Dhibee sukkaaraa/ Dr. Malaakuu Taayyeetiin
Maatiin daa’imman dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa qaban oduu wal’aansa daa’ima isaaniif abdii kennu barbaadaa jiru. Maatiin jireenyi daa’ima isaanii insuliinii irraa bilisa akka ta’u barbaaduun waanuma jiruudha. Garuu kan nama dhibu waadaan hin dhugoomne kun dogoggora ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko oduu balaa geessisu lubbuu daa’ima tokkoo balleessuu danda’a.
Torban kana Tiktok fi miidiyaalee hawaasaa biroo irratti odeeffannoo hedduutu ture. Oduun kun qabiyyee ‘dhibee dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa, kana booda lilmoo insuliinii waraannachuun hin barbaachisu, baga gammaddan’ jedhuun odeeffannoo dogoggorsaa dha.Odeeffannoo kana dhaga’uun maatiin ijoollee isaanii dhukkuba sukkaaraa qaban gara hospitaala dhuunfaa ani hojjedhutti geessan, dhaabbileen biroos, hospitaala dhuunfaa ani hojjedhu dabalatee, yaala fayyisuu kana daa’ima kootiif ajajuu ykn rifaraalaa alaa erguu qabna jechuun yaaddoo keessa galan.
Waggoota muraasa dura haati tokko doktoroonni ilmi isheetiif waraqaa boordii barreessuun kara biyya alaatti erguun akka yaalamu godhu jettee yaaduun ilma ishee insuliinii akka hin waraannanne dhorkuudhaan lubbuu ilma ishee balaadhaaf saaxilaa akka turte nan yaadadha. Namoota sababa oduu TV fuulduratti babal’achaa jiruun ammallee wal’aansa insuliinii isaanii dhaabuun du’aa jiran manni haa lakkaa’u.
Barreeffamni kun dhugaa yeroo ammaa wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa, argannoowwan abdachiisaa yeroo ammaa fi kallattii qorannoo gara fuula duraa qulqulleessuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, barbaachisummaa yaala insuliinii lubbuu baraaru ibsuudha.
Dhukkubni sukkaaraa gosa 1ffaa maali?
Dhukkubni sukkaaraa gosa 1ffaa irra caalaa daa’immanii fi ga’eessota irratti kan mul’atu yoo ta’u, kan dhufu yeroo qoshtiin guutummaan insuliinii oomishuu dhaabudha. Sababni isaas qaamni keenya paatojeenootaa fi wantoota alagaa irraa of eeguuf oomishaman(anti bodies) dogoggoraan seelii beettaa (beta cells) insuliinii oomishan haleeluun kan dhufu (autoimmune disease)dha. Gosti dhukkuba sukkaaraa kun dhaabbataadhaan insuliiniin yaalamuu qaba.
Dhukkubni sukkaaraa gosa 1ffaa sadarkaa sadii qaba. Sadarkaalee kana beekuun dhukkuba kana caalaatti hubachuuf, namoota saaxilamoo ta’an adda baasuuf, akkasumas yaala dhukkuba ittisuu danda’u qopheessuuf nu gargaaruu danda’a.
Sadarkaa 1ffaa: Mallattoon dhukkuba sukkaaraa hin mul’atu. Sadarkaan kun kan beekamu keemikaalonni farra inflammatory dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatan dhiiga keessatti argamuun. Qorannoon farra qaamolee kanaaf godhamu dhukkuba sukkaaraa gara fuula duraa tilmaama cimaa kenna. Sadarkaa kana irratti hammi guluukoosii dhiigaa sadarkaa idilee keessa jira. Sababni isaas, inflammation jiraatus, seelonni beetaa gahaan ammallee insuliinii barbaachisaa ta’e oomishuuf ni danda’u.Mallattoon dhukkuba sukkaaraa waan hin jirreef sadarkaan kun kan adda baafamuu danda’u qorannoo dhiigaa farra qaamaa (auto anti bodies) qofaan. Qorannoon akkanaa namoota balaa guddaadhaaf saaxilamanii fi seenaa maatiin isaanii dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa qaban qofaaf kan gorfamudha.
