Dr. Melaku Tayetiin
Kolestrooliin sababoota ijoo rakkoo fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa keessaa isa tokko. Qorannoon kolestroolii saamuda dhiigaa irraa kan raawwatamu yoo ta’u, kolestrooliin keessan hamma sirrii ta’uu isaa baruuf Karaa ijoodha. Barreeffama kana keessatti waa’ee qorannoo kolestroolii bu’uuraalee beekuu qabdan ni ibsina – Qorannoon kun maaliif barbaachisaa dha? Yoom qorannoon godhamuu qaba? Maaltu ajajama? Bu’aan qorannoon maal fakkaachuu qaba?!
Qorannoo kolestroolii yoom jalqabuu qabna?
Namoota baay’eedhaaf qorannoon kolestroolii umurii waggaa 20 irraa eegaluu qaba. Yoo bu’aan qorannoo sirrii ta’ee fi carraan dhukkuba onnee gadi aanaa ta’e waggaa 5tti irra deebi’anii qorachuun gahaadha. Haa ta’u malee, wanti haaraan dhukkuba onneef nama saaxilu kan akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, ulfaatina qaamaa dabaluu ykn rakkoo fayyaa biroo yoo uumame, qorannoon kolestroolii irra deebi’amee barbaachisuu danda’a.
Kanneen armaan gadii carraa dhukkuba onneetiin qabamuuf carraa guddaa kan qaban yoo ta’u, fakkeenyaaf maatii keessatti dhukkubni kolestroolii yoo jiraate, ykn seenaa maatiin dhukkuba onnee dulloomuu duraa yoo jiraate, furdina garmalee yoo jiraate, dhiibbaan dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, tamboo xuuxuu fi kkf yoo jiraate, qorannoo kolestroolii waggaa 20 dura jalqabuun gaariidha.
Namoota umuriin isaanii waggaa 40 ol ta’eef, fayyaa waliigalaa Isaani irratti hundaa’uun yoo xiqqaate waggaatti al tokko yeroo yerooti qorannoo gochuun gorfamuu danda’a.
Qorannoon kolestroolii maal maal of keessaa qaba?
Qorannoon kolestroolii idilee (lipid profile) qorannoowwan ijoo afur of keessatti qabata. Isaan keessaa kolestroolii waliigalaa, kolestroolii hamaa (LDL-C), kolestroolii gaarii (HDL-C) fi tiraayigiliisaayidii (triglyceride) ni argamu. Laaboraatooriiwwan sadarkaa olaanaa qaban tokko tokko hamma ApoB safaruu danda’u. Hamma ApoB safaruun balaa fayyaa ujummoo dhiigaa tilmaamuuf hamma kolestroolii caalaa gargaara. Kana malees, qorannoowwan hedduun yoo laaboraatooriiwwan sadarkaa olaanaa qaban jiraatan umurii keessatti al tokko hamma Lp(a) safaruun barbaachisaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Hammi kolestroolii sirrii ta’e maali?
Nama fayyaa qabuuf (furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, ykn dhukkubbiin ujummoo dhiigaa akkasii kan hin qabne, fi kan alkoolii ykn tamboo hin xuuxne) qorannoon kolestroolii akkas fakkaachuu qaba:
- Koolestrooliin waliigalaa (total cholesterol) 200 mg/dL gadi ta’uu qaba.
- Kolestrooliin hamaan (LDL) 100 mg/dL gadi ta’uu qaba.
- Koolestrooliin gaariin (HDL) 40 mg/dL ol ta’uu qaba.
- Tiraayigiliisaayidii (Triglycerides) 150 mg/dL gadi ta’uu qaba.
Hammi kolestroolii sirrii ykn Normali jedhamu akka hin jirre hubachuu qabna. Lakkoofsi agarsiifame carraa waliigalaa dhukkuba onnee irratti (cardiovascular risk) hundaa’uun shallagamuu qaba. Dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee ykn haalawwan yeroo dheeraa kan biroo yoo qabaatte, ykn dhukkuba onneef carraa guddaa yoo qabaatte, umurii fi fayyaa keessan irratti hundaa’uun galma kolestroolii issin barbaachisuu danda’a. Keessattuu hamma danda’ametti hamma kolestroolii hamaa gadi buusuun fayyaa fooyya’aa fida (the lowest is the best).
Barbaachisummaa qorannoo kolestroolii
Kolestrooliin olka’aan, keessattuu kolestrooliin ‘hamaa’ (LDL-C) yeroo dheeraaf ujummoolee dhiigaa keessan keessatti yeroo walitti qabaman ujummoolee dhiigaa cufa. Qorannoon kolestroolii karaa carraa dhukkuba onnee, stroki fi dhukkuboota ujummoolee dhiigaa birootiin qabamnu madaallu keessaa isa tokkodha.
Sababa biraa maaliif qorannoon barbaachisaa ta’eef, rakkooleen fayyaa kolesteroolii waliin walqabatan yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisan (asymptomatic) ta’uu isaanii ti. Yeroo baay’ee fayyaa gaarii yoo ofitti dhaga’amu illee, mallattoo tokko malee kolesterooliin ol ka’ee rakkoolee fayyaa fiduu danda’a. Rakkoolee dhiiga keessa jiruuf saaxilamuu fi ittisuuf, dursee beekuun qorannoo kolesteroolii gochuun karaa salphaa fi bu’a qabeessa ta’eedha. Yeroo yerootti qorannoo gochuun, hamma kolesteroolii kee to’achuu fi murtii sirrii fayyaa irratti hundaa’ee gochuu dandeessa.
Kolestrooliin safartuu fayyaa tokko qofa akka ta’e yaadadhaa. Nyaata fayya qabeessa, sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu, tamboo xuuxuu dhiisuu fi ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta’e qabaachuun kolestroolii to’achuu fi carraa dhukkuba onnee hir’isuuf murteessaadha.
Barreeffamni barnootaa kun barnootaa walitti fufiinsa qabu kutaa lammaffaa yoo ta’u, waa’ee dhiibbaa kolesterooliin fayyaa keessan irratti qabu sirriitti hubachuuf isin gargaara. Kutaalee itti aanan keessatti jijjiirama akkaataa jireenyaa kolestroolii hir’isuf, wal’aansoowwanii fi yaada dogoggoraa kolestroolii irrati gadi fageenyaan ilaalla.
Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha. Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa fayyaa keessan mariisisaa.
Odeeffannoon kun akka isin fayyadu abdiin qaba! Gaaffii dabalataa yoo qabaattan, odeeffannoo kana kan qopheesse Dr. Melku Taye fi hiriyyoota hojii isaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa qunnamuu dandeessu. Fayyaa keessan isa gatii guddaa qabu eeguuf maal gochuu akka qabdan gorsa qabatamaa dabalataa argachuuf marsariitii fi miidiyaa hawaasaa keenya @hakimmelaku hordofaa!