Ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif salphaa miti – hormoonota dhokataa duubaan nu lolan!

Dr. Melaku Tayetiin (Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa keessatti ispeeshaalistii yaala dhukkuba Sukkaaraa fi Furdinna)


Mee yaadadhaa, nyaata keessan erga sirreessitanii, sochii qaamaa erga gootanii, fi ji’ootaaf carraaqqii gootanii booda, cooma garaa(boorcii) gubdaniittu. Milkaa’ina kana keessatti gammachuu guddaatu jira. Hojii ajaa’ibaa hojjechaa jirtaniin ni boontu. Garuu mudhiin qalla’e tokko “An nan danda’a;  Mudhii lakkoofsa 8 argadheera!” jettanii osoo dinqisiifatanii hin xumurin wanti nama aarsu tokko ni mudata. Ulfaatinni hir’ate suuta suutaan deebi’uu jalqaba. Hammam carraaqqii gootus, ulfaatina hir’ise eeguun  (sustaining weight loss)  ykn caalaatti hir’isuun(losing weight further) qormaata ni ta’a.


Kun si mudatee beeka yoo ta’e kophaa kee miti.  Badii kee miti.  Haala baayyee baramaa dha.  Ulfaatina qaamaa dabaluunis adeemsa baayyee salphaadha, garuu kiiloo tokko hir’isuu fi ulfaatina hir’ise eeguun akka tullu Rasdashin yaabbachuuti.


Ulfaatina qaamaa to’achuun reeshiyoo kaalorii nyaannu fi kaalorii gubnu qofa miti.  Waggoota dheeraaf, amantiin ulfaatina qaamaa irratti balʼinaan qabame kaalorii fudhachuu fi kaalorii baʼu(Calories-In, Calories-Out) madaaluu ture. Duraan ‘Yoo nyaata xiqqaa nyaatte, baay’ee sochoote ulfaatina qaamaa hir’atta’ jedhama ture – yaada yoo xiqqaa nyaatte fi sochii qaamaa baay’istee ulfaatina qaamaa hir’isuun kee hin oolu jedhu! Qorannoon haaraan amma yaadni ulfaatinaa kun gartokkoon sirrii akka hin taane walii galu.  Kanaafidha meetaaboliizimiin anniisaa (energy metabolism)  baay’ina kaalorii fudhatamuu fi baasii caalaa adeemsa jijjiiramaa kan danda’u walxaxaa ta’e kan jedhamu.


Kanaa mannaa, itti fayyadamni anniisaa qaamni keenyaa adeemsa baayyee jijjiiramaa kan danda’u dha.  Saayinsiin ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif akkas ulfaataa ta’us salphaatti deebifachuunis iccitii guutummaatti hin furamnedha. Fiiziyoloojii baay’ee walxaxaa kan qabu yoo ta’u, kunis walitti dhufeenya daayinamikii hormoonota mataa keenyaa, meetaaboliizimii fi sababoota akkaataa jireenyaa gidduu jiru kan of keessaa qabudha.


Qaamni keenya ulfaatina qaamaa hamma murtaa’e ol akka hin hir’isneef qabsaa’uun uumama namaa bu’uuraa keenya. Yeroo ulfaatina qaamaa hir’isu qaamni hanqina kaalorii dandamachuuf adeemsa meetaabolii haaraa haala adda addaatiin madaqsa (Metabolic adaptation). Yeroo xiqqoo nyaannu qaamni keenya akka waan balaa keessa jirutti waan yaaduuf karaa itti beenyaa itti kaffalu qopheessa. Saffisa meetaabolii gadi buusuun kaalorii kan duraa caalaa xiqqaa gubda.  Qaamni kunuunsa anniisaa ni dabala.  Guyyaa hamaa tokkoof kuusuu jalqaba.


Hormoonota beela baay’achaa adeemu.  Keessattuu hormooniin ghrelin jedhamu kan garaachaan uumamu beela akka nutti dhagahamu gochuudhaan fedhii nyaataa akka dabalu taasisa.  Fidaa, fidaa jechuudhan.


Yeroo hanqina nyaataa beela anniisaa qusatu keessa akka darbuuf kan qophaa’e amala dhala namaa yoo ta’u, addunyaa nyaanni baay’inaan argamu keessatti garuu furdina garmalee yaaluuf gufuu guddaa ta’a. Bara keenya ammaa kanaaf jijjiirama fiiziyoloojii hin barbaachifnedha(mal-adaptive).  Ulfaatina qaamaa akka hin hir’isneef qabsaa’a.  Hormooniin qaamni keenya ofii maddisiisu dhoksaan nu lolu.


Diriiroota kanneen adeemsa uumamaa ulfaatina hir’isuu (Weight Loss Plateaus)


Namoonni karoora ulfaatina hir’isuu yeroo jalqaban, yeroo baay’ee torban/ji’oota jalqabaa muraasa keessatti milkaa’ina ariifataa argatu. Garuu yeroo dhiyootti adeemsi kun diriiraa isa dhumaa irratti (Plateau) ni dhaabata.  Nyaanni hundi, sochii qaamaa hunda, qorichi jalqaba irratti nuuf hojjetu hundi dhuma irratti hin hojjetu.  Ulfaatinni keenya kana booda hin gadi bu’u, hin jijjiiramu jechuun nu dhiba.