Sadarkaa 2ffaa: Sadarkaa kana keessatti keemikaalonni farra dhukkuba sukkaaraa armaan olitti kaafne hedduun isaanii dhiiga keessatti oomishamuu itti fufaniiru. Farra qaamolee kun jiraachuun isaanii seelii beetaa irratti miidhaa itti fufiinsa qabu agarsiisa. Amma hammi guluukoosii dhiigaa jijjiiramuu kan jalqabu yoo ta’u, hammi sukkaara dhiigaa kan hin baramne agarsiisa. Sadarkaa dhukkuba sukkaaraa duraa jedhamuu danda’a. Kunis, qoshtiin to’annoo gilukoosii idilee eeguuf yaalaa akka jiru kan agarsiisu yoo ta’u, hojiin seelii beetaa garuu laafaa dhufuu isaati.Haa ta’u malee, namni sun mallattoo dhukkuba kanaa kan hin agarsiifne dha. Qorannoon akka agarsiisutti sadarkaa kana irratti dhukkubni sukkaaraa namoota irra akka hin guddanne ittisuu ykn tursiisuuf yaaliiwwan jiru.
Sadarkaa 3ffaa: Sadarkaan kun mallattoo dhukkuba sukkaaraa kan agarsiisu yoo ta’u, dhukkuba sukkaaraa qabaachuun isaa adda baafamuu danda’a. Seelonni beettaa baay’inaan ni badu jechuudha. Kana booda qoshtiin insuliinii gahaa guluukoosii dhiigaa idilee ta’e eeguuf oomishuuf hin danda’u. Sadarkaa kana irratti mallattoon dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa mul’achuu jalqaba. Fakkeenyonni fincaan baay’isuu, dheebuu fi beela, akkasumas ulfaatina qaamaa hir’achu dha.Akkasumas asiidiin dhiiga keessatti kuufamee (diabetic ketoacidosis) sadarkaa lubbuu namaa balaa irra buusu irra ga’a. Sadarkaa kana irratti insuliiniin yaaluun barbaachisaadha.
Sadarkaalee kana beekuun, keessattuu namoota sadarkaa 1 fi 2ffaa adda baasuun, ittisa dursanii hojjechuuf barbaachisaa dha. Guutummaatti ittifamuu kan hin dandeenye ta’us, carraa wal’aansoowwan gara sadarkaa 3ffaatti ce’uu tursiisuu danda’an ni dhiheessa. Fakkeenyaaf qorichi teplizumab jedhamu yeroo ammaa dhukkuba sukkaaraa tursiisuudhaaf jedhamee ajajamaa jira.
Gahee barbaachisaa wal’aansa insuliinii
Insuliiniin bu’uuraa wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaati. Akkuma bishaanii fi oksijiinii insuliiniin hormoonii lubbuun jiraachuuf barbaachisaa ta’ee fi meetaaboliizimii, guddina fayya qabeessaa fi ijaarsa qaamaatif barbaachisaa dha. Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban uumamaan insuliinii oomishuuf waan hin dandeenyeef yeroo hunda insuliinii lilmoo ykn paampii insuliinii fayyadamuu qabu. Guyyoota keessatti yaala insuliinii dhaabuun lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu danda’a.
Qajeelfamni amma dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa maal jedha?
Akka qajeelfama idil-addunyaa yeroo dhiyootti haaromfame kan wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaatiin, insuliiniin filannoo bu’a qabeessaa fi nageenya qabuudha. Insuliiniin to’annoo gilukoosii fooyya’aa ta’e galmaan ga’uu fi rakkoo fayyaa dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatee dhufu ittisuuf furmaata gaarii dha.
Insuliiniin guyyaa guyyaan qoricha lilmoo ykn paampii insuliiniitiin kennamuu danda’a. Keessattuu, paampii insuliinii ismaartii amma ulfaataa ta’e kun, insuliinii nyaataa fi sadarkaa sukkaara waliin walqabatee waan geessuuf, wal’aansa dhukkuba sukkaaraa baay’ee fooyyessee jira. Teeknooloojiin paampii insuliinii ofumaan hojjetu algorithm yeroo hunda hamma sukkaara dhiigaa walitti fufiinsaan safaruun hamma insuliinii barbaachisu sirreessuu fi murteessu qaba.
