kolestroolii

Dhukkubni kolestroolii sooreeyyii ykn warra foon cooma nyaatan qofaaf akka hin taane beektu?

Dhukkubni kolestroolii rakkoo nama hundaati malee  sooreeyyii cooma nyaatan ykn warra borcii qaban qofa miti!  Nama kamiyyuu irratti dhiibbaa uumuu danda’a — si dabalatee! Qormaata hojii yaalaa guyyaa guyyaa koo natti ulfaatu keessaa tokko, kolestroolii fi dhukkuboonni onnee fi ujummoolee dhiigaa kanaan walqabatan dhukkuboota sooreeyyii, warra borcii qaban ykn namoota foon cooma baay’ee nyaatan qofa…

Waamicha hawaasaa adda baasuu fi dafanii rifaralaa Dhibee Kolestroolii Maatii – call for community diagnosis and early referral of Familial Hypercholesterolemia (FH)

Lipidology /Dr. Melaku Taayyeetiin Kolestrooliin maatii (Familial Hypercholesterolemia, FH) dhibee jeneetikii beekamaa ta’ee fi kolestroolii olka’aa fiduudhaan carraa dhukkuba onnee dabaluudha. Dhukkubni onnee dhukkuba daa’immanii fi dargaggoota fiiguuf gahaa hin taane kan miidhu yoo ta’u, yeroon yoo hin yaalamne dhukkuba lubbuu namaa galaafatudha. Akka addunyaatti namoota 300 keessaa tokko akka miidhu kan mirkanaa’e yoo ta’u,…

Koolestroolii daa’immanii fi dargaggoota keessatti

 By Dr. Melaku Taayyee Dhukkuba kolestroolii yeroo yaadnu yeroo baay’ee namoota ga’eessota qofa waliin wal qabsiifna. Garuu dhimmi fayyaa kun daa’immanii fi dargaggoota irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Rakkoon kolestroolii, kan baayyinaan daa’imman irratti mul’atu, dhalootaan kan dhufu yoo ta’u, kolestrooliin daa’immaniis sababa rakkoo nyaataa fi sochii qaamaa dhabuu irraa kan ka’e jallachuu danda’a. Koolestrooliin daa’immanii…

Qorannoon kolestroolii garaa duwwaa qofa irrattiykn yeroo kamiyyuu hojjetama?

Dr. Melaku Tayetiin   Qorannoowwan hamma kolestroolii fi tiraayigiliisaayidii dhiigaa safaru fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa safaruu keessatti gahee guddaa qabu.  Qorannoo kun yeroo baayyee garaa duwwaa qofa irratti akka raawwatamu duudhaan jira.  Keessattuu ogeeyyiin fayyaa tokko tokko qorannoon kolestroolii ganama sa’aatii 3 booda yoo raawwatame “ hin hojjetu,  hin hojjedhu” jedhu.  Maamilaa fi ogeessa…

Qorannoo kolestroolii: eenyuuf, yoom fi hamma sirrii ta’e maali?

Dr. Melaku Tayetiin Kolestrooliin sababoota ijoo rakkoo fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa keessaa isa tokko.  Qorannoon kolestroolii saamuda dhiigaa irraa kan raawwatamu yoo ta’u, kolestrooliin keessan hamma sirrii ta’uu isaa baruuf  Karaa ijoodha.  Barreeffama kana keessatti waa’ee qorannoo kolestroolii bu’uuraalee beekuu qabdan ni ibsina – Qorannoon kun maaliif barbaachisaa dha?  Yoom qorannoon godhamuu qaba? Maaltu…

Scroll to Top