Dr.Melaku Taye
Carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa walqabatan milkaa’inaan hir’isuuf galmi yaala kolestroolii maal ta’uu qaba?
Kolestroolii sirnaan yaaluun carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa walqabatan dhufu hir’isuuf gargaara. Hammi kolestroolii olka’aan, keessattuu hammi kolestroolii hamaa to’annaa jala hin oolle, carraa dhukkuba onnee, strookii fi dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa biroo baay’ee akka dabalu saayinsiidhaan mirkanaa’eera.
Kolestroolii yaaluuf yaaliiwwan bu’a qabeessaa fi baasii xiqqaa qaban hedduun jiraatanis, dhukkuboonni daddarboo hin taane onnee fi ujummoo dhiigaa keessumaa biyyoota galii gadi aanaa qaban keessatti weerara ta’aa jiru.
Barreeffama kana keessatti, qajeelfama yaala kolestroolii Waldaa Onnee Awurooppaa bara 2019 maxxanfame irratti hundaa’uun, carraa dhukkuba onnee tokkoon tokkoon namaa irratti hundaa’uun galmoota yaala kolestroolii irratti mari’anna. Galmoota kana hubachuudhaan, onneen keessan fayyaa akka qabaatu gochuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa taʼan fudhadhaa.
Akka qajeelfama yaala kolestroolii kanaatti galmi guddaan yaala kolestroolii kolestroolii hamaa (LDL-C) gadi buusudha. Adeemsa ujummoolee dhiigaa cufuu keessatti diinni guddaan kolestroolii miidhaa geessisu kana waan ta’eef. Kolestrooliin hamaan kun hangam gadi bu’uu akka qabu carraa waliigalaa dhukkuba onnee irratti hundaa’a. Kanaafuu, galmi nama hundaaf ta’u tokko hin jiru, garuu saaxilamummaa dhuunfaa irratti hundaa’uun to’annoo kolestroolii sadarkaa adda addaatu jira.
Yoo saaxilamummaa dhukkuba onnee keetii baay’ee ol’aanaa ta’e (very high risk) (fakkeenyaaf, yoo kanaan dura dhukkuba onnee ykn strooki si mudate, yoo dhukkuba ujummoolee dhiigaa dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatu qabaatte), galmi isaa kolestroolii hamaa kee 55 mg/dL gadi buusudha.
Yoo saaxilamummaa dhukkuba onnee keetii ol’aanaa ta’e (high risk) (fakkeenyaaf, yoo dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, ykn sababoota dhukkuba onnee biroof saaxilaman qabaatte), galmi isaa kolestroolii hamaa kee 70 mg/dL gadi akka ta’u gochuudha.
Yoo dhukkuba onneef saaxilamummaa giddu galeessaa (moderate risk) qabaatte , galmi kolestroolii hamaa kee 100 mg/dL gadi akka ta’u gochuudha.
Namoota dhuunfaa dhukkuba onneef saaxilamummaa xiqqaa (low risk) qabaniif, galmi waliigalaa kolestroolii hamaa 116 mg/dL gadi akka ta’u gochuudha.
| Sadarkaa saaxilamummaa dhukkuba onnee | Ibsitoota haala fayyaa | Galmi kolestroolii hamaa |
| baayyee ol’aanaa (very high risk) | Namni dhukkuba onnee ykn stroki qabu, dhukkuba ujummoo dhiigaa dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatu, rakkoo saynidhaan darbu walxaxaa kolestroolii olka’aa qabu, dhukkuba kalee sadarkaa 4ffaa qabu | <55 mg/dl |
| ol’aana (high risk) | Dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba kalee sadarkaa 3ffaa, sababoota dhukkuba onneef saaxilaman biroo yoo jiraatan | <70 mg/dl |
| giddu galeessa (moderate risk) | Dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa dargaggoota (umriin isaanii < waggaa 40) fi dhukkuboota waliin dhufan hin qabne | <100 mg/dl |
| xiqqa (low risk) | Warra sababoota dhukkuba onnee armaan olitti ibsaman hin qabne | <116 mg/dl |
Sababa daangeffama yaalaatiin galma armaan olitti ibsame kana galmaan gahuun yoo hin danda’amnellee, hamma danda’ametti kolestroolii hir’isuun, keessattuu hamma jalqabaa irraa yoo xiqqaate %50n kolestroolii hir’isuun balaa dhukkuba onnee hir’isuu irratti jijjiirama guddaa fida .
Qorannoon fayyaa yeroo yeroon, jijjiiramni akkaataa jireenyaa (kan akka nyaata fayya qabeessaa fi sochii qaamaa), akkasumas qoricha kolestroolii akka barbaachisummaa isaatti fudhachuun hundi isaanii galmoota kana galmaan ga’uuf gahee qabu.
Keessattuu namoota dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa kanaan walqabatan, hammi kolestroolii olka’aa fi dhukkuboota saaxilamummaa wal-irratti mul’atan(multiple risk factors) qabaniif qoricha kolestroolii hir’isu walitti fufiinsaan fudhachuun sirrii dha. Qorichootni kolestroolii hir’isan gurguddoon statins jedhamuun beekamu. Qorichootni statin gosa hedduu ta’anis, kolestroolii hir’isuuf bu’a qabeessa ta’an Rosuvastatin fi Atorvastatin dha.
Galmoota yaala kana hubachuun waa’ee fayyaa keessanii murtoo fooyya’aa akka gootan isin gargaaruu fi jireenya fayya qabeessa jiraachuuf tarkaanfiiwwan isin barbaachisan akka fudhattan isin gargaaruu danda’a jedheen yaada.
Hamma kolestroolii keessanii fi galma yaala keessanii hubachuu fi tarkaanfii fudhachuudhaan, saaxilamummaa dhukkuba onneef baay’ee hir’isaa.
Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa keessan mariisisaa.
Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba! Gaaffii dabalataa yoo qabaattan, odeeffannoo kana kan qopheesse Dr. Melaku Taye fi hiriyyoota hojii isaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa qunnamuu dandeessu.
Why visitors still makе ᥙse of to reаd news papers when in this technological world the whole thing is accessible on net?
It’s perfect time to make s᧐me plans for the fᥙture
and it’s time to be happy. I have read thіs poѕt and if I
cоuld I wish to suggest yoᥙ some inteгesting things or tips.
Maybe you could write next artiсles referring to this article.
I want to read more things about it!
І just couldn’t depart your ѕite before suggesting that I extremely
enjoyed the usᥙal info a person provide on your visitors?
Is gonna be bаck regularly in order to cһeck
up on neᴡ posts