Kunis kan ta’u qaamni ulfaatina qaamaa hir’isuun akka balaatti waan fudhatuufi deebii kanaaf meetaaboliizimii hir’isuudhaan kaalorii gubuun waan hir’atuuf;  Kan caalu ammoo beela nutti dhagahama. Qaamni keenya yeroo danda’ametti anniisaa kunuunsuuf yaala. Keessattuu yeroo ulfaatina hir’isnu yoo dadhabbiin maashaalee fidu kan ta’e nyaanni nuti nyaanne harka tokko illee hin gubadhu jedha.  Nyaanni  hin gubanne hundi ni kuufama, ulfaatina ta’a.


Adeemsi kun hundi ulfaatina kana daran hin hir’isu qabsaa’a. Ulfaatina qaamaa hir’isuu irraa cimsee ittisa.


Qaamni keenya ulfaatina hir’isuu diduu isaa (Weight Loss Resistance)


Qaamni ulfaatina hir’isuu diduun nyaataa fi sochii qaamaa osoo sirreessuu ulfaatina qaamaa hir’isuu dadhabuudha.

Kutaalee sammuu keenyaa kanneen barbaachisoo ta’an keessaa tokko kan ta’e haaypootaalaamis akka wiirtuu to’annoo ulfaatinaa ta’ee tajaajila.  Kutaan sammuu xiqqaan garuu humna guddaa qabu kun beela, fedhii nyaataa fi gubuu kaalorii giddu galeessaa to’ataadha. Kana kan godhu walitti dhufeenya hormoonotaa fi neetworkii nervii ulfaatina qaamaa murtaa’e eeguuf hojjetaniin. Hormoonota ijoo adeemsa kana keessatti hirmaatan keessaa tokko leptin dha.


Leptin ‘hormoonii quufa(satiety hormone)’ jedhama.  Seelii coomaa (adipocytes) irraa kan madde yoo ta’u, dhiiga keessatti gara hypothalamus seenuun akka quufa nutti dhaga’amu taasisa.  Miira beela ni to’ata.


Garuu namoota furdina garmalee(obesity) qaban irratti leptin sirnaan hin hojjetu (leptin resistance).   Sammuun keenya ergaa leptin deebii kennuu ni dhaabata.  Kana jechuun qaamni keenya yommuu nyaannu quufuun nutti hin dhagahamu jechuudha. Faallaa kanaatiin beelli akka sitti dhagahamu waan godhuuf kaalorii gubuun ni hir’ata.


Marsaan hamaan kun ulfaatina qaamaa hir’isuun baayyee rakkisaa kan taasisu yoo ta’u, ulfaatina qaamaa deebifachuun namoota hedduudhaaf waan hin oolledha.


Dhimmoota hawaasummaa adeemsa ulfaatina hir’isuu rakkisaa taasisan


Qabxiilee baayoloojii armaan olitti kaafne malees, dhimmoonni jireenyaa fi fayyaa sammuu fayya-dhabeessa ta’an hedduun ulfaatina qaamaa hir’isuu baay’ee rakkisaa taasisuu danda’an jiru. Dhiibbaan hawaasummaa hedduun carraaqqii tokkoon tokkoon namaa ulfaatina hir’isuuf gufachiisu. Hundi keenya taatee hunda irratti nyaachuu, dhuguu fi socho’uu dhiisuuf dhiibbaa hawaasummaatiin marfamneerra.


Karoora nyaata fayya qabeessaa fi jijjiirama irratti maxxanuun rakkisaa dha. Amalli nyaataa fayya-dhabeessa ta’e salphaatti hin dhiisu ykn hin jijjiiramu. Hiriyaan hundi ‘Oo, inni kun xiqqaadha, naaf nyaadhu’ jedhee si nyaachisa, akka furdattu si gargaara.  Kanaafidha maatiin, hiriyyoonniifi ollaan furdina garmalee akkamitti akka yaalan barsiisuu kan qaban-sababni isaas naannoon hawaasummaa keenyaa jijjiirama nyaataa jalqabne duubatti deebisuu danda’a. 


Jireenyi ammayyaas sa’aatii dheeraaf taa’uu waan barbaaduuf sochii qaamaa daangeessa. Jireenya keenya yeroo dhiyoo asitti sochii qaamaa daangeessuu qofa osoo hin taane, yeroo dheeraaf taa’uu kan barbaadu keessa jiraachuun dirqama ta’eera.

Yaaddoo fi dhiphinni filannoo nyaataa jallisuu danda’u.  Keessattuu, fooyya’iinsa nyaataa itti fufiinsa qabuu fi dhaabbataa ta’e gochuuf rakkatu.  Hirriba dhabuun madaallii hormoonii dhabuu wajjinis kan walqabatu yoo ta’u, kunis beela dabaluu fi fedhiin nyaata kaloorii baay’ee qabu dabaluu danda’a.


