhanii salphisu.


 Furdinni qaamaa dhukkuba walxaxaa yeroo dheeraa fi deebi’ee dhufu (Adiposity Based Chronic Disease) cooma qaamaa garmalee wajjin walqabatee wal’aansa beekamtii kilinikaa of danda’ee barbaadu dha.


Furdinni qaamaa maaliif akka dhukkuba of danda’eetti ilaalamuu qaba?


1.Walxaxiinsa bu’uura furdina qaamaa

Furdinni qaamaa bu’aa adeemsa yeroo dheeraa wal-nyaatinsa wantoota hedduu irraa kan ka’edha. Furdinni qaamaa itti fayyadama anniisaa qaamaa fi hojii seelii coomaa jeequu, akkasumas hojii narvii fi hormoonii jeequu of keessatti qabata. Dhibee dadhabina jeequmsa akkaataa jireenyaatiin dhufu qofa miti. Ulfaatina qaamaa to’achuun reeshiyoo kaalorii nyaannu fi kaalorii gubnu qofa miti.


2. Bu’aa Fayyaa Furdinni Qaamaa:

 Furdinni qaamaa “haadha dhukkuboota daddarboo hin taane hundaati”. Dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi kaansarii dabalatee dhukkuboota 200 ol qabamuuf carraa ni dabala. Rakkoo fayyaa sammuuf sababa adda dureedha. Fayyaa dhuunfaa bira darbee weerarri furdina garmalee sirna fayyaa fi dinagdee waliigalaa irratti dhiibbaa wal madaala hin qabne qaba.


3. Barbaachisummaa wal’aansoowwan itti fufiinsa qaban:

 Furdinni qaamaa akka dhukkubaatti beekuun tooftaalee wal’aansaa bu’a qabeessa ta’an karoorfamuu fi hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha. Ogeeyyiin fayyaa furdina garmalee akka dhukkubaatti ilaaluu, ka’umsa isaa barbaaduu, filannoo wal’aansaa walitti fufiinsa qabu kennuu fi qorannoo gaggeessuu qabu.


Biyyoota guddachaa jiran kan akka Itoophiyaa, beelaafi hanqinni nyaataa hanga ammaatti furmaata hin arganne keessatti furdinni qaamaa qormaata fayyaa hawaasaa hamaa ta’eera. Rakkoon fayyaa kun yoo hin yaalamne bu’aa fayyaa, diinagdee fi hawaasummaa hamaa fiduu danda’a.


 Furdinni qaamaa dhukkuboota daddarboo hin taane biroof sababa balaa adda duree waan ta’eef, furdina garmalee akka dhukkubaatti beekuun tarkaanfii jalqabaati.


Tarkaanfii daandii irratti bifa duulaatiin godhaman alatti dhaabbileen eegumsa fayyaa furdina qaamaa garmalee  adda baasuu fi yaaluun dursa kan kennamuuf ta’uu qaba.


Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’aniidha. Qormaata ykn yaala dhuunfaaf, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xiqur Anbassaa ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu.


Gorsa fayyaa qabatamaa daataatiin deeggaramee argachuuf biloogii Dr. Malaakuu, Telegram fi TikTok hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan kabajaan isin afeera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top