Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) dhukkubni Maaritee/Maaree Jaldeessaa (Mpox) Afrikaa keessatti balaa fayyaa hatattamaa ta’uu labse.
Dr. Melaku Taye
Waggoota dhiyoo asitti dhukkuboonni daddarboo addunyaa irratti weerara balaafamaa fidaniiru. Weerarri Covid-19 yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Amma ammoo bakkeewwan Afrikaa tokko tokkotti dhukkubni Maaree Jaldeessaa deebi’ee mul’atee fayyaa hawaasaaf balaa ta’eera. Dhiheenya kana weerarri kun Afrikaan alattis babal’achaa dhufuun yaaddoo addunyaa uumeera. Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) guyyoota muraasa dura dhukkubni Maaree Jaldeessaa (mpox) Afrikaa keessatti balaa fayyaa hatattamaa ta’uu labseera.
Dhukkubni Maaree Jaldeessaa maali?
Dhukkubni haaraan Maaree Jaldeessaa (mpox) dhukkuba daddarbaa vaayirasiin dhufudha. Vaayirasiin kun yeroo jalqabaaf Jaldeessaa irratti kan argame bara 1950moota keessa ture. Dhukkubni kun sanyii, amantii, umrii fi saala osoo hin ilaalin nama kamiyyuu miidhuu danda’a. Akka carraa ta’ee namoonni baay’een guutummaatti fayyu, Garuu isaan keessaa tokko tokko dhukkuba cimaa dhufuu danda’u. Dhukkubni kun keessumaa daa’imman, dubartoota ulfaa fi namoota dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu dadhaban irratti cimaadha.
Dhukkubni Maaree Jaldeessaa akkamitti daddarba?
Maaree Jaldeessaa dhukkuba daddarbaa nama ykn bineensa dhukkuba kanaan qabame waliin wal qunnamuudhaan daddarbuu danda’uudha. Innis karaa walitti dhiyeenyaan wal qunnamtii, dhungachuu, wal hammachuu, walqunnamtii saalaa, fi gogaa fi gogaa wal qunnamuudhaan, karaa copha sirna hargansuu, madaa gogaa ykn dhangala’aa qaamaa nama dhukkuba kanaan qabame irraa ni daddarba. Uffata , meeshaalee manaa fi meeshaalee mana keessaa kan biroo yoo namni dhukkuba kanaan qabame itti fayyadame tuquudhaan daddarbuu danda’a. Dubartoonni ulfaa vaayirasicha gara daa’ima isaaniitti dabarsuu danda’u.
Mallattoon dhukkuba kanaa maali?
Mallattoon dhukkuba kanaa erga namni tokko vaayirasichaaf saaxilamee gara torban tokkoo booda mul’achuu kan jalqabu yoo ta’u, yeroo tokko tokko yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraa booda ta’uu danda’a. Mallattoon dhukkuba infuleenzaa kan fakkaatu yoo ta’u, ho’a qaamaa, mataa dhukkubbii, dhukkubbii lafee fi dadhabbiin dabalata. Gogaa irratti madaa/dhiita’uun mallattoo ijoodha. Mallattoowwan gogaa kun jalqaba irratti akka dhiita’uu diriiraa fi diimaa ta’ee kan jalqabu yoo ta’u, sana booda dhiita’ee dhangala’aa of keessaa qaba. Sana booda dhoohee ni miidhama. Madaan kun fuula, afaan keessaa fi kutaalee qaamaa biroo kan akka harka, miila, garaa fi qaama saalaa irratti mul’achuu danda’a. Madaan sun yommuu hafu ni goga, ni kufa. Sana booda gogaa haaraan bakka bu’a.
Akkasumas dhiita’uu limfii bakka adda addaatti mul’isa. Mallattoon dhukkubaa yeroo baayyee torban 2-4 turu.
Itaalamu madaa irraa fudhatamee laaboraatoorii keessatti qoratamuu danda’a.
Wal’aansi isaa maali?
Wal’aansi irra caalaa nama vaayirasichaan qabame quarantine gochuudha. Dhukkubsataadhaaf qorichi tasgabbeessuu salphaan gahaadha. Qorichoota ho’a qaamaa hir’isu fudhachuun ykn qoricha dhukkubbii hir’isu liqimsuun gahaa ta’uu danda’a. Hanga madaan fayyu fi gogaan haaraan bahutti quarantine itti fufuu qaba, kunis torban 3-4 fudhachuu danda’a.
Of eeggannoowwan namni dhukkuba kanaan qabame gochuu qabu
-
- Yoo danda’ame mana keessatti kutaa addaa keessatti adda baafamuu fi namoota biroo waliin walitti dhiyeenyaan wal qunnamuu irraa of qusachuu.
-
- Harka yeroo baay’ee bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu ykn Harka saanitaayizariin qulqulleessuu.
-
- Haguuggii fuulaa fayyadamuu.
-
- Wantoonni namoota biroof qoodaman jiraachuu hin qaban.
Talaallii Maaree Jaldeessaa fudhachuun dhukkuba kana ittisuuf gargaaruu danda’a. Talaalliin kun nama dhukkuba kanaan qabame waliin erga wal qunnamee guyyaa 4 keessatti ta’uu qaba.
Xumura irratti, tamsa’inni dhukkuba Maaree Jaldeessaa sadarkaa balaa irra ga’us rifachuun hin barbaachisu. Namoonni dhukkuba kanaan qabaman baay’een isaanii guutummaatti fayyu. Yeroo baayyee du’a hin fidu. Hubannoo fi tarkaanfii ittisaa sirrii ta’een ofii keenyaa fi hawaasa keenya eeguu dandeenya. Akkaataa itti daddarbu hubachuun, mallattoo isaa adda baasuun tarkaanfii ittisaa fudhachuun, vaayirasicha ittisuu, tamsa’ina isaa to’achuu fi miidhaan isaa hir’isuuf maloonni harka keenyarra jiru.
Hubachiisa: Qabiyyeen ykn yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala argachuuf ogeessa fayyaa kessan mariisisaa.
Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Wal’aansa dhuunfaaf Dr. Melaku mariisisuu dandeessu. Odeeffannoon kun faayidaa kan qabu yoo ta’e namoota biroof qoodaa.
Connect to him at his telegram/tiktok @hakimmelaku

Good day I am ѕo excited I found your blog page, I really found yoᥙ by
mistake, while I was researching on Digg for something
else, Anywayѕ I am here now and would just like to say кudos for a incredible post and a all round enjoyable
blog (І aⅼso love the theme/design), I
don’t have time to go througһ it all at the moment but I have saved іt and also included youг ɌSS feeds, so when I һave time I wiⅼl be back to read much more,
Pleɑse do keep up the aweѕome work.
Mʏ relatives all the time say that I am killing my time here at net, except I know
I am getting know-how all the time by reading thes fastidious posts.