Hordoffiin gilukoosii guyyaa guyyaan yaala insuliinii cinatti ni gorfama. Nyaata duraa fi booda yeroo hunda gilukoosii safaruun barbaachisaadha. Hordoffii sukkaara qubaan darbee darbee kan barame bira darbee meeshaan harkaa ammayyaa daqiiqaa hundatti guluukoosii dhiigaa itti fufiinsaan hordofu jira. Kunis hordoftoota gilukoosii walitti fufiinsa qaban (CGMs) jedhamuun beekama. Malli haaraan hordoffii gilukoosii kun jaalatamummaa guddaa argachaa jira.Namni tokko sekondii fi daqiiqaa hundatti hamma guluukoosii dhiigaa itti fufiinsaan hordofuu danda’a; Akkasumas hammi guluukoosii ol ka’aa jiraachuu fi gadi bu’aa jiraachuu isaa agarsiisa; Akkasumas quba kee irra deddeebi’anii waraanuu caalaa mijataa dha. Daqiiqaa hundatti sadarkaa gilukoosii yeroo qabatamaa (real time glucose levels) agarsiisa.
Gargaartoonni insuliinii malees lilmoodhaan ykn afaaniin fudhataman tokko tokko darbee darbee fayyadamuun ni danda’ama, keessumaa ulfaatina qaamaa to’achuuf ykn sababa birootiin, garuu insuliinii bakka hin bu’an.
Kunuunsa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa keessatti fedhiiwwan hin guutamne (unmet needs) maali?
Tooftaan wal’aansa insuliinii fi hordoffii fooyya’aa ta’e kan gara fuulduraatti dhufe fayyaa fi jireenya namoota dhibee kanaan miidhaman baay’ee fooyyessee, umurii dheeraa, oomishtummaa fi gammachuu akka jiraatan kan dandeessise yoo ta’u, yaaliin amma jiru garuu qormaata qaba. Fedhiiwwan hin guutamne hedduun kan sirreeffamuu fi daran fooyya’uu qaban jiru.Fakkeenyaaf, dhukkubsattoonni %20-25 galma to’annoo dhukkuba sukkaaraa isaanii galmaan hin ga’an; Dhukkubsattoonni hedduun hir’ina sukkaaraa irra deddeebi’ee fi balaafamaa ta’e ni mudata; Akkasumas, ulfaatina qaamaa giddu galeessaa dabaluun qoricha insuliinii wajjin walqabatee yeroo ammaa daangeffama yaalaati.
Wal’aansa insuliinii fi hordoffii gilukoosii irratti fooyyeen guddaan jiraatus, to’annoo guluukoosii dhiigaa fooyyessuuf qabsoon godhamu salphaa miti. Galmoota to’annoo guluukoosii gorfaman galmaan ga’uun rakkoolee dhukkuba sukkaaraa ittisuuf murteessaa ta’us, dhukkubsattoota hedduudhaaf sadarkaa insuliinii nyaata, sochii, Dhiibbaa hojii fi dhiphina waliin madaaluun qormaata.Qorannoon akka agarsiisutti dhukkubsattoonni sadarkaa guluukoosii dhiigaa kaayyeffatan galmaan hin geenye keessaa afurtamaa ol rakkoolee yeroo dheeraa onnee, tiruu, ijaa fi narvii irraa dhufaniif saaxilamu.
Yoo wal’aansi sun garmalee cimaa ta’e faallaa isaatiin miidhaa biraa geessisuu danda’a. Kun ammoo dhibee sukkaaraa gadi bu’uu(Hypoglycemia)dha. Kun kan uumamu yeroo insuliiniin hamma guluukoosii dhiigaa garmalee gadi buusudha. Hanqinni sukkaara mataan isaa miidhaa fi balaa qaba. Qormaanni biraa wal’aansa dhukkuba sukkaaraa hamma barbaadametti sirreessuu dhabuu keenyadha. Sukkaarri sadarkaa idileetti akka gadi hin buune nu daangeessa. Kunis daangaa filannoowwan yaalaa amma jiran kan mul’isudha.
