best doctor in ethiopia

Sakatta’iinsa waliigalaa dhukkuba sukkaaraa ulfaa haadholii hundaaf (universal screening for gestational diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes) (GDM) rakkoo fayyaa yeroo ulfaa hammi sukkaara dhiigaa ta’uu qabu caalaa yeroo ol ta’u kan uumamu yoo ta’u, rakkoolee fayyaa dubartoota ulfaa miidhan keessaa jalqaba caqafama. Innis gosa dhukkuba sukkaaraa yeroo baayyee ulfa torban 24 hanga 28 gidduutti mul’atudha. Dhukkubni sukkaaraa kun yeroo baay’ee erga da’umsa booda kan badu yoo…

Ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif akkas ulfaataa?

Ulfaatina qaamaa hirʼisuun maaliif akka tulluu baʼuu akka taʼe yaaddee beektaa? Ulfaatina qaamaa hir’isuuf hammam yoo yaaltus maaliif deebi’a? Torban kana haasawa TED(TED talk) beekamaa ta’e irratti, Dr. Kaatriin  Saandars, doktorri furdina garmalee Ameerikaa, saayinsii ulfaatina qaamaa hir’isuuf nyaata nyaachuu duuba jiru ifa gooteetti. Haasaan barsiisaa kun sababoota fiiziyoloojii fi xiinsammuu ulfaatina qaamaa itti fufiinsaan…

Furdinni qaamaa akka dhukkubaatti adda haa ba’u (diagnose obesity as a disease)

Dhukkubni sukkaaraa fi dhukkuboonni daddarboo hin taane biroo addunyaa guutuutti saffisaan akka dabalan kan taasisan keessaa furdinni qaamaa isa jalqabaati. Dhukkuboota daddarboo hin taane akka weeraraatti guddachaa jiran hunda duuba furdinni qaamaa sababa dhokataa adda dureedha yoo jedhame waan guddaa miti. Warri furdina garmalee haadha dhukkuba hundaa jedhan jiru. Furdinni qaamaa rakkoo fayyaa addunyaati. Walumaagalatti…

Qajeelfama nyaata fuduraalee dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa

Gaaffiiwwan dhukkubsattoonni dhukkuba sukkaaraa gaafatan keessaa tokko, ‘Furduraa nyaachuu nan dandaʼaa?’ kan jedhudha. Dhukkubsattoonni sukkaaraa yeroo baayyee akkaataa fuduraalee itti nyaatan irratti odeeffannoo wal faallessu hedduu waan dhaga’aniif ni burjaaja’u. Gorsi nyaataa hin mirkanoofne kan burjaajii uumuu, kan akka firii kana nyaachuu, firii sana irraa fagaachuu, kun hayyamame, sun dhorkaadha fi kkf ni jiru. Doktarri…

Fayyaa dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa fooyyessuuf amala fayyaa gaarii ijaaruu

Waldaan Dhukkuba Sukkaaraa Ameerikaa (ADA) namoota dhukkuba sukkaaraa qaban irratti amala fayyaa gaarii guddisuu akka xiyyeeffannoo wal’aansaa fayyaa fooyyessuutti cimsee ibsa. Dhimmi kun qajeelfama wal’aansa dhukkuba sukkaaraa boqonnaa shanaffaa keessatti kan ibsame yoo ta’u, waggaa waggaan kan fooyya’udha. Kunis jijjiirama amala waliigalaa nama dhuunfaa giddugaleessa godhate fiduun barbaachisaa ta’uu ibsa.Amala fayya qabeessa ijaaruu fi kunuunsa…

Buna fayyaaf

Dr. Malaakuu Taayyeetin  Yaa Bunaa! ‘Maddi galii keenyaa buna, buna jennee kan faarfanneef, bunni dhiiga kooti jennee istadiyeemii keessatti kan sirbineef, dhugaatii kafaa irraa ka’ee adunyaa guute! Buna malee bashannanuun nama baay’eedhaaf hin danda’amu. Bunni dhugaatii guyyaa guyyaa namoota hedduu biratti jaallatamu ta’eera. Guyyaan koo buna ganama dhuguun jalqaba kan jedhan muraasa miti. Oduu gammachiisaa!…

Avokaadoo nyaata dhukkuba sukkaaraa yaaluuf mijatu dha

Odeeffannoo dogoggoraa waa’ee avokaadoo  Guyyaa guyyaan nyaata dhukkubsattoota sukkaaraa yeroon madaalu jechoota baraman ani dhaga’u keessaa tokko ‘Avokaadoo kolestrooliif hamaa ta’uu isaa waanan dhaga’eef nyaachuu dhiise’ jedhu kan saayinsiin hin deeggaramne dha. Avokaadoon qabiyyee coomaa isaa irraa kan ka’e ‘fayyaa onneef hamaadha’ jedhamee yaadni dogoggoraa bal’inaan mul’ateera. Oduu coomni avokaadoo keessa jiru kolestroolii ol kaasa…

Guyyaa kee akka gaariitti gaggeessuu – fayyaa fooyya’aa argachuuf sochii, boqonnaa, hirriba madaaluu

Namoonni baay’een sa’aatii tokko mana ispoortii keessatti kan dabarsan yoo ta’u, sa’aatii digdamii sadii hafe ammoo yaadni isaanii hihhiramee dabarsu, kunis fayyaa isaanii fooyyessuuf rakkisaa ta’a. Yeroo gabaabaa sochii qaamaa gochuudhaan dabarsinu irraa kan hafe, boqonnaa fi hirriba dabalatee sochiiwwan guyyaa guutuu hojjennu hundi fayyaa keenya irratti dhiibbaa qaba. Yeroo sochii qaamaa karoorfame qofa osoo…

Wal’aansa furdina garmalee nama dhuunfaa giddu galeessa godhate: Foormulaan nama hundaaf ta’u hin jiru!

Wal’aansa furdina garmalee ilaalchisee hubannoon keenya yeroo baay’ee dogoggora qaba. Furdinni qaamaa garmalee salphisanii laaluunis ni jira. Dabalataaniis Komachuu fi adda baasuu illee jiraachuu ni danda’a. Namoota baay’eedhaaf furdinni qaamaa dadhabina, gama nama dhuunfaatiin dantaa ofii isaaniif hin yaadne ykn ulfaatina qaamaa hir’isuuf fedhii dhabuu irraa kan ka’e akka ta’e yaadama. Yeroo baay’ee namoonni  ji’oota…

Furdina garmalee (obesity)

Furdinni qaamaa dhukkuba yeroo dheeraa fi deebi’ee dhufuu fi cooma qaamaa garmalee wajjin walqabatee dhufudha (Adiposity Based Chronic Disease). Akka idileetti ulfaatini BMI 30 ol ta’e furdina garmalee jedhama. Kunis rakkoo fayyaa hamaadhaaf sababa kan ta’u yoo ta’u, filannoowwan yaalaa ammoo fooyya’iinsa nyaataa, sochii qaamaa dabaluu, qoricha fudhachuu fi baqaqsanii hodhuu kan dabalatudha. Yaaddoon furdina…

Scroll to Top