Qajeelfama nyaata fuduraalee dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa

Gaaffiiwwan dhukkubsattoonni dhukkuba sukkaaraa gaafatan keessaa tokko, ‘Furduraa nyaachuu nan dandaʼaa?’ kan jedhudha. Dhukkubsattoonni sukkaaraa yeroo baayyee akkaataa fuduraalee itti nyaatan irratti odeeffannoo wal faallessu hedduu waan dhaga’aniif ni burjaaja’u. Gorsi nyaataa hin mirkanoofne kan burjaajii uumuu, kan akka firii kana nyaachuu, firii sana irraa fagaachuu, kun hayyamame, sun dhorkaadha fi kkf ni jiru. Doktarri tokko eeyyee yoo jedhu inni kaan immoo lakki jedha.Dhiheenya kana dhukkubsataan tokko gorsi nyaataa baayyee adda ta’e doktora olaanaa fi doktora xiqqaa gidduutti kennameef, aariidhaan ‘waliin haasa’aa yeroo walii galtan qofa natti himaa’ jedhe.


Barreeffamni kun dhukkubsattoonni sukkaaraa akkamitti fuduraalee nyaata isaanii keessatti dabaluu  akka danda’an ibsa. Gosoota fuduraalee gorfaman fi hamma giddu galeessaa dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraaf ibsa. Tooftaalee qabatamaa firii itti gammadan to’annoo sukkaara osoo hin miidhin yaada kenna. Yoo ofii keetii dhukkubsataa sukkaaraa taate ykn nama dhukkuba sukkaaraa qabu beekta ta’e odeeffannoon kun dubbisuun dirqama. Odeeffannoo kana namoota biroof qooduu hin dagatinaa!


Nyaata dhukkuba sukkaaraa keessatti fuduraalee guutummaatti irraa fagaachuun barbaachisaa dhaa?


 Waa’ee dhukkuba sukkaaraa fi nyaata fuduraa ilaalchisee oduu durii saayinsii hin taane baay’ee beekamaa ta’e keessaa tokko ‘fuduraaleen tokko tokko guutumman guutuutti dhorkamaa dha’ jechuu dha. Odeeffannoo hin mirkanoofne kana dhugaa irraa adda baasuun barbaachisaa dha. Dhugaa dubbachuuf, firiiwwan baay’een isaanii karoora nyaata dhukkuba sukkaaraa keessatti hammatamuu danda’u.


Fuduraan guutummaan guutuun namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif dhorkamu hin jiru. Furtuun isaas fuduraalee nyaachuu keessan giddu galeessa gochuu fi gosoota sukkaara dhiiga keessanii dafanii hin daballe filachuudha. Fuduraaleen madda vitaaminii, albuudaa fi faayibara fayyaadhaaf barbaachisoo ta’anidha. Yoo miiraan itti fayyadaman qaama nyaata dhukkubsattoota sukkaaraaf mijatu ta’uu danda’u.


Qajeelfamni nyaata fuduraa dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa maali?


Dhukkuba sukkaaraa waan qabnuuf qofa firii ilaaluu hin qabnu jechuu miti. Garuu hammi sukkaara dhiiga keenyaa garmalee akka hin olkaaneef fuduraalee malaan akka nyaannu beekuu qabna.


Fuduraalee qabiyyeen sukkaara xiqqaa qaban filadhu


Fuduraaleen baay’een isaanii sukkaara uumamaa of keessaa qabaatanis, qabiyyee fiber baay’ee waan qabaniif yeroo nyaannu hammi sukkaara dhiigaa akka tasaa akka hin ol kaane (low glycemic index)godhu.  Kana jechuun firii akkuma nyaanneen hammi guluukoosii dhiigaa akka tasaa akka dabalu hin godhu jechuu dha.


Fuduraaleen baay’een isaanii nyaata dhukkuba sukkaaraaf mijatu keessatti hammatamuu danda’u. Fuduraalee keessaa, filannoowwan dhukkuba sukkaaraatiif gaarii ta’an:

  • Avokaadoo: Cooma fayya qabeessa kan sukkaara dhiigaa tasgabbeessuuf gargaaru kan qabudha.
  • Aappilii(apple): Fiber fi polyphenols kan kennu yoo ta’u, kunis sukkaara dhiigaa garmalee akka ol hin kaane gargaara.
  • Fuduraalee sitraasii (burtukaana, loomii, wayinii): Vitaamin C fi faayibaraan kan badhaadhedha.
  • Istiroberiin: Antioksidaantii fi faayibaraan waan guutameef, hamma sukkaara dhiigaa irratti dhiibbaa xiqqaa qaba.
  • Cheerii, Peechi, Peerii: Qabiyyee faayibaraa olaanaa waan qabaniif, hammi guluukoosii yeroo tokkotti akka hin olkaane godhu.