Insuliiniin ulfaatina qaamaa dabaluunis miidhaa hin barbaachifne qaba. Ulfaatina qaamaa dabaluu kun balaa fayyaa biroo fiduu danda’a; To’annoo guluukoosii dhiigaa caalaatti rakkisaa taasisa. Keessattuu dargaggoota umrii kurnanii keessa jiran irratti boca qaama isaanii caalaatti akka yaadda’an waan godhuuf dhiphina sammuu fi yaaddoo fida.
Dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa to’achuu keessatti qormaanni kun jiraachuu fi wal’aansoowwan amma jiran keessatti qaawwi jiraachuun isaa wal’aansi fooyya’aan akka barbaachisu kan mul’isudha. Yaala amma qabnu caalaa sadarkaa olaanaa ta’e barbaachisuu isaa cimsanii ibsu.
Fedhiiwwan hin guutamne kana guutuuf qorattoonni qoricha yaalii adda addaa fi qoricha ta’uu danda’u qorachuu itti fufaniiru. Filannoo wal’aansaa haaraa barbaaduun qorannoo sadarkaa olaanaa furmaata dhukkuba kana ittisuu fi fayyisuu danda’u qopheessuuf itti fufee jira. Hanga ammaatti bu’aawwan dinqisiisoo galmaa’aniiru.
yaaliiwwan ittisaa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa haaraan osoo hin uumamin godhaman
Wal’aansi milkaa’aan dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa gartokkoon ittisuu danda’u dhiheenya kana ifoomeera. Qorichootni akka teplizumab fi verapamil adeemsa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa duubatti deebisuu fi jalqaba dhukkuba sukkaaraa waggoota muraasaaf illee harkisuu danda’u.
Teplizumab dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa kan hin fayyisne yoo ta’u, yaaliiwwan daa’imman balaa guddaa qaban irratti gaggeeffameen jalqaba dhukkubichaa waggoota muraasaan akka tursiisu agarsiifameera. Kana jechuun haati ykn abbaan tokko dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa yoo qabaate, ijoolleen isaanii namoota hafan caalaa dhukkuba sukkaaraa qabaachuuf carraa jeneetikii olaanaa qabu.Teplizumab adeemsa sirni ittisa qaamaa keenyaa kan qoshtii ofii keenyaa itti haleelu hir’iisuudhaan hojjeta. Molakiyuulii xiqqaa CD3 (monoclonal antibody targeting CD3) jedhamutti hidhamuudhaan sirna ittisa qaamaa hin baramne sirreessa. Kunis miidhaa seelii qoshtii irratti gahu hir’isuun guddina dhukkubichaa saffisa isaa hir’isa.
Teplizumab wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa keessatti bu’a qabeessa ta’uun isa jalqabaati. Adoolessa bara 2022 Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa irraa hayyama argachuun seenaa galmeesse. Qorannoon ajaa’ibaa bu’a qabeessummaa qoricha kanaa mirkaneesse qorannoo ittisa Teplizumab (TN-10 study) jedhama. Qorannoon kun akka agarsiisutti teplizumab daa’imman balaa guddaadhaaf saaxilamanii fi ga’eessota umuriin isaanii waggaa 8 ol ta’e irratti dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa jalqabuu waggaa lama tursiisuu danda’a.
Qorichi verapamil jedhamus bu’aa gaarii agarsiiseera. Yeroo ammaa kana Verapamil dhiibbaa dhiigaa fi dhibee onnee biroo yaaluuf oola. Qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti namoota dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa dhiheenya kana jalqabeef fayyadamuu danda’a.Bu’aan qorannoo CLVer akka agarsiisutti, verapamil dhiibbaa seelii beetaa irratti infilameeshinii qoshtii dhufu hir’isuun, hojii insuliinii oomishuuf seelonni kunuunsuu fi dhukkubsattoonni insuliinii barbaadan hir’isuuf gargaara.
Malleen ittisa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa kun jalqaba dhukkuba sukkaaraa tursiisuufi daa’imman hirkattummaa insuliinii irraa walaba ta’anii akka guddatan gargaaruu danda’u, waggoota muraasaaf illee. Qoricha hunda ta’uu baatus, mallattoolee dhukkuba sukkaaraa jalqabuu yoo tursiisan carraa rakkoolee dhukkuba sukkaaraa wajjin walqabatan hir’isuu danda’u.
