Kunuunsa ulfa duraa dubartoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif

 Wal’aansi fi hordoffiin dhukkuba sukkaaraa ulfa duraa sirrii ta’e ulfa fayya qabeessa ta’e mirkaneessuu danda’a; Akkasumas daa’imni nagaan akka dhalatuuf gargaara. Ulfi fayya qabeessa ta’e osoo hin ulfaa’iin jalqaba. Kunuunsi ulfa duraa baayyee barbaachisaa dha.

Dubartoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif bu’aa fooyya’aa argachuuf dursanii karoorfachuu fi sirreeffama gochuun murteessaadha. Rakkoo fayyaa daa’ima gadameessa keessa jiru ittisuuf gargaara. Kanaaf yeroo ulfaa sirriitti yaaduun barbaachisaadha. Hanga sadarkaan sukkaara to’annoo gaarii jala oolutti ittisa ulfaa amanamaa ta’e fayyadamuun ni gorfama.


Kanaafuu yoo ulfa ta’uu fi dhukkuba sukkaaraa qabaachuuf karoorfattan gorsa kunuunsa ulfa duraa barbaachisaa kana siniif haa qoodnu.


To’annoo gilukoosii fooyyessuu


To’annoon dhukkuba sukkaaraa ulfa dura hanga danda’ametti gaarii ta’uu qaba. Yeroo danda’ametti sukkaara sadarkaa fayya qabeessa ta’etti hir’isuun ni gorfama. Dubartoota baay’eedhaaf, indeeksii gilgaalamii ji’a sadii (A1c) %6.5 gadi ta’e filatamaadha. Qorannoowwan hedduun akka agarsiisanitti galma sukkaara kana galmaan gahuun rakkoo fayyaa, ulfa baasuu fi rakkoolee biroo yeroo ulfaa fi da’umsaa haalaan hir’isa.


Kana gochuuf ammoo dafanii hordofuun gaariidha. To’annoo  gaarii argachuuf sadarkaa guluukoosii dhiigaa yeroo yeroon hordofuun (garaa duwwaa fi nyaata booda) barbaachisaa dha.


Qorichoota, nyaata, ulfaatina qaamaa fi kkf sirreessuu fi fooyyessuunis dafnee galma keenya bira akka geenyu nu gargaara. Fayyaa waliigalaa dhukkuba sukkaaraa bira darbee mirkaneessuuf hakiima dhukkuba sukkaaraa, ogeessa dubartootaa ykn ogeessota biroo waliin haasa’aa.


Sirreeffama qoricha gochuu


Qorichootni tokko tokko ulfaaf mijachuu dhiisuu danda’u. Kanaaf qoricha fudhattan hunda jijjiiruu ykn dhaabuu ilaalchisee hakiima keessan waliin haasa’aa.


 Fakkeenyaaf, qorichi dhukkuba sukkaaraa kee kiniinii ulfaaf hin gorfamne yoo ta’e, ykn sukkaara dhiiga kee akka gaariitti to’achuu yoo baate, gara insuliiniitti jijjiiramuu danda’a.


Qorichootni dhiibbaa dhiigaa, qorichi kolestroolii, qoricha dhiiga namaa hir’isu, qoricha tasgabbeessituu, qoricha farra dhukkubbii garaachaa fi kkf daa’ima gadameessa keessa jiru irratti miidhaa geessisan tokko tokko addaan kutuu ykn qoricha walqixa ulfaaf mijateen bakka buusuun barbaachisuu danda’a.


 Foolikii Asiidii fudhachuu (folic acid supplements)


Vitaamin kun uumamuu fi guddina micireetiif ni fayyada. Keessattuu, mudaa uumamuu sammuu fi lafee dugdaa irratti mul’atu ni hir’isa.


 Jijjiirama akkaataa jireenyaa gochuu


Gadameessi ulfaaf akka qophaa’u dursanii akkaataa jireenyaa sirreessuun ni gorfama. Nyaanni madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e fayyaa ulfaaf barbaachisaa dha. Sukkaara tasgabbaa’aa qabaachuuf nyaata fooyya’aa qopheessuu qabna.


Sochii qaamaa gochuun to’annoo dhukkuba sukkaaraa fi fayyaa waliigalaa ni fooyyessa.


Wanti barbaachisaan biraa ulfa dura ulfaatina qaamaa to’achuudha.


Yoo dhugaatii alkoolii, tamboo xuuxuu fi araadoonni miidhaa geessisan biroo jiraatan dafanii dhiisuun ni gorfama.


Rakkoowwan dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatan adda baasuuf qorannoo duraa gaggeessuu


  • Qorannoo ijaa godhaa: Ulfi dhukkuba sukkaaraa retinopathy hammeessuu waan danda’uuf qorannoo ijaa waliigalaa, keessattuu qorannoo narvii ijaa godhaa.
  • Qorannoo kalee: Hordoffiin kalee qorannoo fincaanii fi dhiigaatiin gochuun barbaachisaadha.
  • Haala onnee fi ujummoolee dhiigaa kan  laallamuunis gaarii dha.
  • Akka barbaachisummaa isaatti qorannoon hormoonii tayiroyidii  barbaachisuu danda’a.

Hordoffii ulfaa idilee hatattamaan jalqabuu


Hordoffii ulfaa akkuma ulfa ta’uu kee beekteen jalqabi. Qorichi dhukkuba sukkaaraa keessan dafee sirreeffamuu waan qabuuf hakiima keessan itti dhiyeenyaan mariisisuu itti fufaa.


Gorsa kana hordofuudhaan dubartoonni dhukkuba sukkaaraa qaban ulfa fayya qabeessa ta’e qabaachuu danda’u. Daa’ima fayya qabeessa ta’e akka dhalatu dandeessisa.


Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf, kutaa dhukkuba sukkaaraa hospitaala addaa Xiqur Anbassaatti ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf karaa email: contact@melakutaye.com nu qunnamuu dandeessu.Gorsa fayyaa qabatamaa odeeffannoo qabuu fi mirkanaa’eef Dr. Malaakuu Telegram, YouTube & TikTok irratti hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan kabajaan isin affeera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top