Fuduraaleen tarreessine kun sukkaara xiqqaa kan qaban yoo ta’u, hammi sukkaara dhiigaa akka hin daballe gargaaru. Isaanis osoo baay’ee hin yaadda’iin mi’aa uumamaa mi’aawaa ta’e akka itti gammaddan isin dandeessisu.


Fuduraalee mi’aawaa ‘sukkaara baay’ee qaban’ hoo?


Fuduraaleen mi’aawaa kanneen akka maangoo, aanaanaasii, muuziifi kan kana fakkaatan yeroo baay’ee gonkumaa akka hin nyaatamne odeeffama. Qabiyyee sukkaara uumamaa olaanaa qabaatanis,hin daangeffamne. Kanaa mannaa, firiiwwan biroo caalaa baay’ina xiqqaadhaan fayyadamuu ni danda’u. Fakkeenyaaf, maangoo xixiqqoo, aanaanaasii xixiqqoo, habaabii xixiqqoo fi kkf nyaachuu dandeenya.


Hamma fudura fudhannu  daangeessuu


Yeroo fuduraa nyaannu furtuun madaalawaa ta’uu isaati. Fuduraan fayyaa keenyaaf gaarii ta’us, yoo baay’ee nyaannu sukkaara dhiiga keenyaa ol kaasa. Kanaafuu, fuduraalee madaalawaadhaan nyaachuun barbaachisaadha. Yeroo hunda hamma firii nyaannu safaruu qabna (portion control).


Nyaata tokkotti kaarboohayidireetii giraama 15 akka hin caalle gorfama. Kun tilmaamaan burtukaana xiqqaa, aappilii xiqqaa, istiroberii harka tokko, walakkaa muuzii giddu galeessaa fi firii biroo hamma giddu galeessaa wajjin wal gitu dha. Namni dhukkuba sukkaaraa qabu guyyaatti hamma gorfame caalaa yoo nyaate sukkaara to’annaa ala akka bahu gochuu danda’a. Kana jechuun filannoo nyaataa keenya keessaa firii guutummaatti dhabamsiisuun barbaachisaa miti, garuu garmalee baay’isuun rakkoo fiduu danda’a.


Wanti biraa immoo yeroo tokkotti fuduraalee baay’ee nyaachuu mannaa, fuduraalee fayyadamtan sa’aatiin  qooduu qabdu. Jijjiiramni sukkaara dhiigaa akka tasaa akka hin uumamneef yeroo nyaataa adda addaa irratti fuduraalee nyaattan walqixa qooduu. Akkasumas, yeroo fuduraalee nyaannu madda kaarboohayidireetii biroo caalaa pirootiinii waliin walitti makuun hamma guluukoosii gadi buusuuf gargaara.


Fakkeenyaaf, daabboo dhiisanii hanqaaquu, foon, lawuzii ykn pirootiinii ykn cooma fayya qabeessa biroo wajjin fuduraa nyaachuun sukkaara waliigalaa fudhachuu daangessuuf gargaaruu danda’a.


 Cuunfaa fuduraalee osoo hin taane fuduraalee guutuu nyaadhaa.


 Cuunfaa fuduraa dhuguun fayyaa fi sukkaara dhiigaa irratti dhiibbaa fuduraa guutuu nyaachuu irra faallaa ta’e qaba. Cuunfaa fuduraa dhuguun firii guutuu nyaachuu caalaa saffisa guluukoosii dhiigaa ol kaasa.


Kutaaleen firii gatii guddaa qaban waan hafaniif, cuunfaan fuduraa qulqulluun sukkaaraafi bishaan firii sanaa qofa of keessaa qaba. Hammi fayibarii cuunfaa keessatti hafe baayyee xiqqaa dha. Kana malees, cuunfaa fuduraa irratti sukkaara dabaluudhaan mi’aa isaa fooyyessuuf carraan keenya guddaadha. Hamma isaatiin illee, cuunfaan fuullee tokko firii baay’ee of keessaa qabaachuu danda’a. Cuunfaan dhangala’aa waan ta’eef dafee garaacha keessa seenee gara dhiigaatti seena.