Wal’aansoowwan haaraa fi qorannoowwan dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa baraaruuf yaalan
Yaala Bakka Bu’iinsa Seelii Beetaa: qoshtii guutuu jijjiiruu ykn Seelii Islet jijjiiruu(Beta Cell Replacement Therapy: whole pancreas transplantation or Islet Cell Transplantation)
mala yaala seelii beetaa insuliinii oomishuuf seelii fayyaa birootiin bakka buusuun oomisha insuliinii uumamaan to’achuuti.
Addunyaa kanarratti jijjiirraan qoshtii hedduun milkaa’inaan raawwatameera. Qaamni haaraa jijjiirame insuliinii kan uumu yoo ta’u, dhukkubsataa insuliinii waraannachuu irraa bilisa taasisa. Wal’aansi kun hamma insuliinii lilmoodhaan naqattu hir’isuu irraa kaasee hanga insuliinii guutummaatti dhaabuutti ta’uu danda’a.
Garuu akkuma wal’aansoowwan qaama namaa jijjiirrachuu biroo, seelonni qoshtii arjoomaa sanaa salphaatti nama fudhatu sanaa wajjin wal hin madaqu, sirni nama fudhatuus gonkumaa fudhachuu dhiisuu danda’a, kunis keemooteraapii umurii guutuu ittisa dhibee qaamaa dadhabsiisu barbaada. Miidhaan qorichi keemoo kanaa insuliinii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baayyee ol’aanaadha. Qoshtii nama lubbuun jiru irraa arjoomuun waan hin danda’amneef bal’inaan akka hin argamne taasiseera.
Daangaa armaan olitti ibsame malees, wal’aansi qaama namaa jijjiiruu kun guutummaatti qoricha miti. Sababa dhukkubbii sanaa isa bu’uuraa hin yaalu. Yeroo tokko tokko dhukkubni jalqaba irratti qoshtii miidhe sun sirni ittisa qaamaa qoshtii haaraa akka haleelu fi bu’aa akka hin qabne gochuu danda’a.
Sababa qormaata kanaan wal’aansi kun dhukkubsattoota baay’ee daangeffaman qofaaf hojjeta. Yeroo baayyee qoshtii jijjiiruun namoota kalee jijjiirrachuu barbaadaniif qofa raawwatama.
Yaala Haaromsa Seelii Beettaa (Beta Cell Regeneration therapy)
Malli wal’aansaa kun wal’aansa seelii bu’uuraa (stem cell-based treatments) irratti hundaa’e badhaadhina gochuun seelii qoshtii haaraa insuliinii oomishuuf uumuu danda’uudha. Madda seelii qaama keenyaa hundaa kan ta’an seelonni proojeenitaar laaboraatoorii keessatti guddatanii gara seelii beetaa qoshtii insuliinii oomishuutti jijjiiramu.
Wal’aansi kun marsaa yaalii keessatti bu’aa abdachiisaa agarsiiseera. Garuu ammallee itti fayyadama kilinikaaf qophii miti.
Gulaaluu Jiinii (Gene Editing)
Yaaliin sirreeffama jeneetikii kun saayinsii jeneetikii baayyee ulfaataa ta’ee fi jiiniiwwan dhukkuba fidan adda baafamanii, haqaman, fooyya’an ykn bakka buufamanidha. Jiiniiwwan rakkoo qaban adda baasuu fi sirreessuu of keessaa qaba. Mee yaadi, jiiniiwwan miidhaman maqasiin kuttee suphuu.
Teeknooloojiin wal’aansa kana duuba jiru CRISPR Gene Editing jedhama. Wal’aansi kun ammallee sadarkaa qorannoo jalqabaa irra jira. Garuu bu’aan hanga ammaatti argame oduu abdachiisaa yoo ta’u, sababoota bu’uuraa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa furuuf carraa kan kennudha. Dhukkuba sukkaaraa umurii guutuu fayyisuu akka danda’u abdatama.
