hakim melaku

Kunuunsa ulfa duraa dubartoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif

 Wal’aansi fi hordoffiin dhukkuba sukkaaraa ulfa duraa sirrii ta’e ulfa fayya qabeessa ta’e mirkaneessuu danda’a; Akkasumas daa’imni nagaan akka dhalatuuf gargaara. Ulfi fayya qabeessa ta’e osoo hin ulfaa’iin jalqaba. Kunuunsi ulfa duraa baayyee barbaachisaa dha. Dubartoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif bu’aa fooyya’aa argachuuf dursanii karoorfachuu fi sirreeffama gochuun murteessaadha. Rakkoo fayyaa daa’ima gadameessa keessa jiru ittisuuf…

Dhukkuba sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa ulfaa yeroo ulfaa yeroo jalqabaaf hammi sukkaara dhiigaa yeroo idilee caalaa  ol ka’u dha. Yeroo baayyee ulfa ji’a 5-7 keessatti kan mul’atu yoo ta’u, da’umsa booda ni bada. Yeroo ulfaa dhukkubni sukkaaraa yeroo uumamu fayyaa dubartoota ulfaa fi daa’ima gadameessa keessa jiru irratti dhiibbaa qaba. Garuu dhukkubni sukkaaraa sirnaan yoo yaalame haadhaas ta’e…

Ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif akkas ulfaataa?

Ulfaatina qaamaa hirʼisuun maaliif akka tulluu baʼuu akka taʼe yaaddee beektaa? Ulfaatina qaamaa hir’isuuf hammam yoo yaaltus maaliif deebi’a? Torban kana haasawa TED(TED talk) beekamaa ta’e irratti, Dr. Kaatriin  Saandars, doktorri furdina garmalee Ameerikaa, saayinsii ulfaatina qaamaa hir’isuuf nyaata nyaachuu duuba jiru ifa gooteetti. Haasaan barsiisaa kun sababoota fiiziyoloojii fi xiinsammuu ulfaatina qaamaa itti fufiinsaan…

Qajeelfama nyaata fuduraalee dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa

Gaaffiiwwan dhukkubsattoonni dhukkuba sukkaaraa gaafatan keessaa tokko, ‘Furduraa nyaachuu nan dandaʼaa?’ kan jedhudha. Dhukkubsattoonni sukkaaraa yeroo baayyee akkaataa fuduraalee itti nyaatan irratti odeeffannoo wal faallessu hedduu waan dhaga’aniif ni burjaaja’u. Gorsi nyaataa hin mirkanoofne kan burjaajii uumuu, kan akka firii kana nyaachuu, firii sana irraa fagaachuu, kun hayyamame, sun dhorkaadha fi kkf ni jiru. Doktarri…

Wal’aansa furdina garmalee nama dhuunfaa giddu galeessa godhate: Foormulaan nama hundaaf ta’u hin jiru!

Wal’aansa furdina garmalee ilaalchisee hubannoon keenya yeroo baay’ee dogoggora qaba. Furdinni qaamaa garmalee salphisanii laaluunis ni jira. Dabalataaniis Komachuu fi adda baasuu illee jiraachuu ni danda’a. Namoota baay’eedhaaf furdinni qaamaa dadhabina, gama nama dhuunfaatiin dantaa ofii isaaniif hin yaadne ykn ulfaatina qaamaa hir’isuuf fedhii dhabuu irraa kan ka’e akka ta’e yaadama. Yeroo baay’ee namoonni  ji’oota…

Furdina garmalee (obesity)

Furdinni qaamaa dhukkuba yeroo dheeraa fi deebi’ee dhufuu fi cooma qaamaa garmalee wajjin walqabatee dhufudha (Adiposity Based Chronic Disease). Akka idileetti ulfaatini BMI 30 ol ta’e furdina garmalee jedhama. Kunis rakkoo fayyaa hamaadhaaf sababa kan ta’u yoo ta’u, filannoowwan yaalaa ammoo fooyya’iinsa nyaataa, sochii qaamaa dabaluu, qoricha fudhachuu fi baqaqsanii hodhuu kan dabalatudha. Yaaddoon furdina…

Piroolaaktiinoomaa (Prolactinoma)

Hormooniin piroolaaktiin maali? piituutariin qaama xiqqaa hamma baaqelaa hormoonii oomishuuf sammuu keessatti argamudha. Hormoonota barbaachisoo hedduu ni oomisha. Hormooniin inni oomishu hojii ujummoolee hormoonii oomishanii biroo hedduu to’atu. piituutariin hormoonota uumuun kallattiin gara dhiigaatti gadi lakkisa. Achiis tayiroyidiifii qaamonni keenya biroo hormoonii oomishanii hormoonota barbaachisoo taʼan hedduu akka oomishan kan ajaju piituutaarii dha.pituutaariin  Qaama barbaachisaa…

Qajeelfama yeroo ammaa fi bu’aa qorannoo abdachiisaa wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa

Dhibee sukkaaraa/ Dr. Malaakuu Taayyeetiin Maatiin daa’imman dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa qaban oduu wal’aansa daa’ima isaaniif abdii kennu barbaadaa jiru. Maatiin jireenyi daa’ima isaanii insuliinii irraa bilisa akka ta’u barbaaduun waanuma jiruudha. Garuu kan nama dhibu waadaan hin dhugoomne kun dogoggora ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko oduu balaa geessisu lubbuu daa’ima tokkoo balleessuu danda’a. Torban…

የአሜሪካ የጤና ድጋፎች መቋረጥ ስጋቶችና እድሎች

የአሜሪካው ፕሬዚዳንት ትራምፕ ስልጣን እንደተቆናጠጡ ከፈረሟቸው ፕሬዝዳንታዊ አዋጆች መካከል ጤናን የሚመለከቱ ስር ነቀል  ፖሊሲዎች በዓለም አቀፍ ደረጃ መነጋገሪያ ሆነዋል። አወዛጋቢ የጤና ሚኒስቴር ከመሾም እስከ አሜሪካን ከአለም ጤና ድርጅት (WHO) ማስወጣት፤ ቁልፍ የጤና ተቋማትን ኮሚኒኬሽን ከመዝጋት እስከ የተቋማትን አካታችነት፣ እኩልነት እና ፍትሃዊነትን ለማስፈን የወጣ ፕሮግራም ማገድ ሰፊ ክርክር አስነስተዋል።   ትራምፕ በመጀመሪያው የነጩ ቤተ መንግስት ጊዜያቸው…

Mi’aa Sukkaara Namtolchee (Artificial) fi Yaaddoo Fayyaa Hadhaa’aa

Dhiheenya kana ogeeyyiin fayyaa adda addaa daangeffama nyaataa kan akka ‘kana hin nyaatinaa, sana hin tuqinaa’ jedhu kaa’uun, filannoo nyaataa keenya daangessuun nyaata mi’aawaa irraa akka fagaannu nu dirqisiisuu fi kanaa mannaa nyaata bishaan bishaan jedhan filannoo keenya tokkicha gochaa turaniiru.  Nyaanni arrabni keenya dhandhamu hundi mi’aa hin qabne ta’aa jira. Mi’aa nyaata mi’aa hin…

Scroll to Top