Rakkoolee ulfaatina qaamaa hir’isuu akkamitti mo’achuu dandeenya?  


Ulfaatina hir’iste eeguu yoo dadhabde ykn caalaatti hir’isuu yoo dadhabde abdii hin kutatin. Warra hin dandeessu hin milkooftu jedhan hin dhaggeeffatin. Dadhabbii kee qofa osoo hin taane, qorannoowwan hordoffii yeroo dheeraa hedduun akka agarsiisanitti namoonni baay’een jalqaba irratti nyaata fi sochii qaamaa qofaan ulfaatina qaamaa guddaa hir’isuu kan danda’an ta’us, irra caalaan isaanii yeroon darbaa deemuun deebi’anii ni furdatu.


Qabsoon ulfaatina qaamaa deebifachuuf godhamu deebii uumamaa qaamni kennudha. Jijjiiramni hormoonii ulfaatina qaamaa hir’isuu fi ulfaatina hir’ise eeguun akka malee rakkisaa kan taasisudha. Hormoonota kana loluun baayyee ulfaataadha. Humna mormituu keessoo kana ulfaatina yeroo dheeraaf hir’isne akka hin eegne nu dhorku kana hanga amansiisnee fi hin gowwoomsinetti  adeemsa uumamaa kan hin rafnedha.


Yeroo kana Kophaa qabsaa’uun rakkisaa ta’uu danda’a.  Kanaafuu, diriiraa ulfaatina hir’isuu(weight loss plateau) kana irra darbuuf, yaala ulfaatina qaamaa fi gorsi gargaarsa ogeessa fayyaa yaala furdina  kennamu barbaachisa.


Gara ulfaatina barbaaddanitti bira ga’uuf fi yeroo dheeraaf ulfaatina hir’ise eeguun carraaqqii umurii guutuu kaka’umsa itti fufiinsa qabu, obsaa fi cimina kan barbaadudha. Nyaata keessan caalaatti sirreessuu keessatti kutannoo qabaachuun barbaachisaadha. Sochii qaamaa kan duraa caalaa gochuudhaan(keessattuu ispoortii cimna dabaluudhaan, cimna maashaalee eeguun) ulfaatina qaamaa to’achuu fi fayyaa fooyyessuu ni danda’ama. Hirriba sirreessuu, yaaddoo hir’isuu fi dhiphina sammuu yaalamuunis barbaachisaa dha.


Yoo barbaachisaa ta’e, qoricha farra furdina(Anti-obesity medication) hakiimni ajaje fudhachuun miira beela qormaataa ta’e tasgabbeessaa;  Fedhii nyaataa hir’isuudhaan garmalee akka hin nyaanne gargaaru. Qorichootni kun ispesiaalistii yaala furdinan  ajajamuu qabu, yoo kana hin taane ispesiaalistii dhibee keessoos ni gorfama. Wanti dagachuu hin qabne tokko qoricha farra furdina garmalee yeroo fayyadamtan nyaata fayya qabeessa, sochii qaamaa fi jijjiirama akkaataa jireenyaa biroo eeguu qabdu. Qorichootni kun gargaarsa dabalataa malee nyaata baay’ee nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu dhiisuuf sababa ta’uu qabu jechuu miti.


Qorichoota malees, baqaqsanii hodhuun meetaabolii(metabolic/bariatric surgery, weight loss surgery) Keessattuu namoota furdina garmalee qabaniif hojjechuu danda’a.


Cuunfaa


Ulfaatina qaamaa hir’isuun qormaata.  Ulfaatina hir’isne eeguun akkuma kana rakkisaadha.  Sababni inni guddaan qaamni keenya jalqabarraa kaasee balaa beela irraa of eeguuf ulfaatina qaamaa cimsee eeguuf kan umamee waan ta’eef. Jijjiirama hormoonii fi meetaabolii dhoksaan duubatti lolu hubachuun , qormaata kana mo’uuf tarkaanfii tarsiimoo caalu fudhachuuf nu gargaaruu danda’a.


Hubachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa odeeffannoo waliigalaa qofaaf kan qophaa’edha.  Qorannoo ykn yaala dhuunfaaf ogeessa  fayyaa keessan mariisisaa.


Gorsa, sirreeffama ykn yaada dabalataa argachuuf email: contact@melakutaye.com fi bilbila: +251921720381 nu qunnamuu dandeessu. Yaala dhuunfaaf Dr. Melaku Taye fi hiriyyoota hojii isaa Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tikur Anbessa, Kutaa Dhukkuba Sukkaaraa qunnamuu dandeessu.


ቴሌግራም https://t.me/hakimmelaku

Tiktok https://www.tiktok.com/@hakimmelaku

#Quality-Health-Information-For-All

1 thought on “Ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif salphaa miti – hormoonota dhokataa duubaan nu lolan!”

  1. Dr Melaku barruu bareeda saayinsii ammayyaa irraa nuu qooddaniif galatooma.kanumaan itti fufaa.qalamni keessan ammas haa mirgu jenneera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top