Fuduraaleen guutuun faayibara, vitaaminii fi albuuda fayyaa waliigalaatif faayidaa qaban of keessaa qabu. Faayibarri kun saffisa sukkaarri uumamaa firii kanaa gara dhiigaatti seenu saffisiisuun yeroo dheeraaf akka guutamtu si taasisa. Gama biraatiin, cuunfaa ykn dhangala’aa qaruuraa yoo ta’e, adeemsa dhangala’aa kana keessatti faayibarii irra caalaan isaa kan baafamu yoo ta’u, sukkaara qofatu hafa. Yeroo cuunfaa dhugnu hamma fuduraa daakuun yeroo waan hin fudhanneef osoo hin hubatin afuura tokkoon sukkaara baay’ee dhugna.


Kanaafidha fuduraalee bifa dhangala’aatiin dhuguun caalaa firii guutuu nyaachuun gaarii ta’a.


Fuduraa guutuu nyaachuun gaarii ta’us, dhangala’aa fuduraa tokko tokko fudhachuu yoo barbaaddan, bishaaniin akka gaariitti qal’atee, guyyaatti fuullee xiqqaa tokko (150 ml) hin caalle dhuguu dandeessu.


 Fayyaa waliigalaa argachuuf nyaata madaalawaa irratti xiyyeeffadhu.


Namoonni baay’een waa’ee nyaata fayya qabeessa yeroo yaadan, “Dhiifama, inni kun, isa sana, tarii inni kun ni caala?” Dhiphinni fi yaaddoon baay’eedha. Garuu yeroo hunda maal nyaadhu? Jedhanii garmalee yaaduu mannaa, suuraa guddaa jireenya fayya qabeessa ta’e irratti xiyyeeffachuu qabda. Karoorri nyaataa sirrii ta’e jireenya fayya qabeessa ta’e keessaa kutaa tokko qofa.


Nyaata fuduraa malees, nyaanni madaalawaa pirootiinota (hanqaaquu, foon diimaa, qurxummii, toofuu, fi lawuzii  fi kkf), midhaan guutuu kan hin qulqullaa’in, kuduraalee magariisaa fi kkf of keessatti qabata.


Sukkaara osoo itti hin dabalin araada fuduraa keenya guutuun ni danda’ama!


Akkuma barreeffama guutuu armaan olitti ilaalle, sukkaara baay’ee osoo hin dabaliin fedhii mi’aa mi’aawaa fuduraa guutuuf nu gargaaran hordofuu qabna. Akkasumas yeroo fuduraalee fayyadamnu hunda haaraa(fresh) ta’uu qaba. Hamma bilchaatu sukkaara dabalaa deema. Qaruuraa ykn goggogaadhaan kuufame osoo hin taane, sirriitti iddoo biqiltuu/maasii keessaa ba’anii ho’aa nyaachuun gaariidha.


Fuduraalee adda addaa osoo garmalee hin baay’isiin  guyyaa guyyaan jijjiiraa nyaadha. ‘Ani ofii kootii sukkaara koo balleesseera’ jettee yakka malee fuduraalee nyaachuu  dandeessa. To’annoon sukkaara waliigalaa gosa nyaataa tokko qofaan kan hin murtoofne waan ta’eef, wanti guddaan nyaata madaalawaa ta’e qabaachuu dha.


Wanti biraa hubachuu qabnu ammoo akka affeerraa tokkootti yeroo tokkotti  fuduraa baay’ee nyaachuu mannaa madaalawaadhaan nyaachuun nyaata idilee fi nyaata salphaatti qooduun gaariidha. Fuduraalee gosa adda addaa madaalawaa ta’een nyaachuun barbaachisaa dha. Wanti guddaan  garmalee gochuu dhiisuu dha.


Fuduraaleen adda addaa hamma sukkaara dhiigaa irratti dhiibbaa adda addaa waan qabaniif hamma sukkaara dhiigaa itti dhiyeenyaan hordofuun ni gorfama. Nyaata booda hamma guluukoosii dhiiga keessanii qorachuudhaan, firii kam fi hammam akka sukkaara dhiiga keessanii ol kaasu hubachuu dandeessu. Yeroo hunda sadarkaa sukkaara dhiigaa hordofuu fi karoora nyaataa dhuunfaa ogeessa fayyaa fi ogeessa soorataa waliin mari’achuun qopheessuun ni gorfama.


Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf, kutaa dhukkuba sukkaaraa hospitaala addaa Xiqur Anbassaatti ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu.Gorsa fayyaa qabatamaa odeeffannoo qabuu fi mirkanaa’eef biloogii Dr. Malaakuu www.melakutaye.com, Telegram fi Tik Tok hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan kabajaan isin affeera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top