dr melaku taye

Dhukkuba sukkaaraa ulfaa (Gestational diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa ulfaa yeroo ulfaa yeroo jalqabaaf hammi sukkaara dhiigaa yeroo idilee caalaa  ol ka’u dha. Yeroo baayyee ulfa ji’a 5-7 keessatti kan mul’atu yoo ta’u, da’umsa booda ni bada. Yeroo ulfaa dhukkubni sukkaaraa yeroo uumamu fayyaa dubartoota ulfaa fi daa’ima gadameessa keessa jiru irratti dhiibbaa qaba. Garuu dhukkubni sukkaaraa sirnaan yoo yaalame haadhaas ta’e…

Ulfaatina qaamaa hir’isuun maaliif akkas ulfaataa?

Ulfaatina qaamaa hirʼisuun maaliif akka tulluu baʼuu akka taʼe yaaddee beektaa? Ulfaatina qaamaa hir’isuuf hammam yoo yaaltus maaliif deebi’a? Torban kana haasawa TED(TED talk) beekamaa ta’e irratti, Dr. Kaatriin  Saandars, doktorri furdina garmalee Ameerikaa, saayinsii ulfaatina qaamaa hir’isuuf nyaata nyaachuu duuba jiru ifa gooteetti. Haasaan barsiisaa kun sababoota fiiziyoloojii fi xiinsammuu ulfaatina qaamaa itti fufiinsaan…

Qajeelfama nyaata fuduraalee dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa

Gaaffiiwwan dhukkubsattoonni dhukkuba sukkaaraa gaafatan keessaa tokko, ‘Furduraa nyaachuu nan dandaʼaa?’ kan jedhudha. Dhukkubsattoonni sukkaaraa yeroo baayyee akkaataa fuduraalee itti nyaatan irratti odeeffannoo wal faallessu hedduu waan dhaga’aniif ni burjaaja’u. Gorsi nyaataa hin mirkanoofne kan burjaajii uumuu, kan akka firii kana nyaachuu, firii sana irraa fagaachuu, kun hayyamame, sun dhorkaadha fi kkf ni jiru. Doktarri…

Wal’aansa furdina garmalee nama dhuunfaa giddu galeessa godhate: Foormulaan nama hundaaf ta’u hin jiru!

Wal’aansa furdina garmalee ilaalchisee hubannoon keenya yeroo baay’ee dogoggora qaba. Furdinni qaamaa garmalee salphisanii laaluunis ni jira. Dabalataaniis Komachuu fi adda baasuu illee jiraachuu ni danda’a. Namoota baay’eedhaaf furdinni qaamaa dadhabina, gama nama dhuunfaatiin dantaa ofii isaaniif hin yaadne ykn ulfaatina qaamaa hir’isuuf fedhii dhabuu irraa kan ka’e akka ta’e yaadama. Yeroo baay’ee namoonni  ji’oota…

Furdina garmalee (obesity)

Furdinni qaamaa dhukkuba yeroo dheeraa fi deebi’ee dhufuu fi cooma qaamaa garmalee wajjin walqabatee dhufudha (Adiposity Based Chronic Disease). Akka idileetti ulfaatini BMI 30 ol ta’e furdina garmalee jedhama. Kunis rakkoo fayyaa hamaadhaaf sababa kan ta’u yoo ta’u, filannoowwan yaalaa ammoo fooyya’iinsa nyaataa, sochii qaamaa dabaluu, qoricha fudhachuu fi baqaqsanii hodhuu kan dabalatudha. Yaaddoon furdina…

Piroolaaktiinoomaa (Prolactinoma)

Hormooniin piroolaaktiin maali? piituutariin qaama xiqqaa hamma baaqelaa hormoonii oomishuuf sammuu keessatti argamudha. Hormoonota barbaachisoo hedduu ni oomisha. Hormooniin inni oomishu hojii ujummoolee hormoonii oomishanii biroo hedduu to’atu. piituutariin hormoonota uumuun kallattiin gara dhiigaatti gadi lakkisa. Achiis tayiroyidiifii qaamonni keenya biroo hormoonii oomishanii hormoonota barbaachisoo taʼan hedduu akka oomishan kan ajaju piituutaarii dha.pituutaariin  Qaama barbaachisaa…

Qajeelfama yeroo ammaa fi bu’aa qorannoo abdachiisaa wal’aansa dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa

Dhibee sukkaaraa/ Dr. Malaakuu Taayyeetiin Maatiin daa’imman dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa qaban oduu wal’aansa daa’ima isaaniif abdii kennu barbaadaa jiru. Maatiin jireenyi daa’ima isaanii insuliinii irraa bilisa akka ta’u barbaaduun waanuma jiruudha. Garuu kan nama dhibu waadaan hin dhugoomne kun dogoggora ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko oduu balaa geessisu lubbuu daa’ima tokkoo balleessuu danda’a. Torban…

Fayyisaa sobaa akkamitti adda baasuu dandeenya?

Dr. Malaakuu Taayyeetiin Akka addunyaattis ta’e Itoophiyaa keessatti dhukkubni sukkaaraa yeroodhaa gara yerootti babal’achaa jira. Yaadni dogoggoraa waa’ee dhukkuba sukkaaraa fi fayyisoota dogoggoraa (delusional healers) irrattis babal’ateera. Oomishaaleen qoricha aadaa dhukkuba sukkaaraa yaaluuf gargaaran asii fi achi dhagahama. Dubbii kana caalaa hammeessuuf, gaazexoonni fi dhaabbileen miidiyaa televijiinii dhaggeeffattoota baay’ee qaban ragaa saayinsii malee sheekkoo fi…

Furdinni Ulfaatina Idilee (Normal Weight Obesity): Furdinni qaamaa qallachuutiin dhokata

Dr. Malaakuu Taayyeetiin. Mee yeroo hunda ulfaatinni kee idilee fi daangaa fayya qabeessa keessa akka jiru sitti himama haa jennu. Kanaafuu fayyaan kee qabbanaa’aa ta’uu fi ulfaatina qaamaa wajjin walqabatee yaaddoo fayyaa akka hin qabne ni mirkaneeffatta. Yeroo qorannoo fayyaa waliigalaa kamiifuu saamuda kennitan, garuu sadarkaa kolestroolii olaanaa agarsiisa; Sukkaarrillee xiqqoo ol ka’eera.  Garaa kee…

Dhukkubni kolestroolii sooreeyyii ykn warra foon cooma nyaatan qofaaf akka hin taane beektu?

Dhukkubni kolestroolii rakkoo nama hundaati malee  sooreeyyii cooma nyaatan ykn warra borcii qaban qofa miti!  Nama kamiyyuu irratti dhiibbaa uumuu danda’a — si dabalatee! Qormaata hojii yaalaa guyyaa guyyaa koo natti ulfaatu keessaa tokko, kolestroolii fi dhukkuboonni onnee fi ujummoolee dhiigaa kanaan walqabatan dhukkuboota sooreeyyii, warra borcii qaban ykn namoota foon cooma baay’ee nyaatan qofa…

Scroll to Top