Wal’aansoowwan yaalii armaan olitti kaafne fayyaa yeroo dheeraa fooyyessuuf abdii guddaa agarsiisaniiru. Garuu ammallee insuliinii bakka buusuun sadarkaa yaalii qorannoo bira darbanii akka yaala idileetti fayyadamuuf qophii miti.
Odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasaa
Hedduun keenya gorsa fayyaa argachuuf gara miidiyaa hawaasaatti deebina. Waltajjiiwwan kunneen namoonni muuxannoo akka waliif qoodan kan hayyaman yoo ta’u, odeeffannoo dogoggoraas ni babal’isu. Oduun ammallee sadarkaa yaalii irra jiru kun dhukkubsattootaa fi warri akka dinqiitti yeroo dubbatan dogoggorsa. Insuliinii akka dhaabdu jajjabeeffamta. Hubannoo daangeffameen wal’aansoowwan kana yeroo malee jalqabuun dhukkubsattoota dogoggorsuu fi miidhaa geessisuu danda’a.
Kanaafuu, namoonni dhiibbaa uumuu danda’aniifi miidiyaaleen xiyyeeffannoo fi beeksisaaf jecha wal’aansa hin mirkanoofne irratti yeroo mari’atan of eeggannoo guddaa gochuuf itti gaafatamummaa qabu. Ministeerri Fayyaa fi qooda fudhattoonni biroo gowwoomsitoota itti gaafatamummaa hin qabnefi odeeffannoo fayyaa dogoggoraa gadi lakkisan to’achuu fi itti gaafatamummaa isaanii mirkaneessuf seera baasanii hojiirra oolchuu qabu.
Dhukkubsattoonnis ta’e warri qoricha argachuuf abdii guddaan eegaa jiru, garuu hanga sanatti yaala mirkanaa’e qofaan itti fufaa. Kanaaf ogeeyyiin fayyaa insuliinii lubbuu baraaru fayyadamuu fi ajajuu itti fufuu qabu.
Abdii qabatanii gara fuulduraatti tarkaanfachuu
Dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaaf qorichi dhaabbataa ta’e jiraachuu baatus, saayinsii fayyaa abdii haaraa kennaa jira. Saayinsiin yaalaa wal’aansoowwan abdachiisaa armaan olitti kaafne kana dammaqinaan qorachaa jira. Saayintistoonni insuliinii bira darbee furmaata dhukkuba sukkaaraa argachuuf sa’aatii guutuu hojjechaa akka jiran beekuun gara fuulduraa abdii nuuf kenna.
Wal’aansoowwan yaalii abdachiisaa ta’an kun ammallee itti fayyadamuuf qophii miti. Bu’aa jajjabeessaa agarsiisanis ammallee sadarkaa yaalii irra jiru. Dhukkubsattoota hundaaf bal’inaan kennamuu isaanii dura qorannoo fi fooyya’iinsa baay’ee cimaa ta’e barbaadu.
Hanga yaaliiwwan kunniin fi kanneen biroo abdachiisaa ta’an argamanitti dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa insuliiniin yaaluun sukkaara dhiigaa to’achuun murteessaadha. Jijjiirama kana abdii guddaan osoo eegnuu, wal’aansoowwan bu’a qabeessa yeroo ammaa mirkanaa’aniif waadaa galuu itti fufuu qabna. Kanaaf yaaliiwwan mirkanaa’an yeroo ammaa gorfaman itti fufuun barbaachisaadha. Yaaliin insuliinii mudaa kan hin qabne osoo hin taane, lubbuu namaa kan baraarudha.
Hubachiisa: Yaadonni barreeffama kana keessatti argaman odeeffannoo waliigalaa qofaaf. Qormaata ykn yaala dhuunfaaf, kutaa dhukkuba sukkaaraa hospitaala addaa Xiqur Anbassaatti ykn hospitaalota dhuunfaa keessatti Dr. Malaakuu mariisisuu dandeessu.
Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Gorsa fayyaa qabatamaa odeeffannoo qabuu fi mirkanaa’eef biloogii Dr. Melaku www.melakutaye.com, Telegram fi Tik Tok hordofaa. Odeeffannoo mirkanaa’e kana namoota biroof akka qooddan gad of qabuun isin afeera.